Yeroo xiyyaaraan imaltan shaanxaan baduun isin yaaddessaa?

Dubartii shaanxaan buufata xiyyaaraa keessatti jalaa badee gaddaa jirtu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dubartii shaanxaan buufata xiyyaaraa keessatti jalaa badee gaddaa jirtu

Daandiiwwan xiyyaaraa ammallee waggaatti shaanxaa/daduu imaltootaa miliyoona 25 gataa/gara dabarsaa jiru.

Industiriin daandii xiyyaaraa shaanxaan imaltootaa akka hin badneef hojii fooyyee qabu hojechaan jira jedha.

Foyya'insi kunis kan dhufe sababii tekinooloojiin ittiin yeroo shaanxaan badu hordofan guddachaa dhufuusaatiin jedhu.

Haata'u malee, shaanxaan imaltootaa miliyoonotaan lakkaa'aman waggaa keessatti achi buuteen isaanii dhabamaa jira.

Kanaaf, rakkoo kana furuuf hojiin hojjetamu gahaadha jechuun ni dand'amaa?

Yeroo imala dheeraa booda bakka yaadan gahanii shaanxaa ofii eeggatanii dhaban hangama akka nama gaddisiisu isa argetu beeka.

Keessumaa, yeroo bakka shaanxaan itti toora galee yaa'u eeggachuun obsa nama gaafata. Yeroo kanatti hunduu kan isaa fudhatee xumuree booda kan ofii dhabuun hedduu nama gaddisiisa.

Kun mudannoo imaltoota addunyaa miliyoonaan lakkaa'aman hedduu mufachiisaa jira.

Image copyright Alec Thomas
Goodayyaa suuraa Chingaa shaanxaan irra yaa'uuf kan daandii xiyyaara Deltaa

Garuu kun maaliif uumamuu danda'ee?

Industiriin xiyyaara gama xiyyaarota ammayaafi sirna to'annoo tiraafikaan hedduu milkaa'e yeroo shaanxaa keenya to'achuu ta'u ammo maaliif boodatti hafaa ta'ee?

Imaltoota akkas yaaddessus, oduun gammachiisaan garuu hanga tokko hin dhibu.

Dhaabbanni akkaataa shaanxaan imaltoota addunyaa ittiin qabamu hordofu 'Sita' jedhamu akka ibsutti, baayyinni shaanxaa imaltootaa gara darbe bara 2007 miliyoona 47 ture, bara 2018'tti ammoo miliyoona 25'tti gadi bu'eera.

Kan beekamuu qabu lakkoofsi kun kan xiqqaataa dhufe baayyinni imaltoota addunyaa yeroo dachaan dabalettidha.

Kanaaf, tekinooloojiin dhaabbanni 'Sita' jedhamu kun irratti hojjete milkaa'aa ta'uu isaa agarsiisa.

Fakkeenyaaf, daandiin xiyyaaraa US Deltaa jedhamu mallattoo/koodii adda baastuu itti hidhamtu cinaatti qabannaa shaanxaa irratti meeshaa RFID [radio frequency identification] jedhamtu itti hidha.

Kana jechuun ammoo tokkoon tokkoon meeshaa keessanii maashina fayyadamuun xiyyaara kamiyyu keessatti bira ga'ama jechuudha.

Shaanxaan gara darbe kun meeshaa ammayaa daandiin xiyyaaraa Deltaa hojiirra oolcha kana fayyadamuun wiirtuu to'annaa tokkorra taa'uun eessa akka jiru baruun ni danda'ama jechuudha.

"Shaanxaa waggaa waggaadhaan miliyoona 150 ta'anitu daddarbu. Shaanxonni kun tokkoo tokkoon isaanii mallattoon adda baastuun itti taasifama," jecha hoji-gaggeessaan Deltaa Gareth Joyce.

Deltaan yeroo ammaa shaanxaa maamiltoota isaa % 99.9 kan ta'u akka gaariitti qabatee dabarsaaf jedhan. Daandiiwwan xiyyaraa biroos mala adda ittiin baasan RFID jedhamu kanaafi meeshaa mobaayila ta'e shaanxaa sakkatta'u hojiirra oolchaa jiru.

Kun ta'ee osoo jiruu ammas shaanxaa waggaa waggaan imaltoonni qabatanii imalan biliyoona 4 caalu keessaa miliyoona 25 ta'u gara darbu. Maaliif?

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Buufata xiyyaaraa keessatti Konkolaataa shaanxaa harkisu

Shaanxawwan imaltootaa badan/gara darban keessaa walakkaa ol kan ta'u warra balalii xiyyaaraa tokkorraa kan biraatti darbanidha jedha Sita'n. Balaliiwwan xiyyaaraa barfatanis rakkoon kun akka uumamu taasisa sababiin isaas, shaanxaan xiyyaara tokkorraa kan biraatti darbuudhaaf dafee ga'uu qaba. Akkasumas rakkoo shaanxaan dhabamuun biraan yeroo namoonni dogogoraan kan isaanii hin ta'iin fudhatanii deemanidha.

Rakkoo kanaaf sababa kan ta'u wanti biraan, akkaataan shaanxaa itti to'atamuufi qabatamu walxaxaa ta'uu isaati. Buufataawwan xiyyaaraa tokko tokko keessatti daandiiwwan xiyyaaraa warra shaanxaa to'achuun dabarsan kan ofii isaanii yeroo qacaratan, warri kaan dhaabbbata of dand'an ta'anii daandiiwwan xiyyaaraa hedduudhaaf kan hojjetanidha.

Waldaan Tiraanispoortii Qilleensarraa Idil-addunyaa (Iata) bara 1989 iraa kaasee sadarkaa ittiin shaanxaan sirriitti qabamee maamiltootaaf darbuu baaseera.

Image copyright SITA
Goodayyaa suuraa Meeshaa adda baastuu shaanxaa bakka jiru ittiin sakatta'an

Bara darbe Iata'n seera haaraa - Resolution 753 - jedhamu kan akka daandiiwwan xiyyaaraafi buufataawwan xiyyaaraa shaanxaa imaltootaa caalaatti sirnaan qabachuu gaafatu hojiirra oolchee jira. Shaanxaawwan amma bakka irraa ka'aniifi bakkawwan gara garaa yeroo xiyyaara tokkorraa tokkotti dabarfaman sirriitti ilaalamuu qabu jedha Andiriiwu Piraayis Iata irraa.

Baatii darbe keessa ammo Iata'n meeshaa ammayyaa RFID jedhamu guutummaa industirri daandii xiyyaaraa keessatti akka hojiirra ooluu qabu deggeree jira.

Meeshaa kana bitanii hojiirra oolchuun baasii shaanxaa bade barbaaduufi bakka buusuudhaaf ba'uu gadidha

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Shaanxaan cuquliisa shingaarra yoo deemu

Tekonooloojiiwwan daandiiwwan xiyyaaraa biyyoota gara garaatiin hojiirra oolaa jiraniin alatti ammo abbaanis dhimmee shaanxaa isaa eeggachuu qaba. Fakkeenyaaf waan akka GPS ykn mallattoo adda baastu kan neetwoorkii mobaayilaa waliin hojjetu shaanxaa kee hodofuudhaaf si gargaaran hojiirra oolchuun ni danda'ama. Meeshaan akkasii kun shaanxaa kee keessa taa'uudhaan addunyaa kamirraayyu bakka jirurraa ergaa dabarsa. Ergaan bakka shaanxaan kee jiru dabarsu sun ammo appilikeeshinii mobaayilaa keessaniin walqabataadha. Dhaabbileen appilikeeshinii akkasii hojjetan warra LugLoc, Trakdot, Tile fi Smart Unit jedhaman.

Shaanxaan buufata xiyyaaraa keessatti bade walumaa galatti kuusaa meeshaa gara darbee keessa ji'oota muraasaaf erga turee booda caarrachiisuudhaaf ergama.

US keessatti, Wiirtuun Shaanxaa Abbaa Dhabee Albaamaa keessa jiru shaanxaawwan daandii xiyyaarotaa irraa bite caal-baasiif dhiyeessa.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Tuullaa shaanxaa dulloomoo

Fuula marsariitii dhaaba caarrachiisu Albaamaa jiru kanaayyu akkas jedha: "Maal akka argachuu dandeessu hin beektu!"

Yoo industiriin xiyyaaraa dhuma irratti walii galuun hojjetan tajaajilli akkasii kun garuu hafaa deema.

Odeessa kana irratti dabalata