Oromiyaan warshaalee naannoo faalanirratti tarkaanfii fudhate

Faalama qilleensaa Image copyright ALFREDO ESTRELLA

Komishinarri Komishinii Eegumsa naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama qilleensaa Itoophiyaa Prof. Fiqaduu Saaxilamni faalama qilleensaa Itoophiyaa dabalaa jira jedhe.

Guyyaan eegumsa naannoo sadarkaa idila addunyaatti guyyaa har'aa faalama qilleensa dubbii ijoo godhachun Chaayinaatti kabjamaa jira.

Komishiniin Eegumsa naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama qilleensaa Itoophiyaas ayyaana kana hubannoo uummatni waayee faalama qilleensaarratti qabuu cimsuu kaayyeefachuun akka kabajamu beeksiseera.

Qulqullinni qilleensa Itoophiyaa kan biyyoota kaan waliin wal bira yoo qabamu fooyyee kan qabu ta'uu kan himan Prof. Fiqaaduun, magaalota fi naannolee magaalota gurguddootti garuu heddummina warshaalee fi konkolaataa wajjiin walqabatee qulqullinni qilleensaa xiqqaachaa akka dhufe himan.

''Sababa faalama qilleensaan dhibeewwan dhufan fi ittisa isaarratti tumsa hawaasarraa godhamuu qaburratti hojii hubannoo uumuu guddaarratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra'' jirraa jedhan prof. Fiqaaduun.

Akka gabaasa sagantaa kunuunsa naannoo Dhaabbata biyyoota Gamtoomaniitti rakkoowwan fayyaa faalama qilleensaa wajjin walqabatee dhalatuun waggaatti namoonni miiliyoona 7 ta'an umurii malee du'u.

Kanneen keessaa miiliyoona 4 kan ta'an lammiilee biyyoota Ezhiyaa Paasifik ta'uus eeraa. Dhibbaawwan biroon faalama qilleensaan dhufaniis:

  • Uummata addunyaa keessaa 92% qilleensa qulqulluu harganaa kan hin jirre ta'uu
  • Waldhaansa fayyaa dhibeewwan Faalama qilleensaa dhufaniif waggaatti maallaqa doolaara triliyoona shan diinagde addunyaarraa aarsaa ta'uu
  • Faalamni Oozonii bara 2030 tti omisha midhaani 26% hiri'isa jedhamee tilmaamama

Qilleensa qulqulluu harganuu dhabuun dhibeewwan akka sombaa, Asmii, Kaansarii fi kaaniifis nama saaxila.

Oromiyaan faalama ittisuuf maalitti jirti?

Hoogganaa Itti aanaan abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijiirama Qilleensaa Oromiyaa obbo Boonaa Yaaddessaa Oromiyaa keessatti rakkoolee faalama qilliensaa fi faalama naannoo hambisuuf bara kana warshaalee 22 irratti tarkaanfiin fudhatamuu himan.

''Warshaalee Oromiyaa keessa jiran hundarratti hanga balfa gogaa, dhangala'aa fi qilleensa gadhiisaniirratti akkaataa ulaagaa kaahameen qorannoo gaggeesinee warshaaleen 22 haga sirna isaanii sirreesanitti yero akka cufaman gooneerra'' jedhu obbo Boonaan.

Warshaalee kun kan qilleensa faalan, biyyee fi bishaan faalanii akka ta'aniis himan.

Kanneen yeroo hedduu uummatni eegumsa naannoo wajjiin walqabtee komii irraa qabus hordofaa akka jiran nutti himan.

Warshaaleen ulaagaa kaahameen gaditti argamuun yeroof cufaman 22 keessaa dhiyootti hedduun isaanii sirna barbaachisu sirreesuun hojii isaanitti deebi'aniiru.

Faalama geessisuun kanneen eeraman keessaa ijoon warshaalee sibilaa, gogaa, simintoo, kan bun miican fa'a akka argaman Obbo Boonaan dabalanii nutti himaniiru.

Faallaa kanaa warshaalee faalama naannoo ittisuuf waan gochuu qaban caala gumaachan 18'f beekamtii kennuus nutti himan.

Faalama qilleensaa fi kaanis dandamachuuf hawaasni biqiltuu dhaabuu fi kunuunsee guddisuurratti akka hojjetuus dhaamaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata