Guyyaa Sijaaraa irraa bilisa addunyaa: Maaliif waa'ee miidhaa sijaara nu yaachisa?

Giilsi Everaarid Image copyright Getty Images

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti namoota tamboo xuuxan keessaa wallakkaansaanii sababiidhuma isaatiin du'u.

Waggaa waggaanis namoonni miiliyoona jaha ta'an rakkoo kallattiin sijaaraa xuuxuun walqabatuun kan du'an yoo ta'u, kanneen kuma 900 ta'an ammoo osoo hin xuuxiin haala garaa garaatiin aara sijaaraatiif saaxilamusaanitiin ni du'u.

Lakkoofsi namoota sijaaraa xuuxanii ammalleen yaachisaa ta'u ibsa dhaabbatichi.

Addunyaa kanarra namoota sijaaraa xuuxan biliyoona 1.1 kan jiran yoo ta'u isaa keessaayis %80 kan ta'an biyyoota galiin isaanii gadi aanaafi jiddugaleessa ta'e keessatti argamun isaanii dhimmicha caalaa yaachisaa taasiseera.

Har'a guyyaa addunyaa tamboorraa bilisaati. Ofii tamboo ykn sijaaraa xuuxuun eessaa garam gahe?

Baroota dheeraaf sijaaraa xuuxuun amala jireenya nagaa jedhamee yaadamaa ture.

Wanti sijaaraa keessatti argamu sammuu namoota dadammaqasu 'nicotine' jedhamee maqaa kan argate jaarraa 16ffaa keessa.

Akka qorichaatti...

Ilaalcha bara sanaa aarri sijaaraa miira qorichummaa qaba jedhu irraa ka'uun, dhukkubsattoota biratti barbaadamummaa hakiimootaa yeroon itti hir'isee jiraachu qorataan lammii Holaand Giilis Evaraardi jedhamu ni hima.

Kitaaba isaa bara 1587 keessa barreessee irratti akka eereetti, wayita sanatti aarri tamboo nama summeeffame fayyisuu fi dhukkuboota daddarboo ittisuuf tajaajilarraa oolfamaa akka ture ibseera.

Biyyoota akka Kuubaa, Haayitii fi Baahaamaas keessatti iddoowwan faalaman qulleessuuf, dadhabina hir'isuu fi dhukkuba ittisuuf baala tamboo gubuun aadaa barame akka ture barreessaan Xaaliyaanii Kiristofar Kolombos kitaabaa bara 1492 barreessee irratti kaa'eera.

Baala tamboo nooraa waliin walitti makuun saamunaa ilkaan qulleessuuf tajaajiluu hojjachuun biyya Veenzuweelaatti kan barame yoo ta'u, biyya Hindiitti ammoo ammalleen hojiirra oolaa jira.

Jaarraa 16ffaa fi 17ffaa keessa hakimoota, oggeeyyii wal'aansa baqaqsanii hodhu fi barattoota wal'aansaa biratti sijaaraa xuuxuun kan barame ture.

Sababinsaas ogeessonni dhukkuba reeffa namaa qorannoof itti fayyadaman irraa isaanitti darbuu malu ittisuuf yaadameeti.

Ingiliiz keessatti ammoo bara 1655 irraa kaasee balaa golfaa tureen walqabatee barattoonni mana barnootaatti akka sijaaraa xuuxan taasifama ture.

Kanneen sijaaraa xuuxanis dhukkubicha irraa bilisa ta'u turan. Kanneen qabaman ammoo gara warra kaaniitti akka hin dabarsine amanama.

Image copyright Wellcome Collection

Akkasumas namoonni reeffa namaa awwaalaniifi gubanis akka tamboo xuuxan taasifama.

Haa ta'u malee namoonni miidhaa sijaaraa dursanii hubatan hin dhiban.

Qorataan Ingiliizii Joon Kootaa jedhamu bara 1612tti bu'aa tamboon qabuun alatti qabiyyee lubbuu namaatiif baay'ee balaafamoo ta'an qabachusaa barreesse ture.

Miidhaan tamboo wal jalaan hubatamaa dhufulleen barbaadamummaan isaa garuu gar malee dabalaa dhufe.

Hanga jaarraa 18ffaatti aara sijaaraa gurra keessa galfachuun dhukkuba gurraa wal'aanuuf hojiirra olfamaa ture.

Bara 1920 hanga 1930tti sijaaraa xuuxuun miidhaawwan fayyaa hedduu qaqqabsiisuu akka danda'u amanamulleen, dhaabbanni bara sana keessa sijaara omishuu 'Kaameel' jedhamu 'hakimoonni sijaaraa xuuxuun bu'aa akka qabu mirkanneessaniiru, siriiyyuu isaanuu ni xuuxuu' jechuun beeksiisa hojachisee ture.

Kana malees wallistoonni akka sagalee bareedaa baasaniifi ilkaan isaanii akka addaatuuf sijaaraa akka xuuxan gorfamu ture.

Sababii kanaafu walliftoonni beekamoofi dhiyeessitoonni sagantaa raadiyoo bebbeekamoon baay'inaan sijaaraa kan xuuxan turan.

Waggoota 30'n darban garuu miidhaa sijaaraan fayyaa irran gahu irratti qorannoowwan hedduun ifa ta'u waan eegalaniif namoonnis kana hubachuun of-eeggannoo taasisuu eegalan.

Sababii kanaafuu biyyoonni hedduun seera bakka namoonni baay'een walitti qabamaniitti sijaaraa xuuxuu dhorku baasuuf dirqaman.

Kana malees qophileen waa'ee miidhaa sijaaraa beeksisan bakkeewwan garaa garaatti qophaa'u eegalan.

Biyyoonni tokko tokkos sijaaraa xuuxuun miidhaa sombaa fi qaama namootaa garaa garaa irra qaqqabsiisan ibsuun kaartoonii sijaaraa irratti akka maxxansaniif seera dirqisiisu baasaniiru.

Dubartoonni garaatti baatanis tibba ulfaa yoo sijaaraa xuuxan ulfa miidhuu akka danda'u kan hubachuu eegalan waggoota 30'n durban keessa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerara cimaa addunyaa kana mudate keessaa tokko sijaaraadha kan jedhu yoo ta'u, biyyoonnis haala fayyadama tamboorratti seera cimaa akka baasaniif gorsa.

Seera dargaggoonni sijaaraa akka hin xuuxne dhorku, beeksiifni sijaaraa akka dhorkamu fi dhaabbilee sijaaraa omishan irratti ammoo ashuraa cimaan akka kaa'amuuf yaada dhiyeesseera.

Baay'inni lakkoofsa namoota tambootti fayyadamanii gadi bu'aa jira kan jedhu dhaabbatichi, bara 2000 dhibbeentaa 27 kan ture bara 2016'tti ammoo dhibbeentaa 20 ta'eera jedha.

Haa ta'u malee ammas taanaan galma akka addunyaatti irratti walii galame guutuuf baay'ee hafa jedheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata