Filmiiwwan Itoophiyaa maaliif bal'inaan afaanoota biroon hin hojjataman?

Fiilmota Itoophiyaa afaan Amaaraan Image copyright BENIYAM

Naannoo waggaa 40'n har'aa fiilmiin Gumaa jedhu tokko Miisheel Paappaa Taakiisiin hojjatamu dubbatama.

Filmiin kunis maqaasaa qofa osoo hin taane qabiyyeensaa aadaa walitti bu'iinsii hawaasa Oromoo keessatti ittiin hikamu irratti hundaa'uun kan hojjatame ta'uu oggeessoonni damee kanaa ni dubbatau.

Haata'u malee, lakkoofsi namoota afaan Oromoo dubbatanii biyyattii keessatti baay'inaan kan warra kaanii caalus filmiin heddumminaan akka kan afaan Amaaraatti irratti xiyyeefatamuun hojjataamaa hin turre.

Torbaniitti filmiiwwan Afaan Amaaraan hojjataman lama ykn sadii yoo eebbifaman kanneen 80 ol ta'an yoo hojjataman, afaanoota biyyatti biraatiin hojjachuuf fedhiitu dhiibee laata?

Oggeessoonni kanaaf sababa yoo eeran, biyyattiin baay'inaan aadaa, seenaa fi afaanitiin kan badhaateedha jedhu. Haa ta'u malee filmiin daldala ta'usaa ammoo irraanfatamu hin qabaatu jedha Oggeessi Siinimaatografii fi Filmii Taamiraati Makonniin.

Kanaafuu afaanoota Itoophiyaatiin filmii hojjatanii gabaaf dhiyeessuuf dursa gabaan jira? waan jedhutu ilaalamu qaba.

Kana malees filmii afaanota biraatiin hojjachuuf hir'inni oggeessoota damee kanaa fi aadaa sana keessa bahan jiraachuu akka sababa biraatti caqasa.

Deeggarsi motummaan filmiiwwan afaanoota garaa garaatiin akka hojjatamaniif kennu mataansaa hangam kan jedhuus ilaalamu qaba jedhu oggeessoonni.

Obbo Dirib Dil Oggeessii filmii gamasaatiin, filmii afananoota Itoophiyaa adda addaatiin hojjatamu dhabusaatiif sababiin hir'ina barnoota filmii fi hubannoon oggummaaf qaban gadi aanaa ta'unsaa gumaata taasiseera jedha.

Filmii tokko hojjachuuf yaadni ka'umsaa nama yaadaafi qabiyyee sana fidu murteessaadha jechuun, kanaaf ammoo qaawwi dandeettii fi ogummaa jiraachu oggeessoonni dubbifne irratti walii galu.

Gama biraatiin ammoo filannoon namoota filmii hojjatanii murteessaadha jedhu. Oggeessi filmii Henook Ayala Tasammaatiif ammoo hir'nni bajataa afaanoota biyyattii gara biraatiin filmii akka hin hojjanneef danqaa itti ta'eera.

Fimii tokko hojjachuuf fedhii jiraatulleen hir'inni maallaqaa yoo jiraate qaamoleen filmii hojjatan seenaadhuma dhiheenyatti argamu irratti xiyyeeffachuuf dirqamu jedha.

Namoonni muraasni baasii filmiin gaafatu ramaduun hojjachu danda'an jiraatanilleen gabaa yoo hin qabu ta'e ammoo, hojjattoonni filmii gara filmii isa baasii xiqqaan hojjatanii bu'aa irraa argachuuf isaan dandeessisutti cillaanfatu jedha.

Ogganaan Waldaa hojjattoota Filmii Obbo Biiniyaam, bara dhufuutti manneen siniimaa sadarkaa isaanii eeggatan 150 biyyattii gutuutti ijaarsisuun akka eegalamu himanii, leelliftoota filmii kutaa biyyaatti argaman gahuuf ammoo bara 2012 irraa eegalee filmiiwwan afaan Amaaraatiin hojjataman gara afaanoota biraatti hiikuun dhiyeessuuf hojjatamaa jiraachu dubbatu.

Image copyright BENIYAM

Industiriin filmii Itoophiyaa eessaa garamitti

Umuriin Industirii filmii Itoophiyaa ammayyuu umurii daraggeessaa tokkollee akka hin guunne oggeessonni damichaa ni dubbattu. Industirichi mataa ol qabachuu kan eegale baroota 1990n keessa.

Filmiiwwan dursaan eeraman kan akka Guddifachaa, Kezqaazaa walaafan, fi kan kkf barri daawwattoonni kumaatamni itti hiriiranii ilaalaniifi mata duree midiyaalee itti ta'anis ture.

Haa ta'u malee oggeessoonni filmiiwwan biyyattii kanneen keessatti adda dureen qooda fudhatan dagaggoota ta'usaaniin alatti, bajanni ramadamuufis akkasuma gadaanaa akka ta'e himu.

Oggeessi filmiiwwan magaalaa keessatti agarsiifama xinxale tokko akka jedhuutti, filmiin tokko hojjatame agarsiifamu hanga qaqabuutti jiddugalaan gara qarshii kuma dhibba jahaa ni fixa. Kana jechuunis filmiiwwan kan akka 'Quraanyaa' jiran kan baasiin qarshii miliyona afurii itti bahe hindhabaman.

Haa ta'u malee, biyyattii keessatti qopheessaan filmiiwwan baasii kana dandamataniifi barressitoonni filmiiwwan baasii olaanaa gaafatan akkasumas haalli mijataan kana jajjabeessu ammas cimee bahee mul'achuu hin eegallee.

Gaaffii oggeessota filmitiin 'ofii waggaatti filmiiwwan meeqa omishitu' jennee gaafanneef, yoo xinnaate waggaatti 80 hanga 100 jedhu. Manneen siinimaa Magaalaa Finfinnee yoo ilallee ammoo torbaniitti filmii tokko ykn lama ni eebbisiisu.

Dhugaatti ammoo industiriin filmii dhiheenya kana keessa keessattu magaalaa Finfinneetti babal'taa dhufeera. Kanneen filmii dowwachu barbaadanis kallattii arfaniinu eddoowwan garaa garaatti argachu danda'u.

Fakkeenyaaf, Bolee Edinaamool, Saar bet Adonat, Gurdi Sholaa Sencharii Mool, Piyaassaatti ammoo Ampiiriifi Sinimaa Itoophiyaa bakkeewwan filmiiwwan bal'inaan itti daawwatamuudha.

Ciminniifi dadhabbinni damee kanaa maaliidha?

Industiriin filmii kan ijaarame dagaggoota ofiin ofi barsiisaniin ta'uu dubbata walitti qabaan Waldaa omishtota filmii Biiniyaam Alamaayyoo. Oggeessoonni damee kanaa gahumsa qaban umamaa jiru jedha.

Oggeessa filmii kan ta'e Dirib Dil ammoo haalawwan guddina filmii ittiin safaramu keessaa tokko baayyna filmiiwwan hojjatamaniiti jedha. Haaluma teknolojiin midiyaa fooyya;aa adeemuun, saffisaan filmiiwwan hojjachuun gabaatti dhiyeessu waan dandeessisuuf baayyinni dabaleera jedha.

Ta'ulleen immo akka hojii oggummaa tokkootti sadarkaa festivalaatiin addunyaarratti dorgomuuf carraan filmiiwwan Itoophiyaa ganaa baayyeetu hafa jedha Dirib Dil.

Oggeessi Siinimaatografii fi Filmii Taamiraati Makonniin ammo garuu qulqullina filmii qofa ilaaluun guddinni jira jechuun akka hindanda'amne hima. Qulqullinaaf kan gumaate tekinolojii yoo ta'u kanaan ala dhimmoonni ilaalamu qaban akka jiran hima.

Oggeessi filmii Kenook Ayala Tasammaa ammoo, daawwattoota filmii jiraachuu fi aadaawwan seenaawwan biyyatti himuuf gargaaran jiraachunsaanii kennaawwan industirii Itoophiyaatiif umamaan kennaman akka ta'an amana.

Filmiin Itoophiyaa Hir'inawwan attamii qaba?

Ilaalchi filmiin akka damee ogummaa waa xiqqoo hojjachuun baay'een irraa buufamutti yaaduun dogongora jedha Dirbi Dil.

Filmiiwwan muraasni isaanii festivaaloota biyyoota biraa kan akka Awuroppaa fi Ameerikaa irratti carraa waancaa argamsiisuu qaqaban illeen ammalleen gama dhiyeessuu, suur-sagalee, tekinikaa, fi taatootaatiin sadarkaasaa kan eeggate ta'uuf ni hafa jedha.

Kana malees hanqinni maalaqaa fi naamusni oggeessootaa waan dagatamu hinqabaannee akka ta'e himu oggeessoonni dubbine hundu. Akkasumas industiriin filmii biyyattii abba dhabunsaa, immaamanii fi qajeelfamni dhabamuun rakkoolee irra darbamu hinqabaanne jedhu.

Dameen kunis seera ALI bara 1967 baheen ogganamaa jira jechuun qabxiiwwan duubatti hafiinsa damee kanaaf gumaatan himu.

Gama barreeffamoota dameetinis dhimmoota cicimmoo ta'an kaasuurra gara haasaa jette jette fakkaataniitti kan cillaanfatu ta'u hin dhoksine oggeessoonni kunneen.

Yaadni seenaa cimaa ta'e ammoo sababii gatiitiin filmii hojjachuuf akka dhorkee himu.

Akkasumas, kanfaltii manneen siinimaa kanfalchiisaniifi taaksiin motummaa, namoonni filmii hojjatan kan itti baasan akka hin argannee taasisaa jira kan jedhu Obbo Taamiraat, filmii hojjachuun warra kaaniif galii argamsiisuun alatti abbichaa kan jajjabeessu miti jedheera.

Manneen barnootaa filmii barsiiftotaa fi meeshaalee barbaachisaniin gutaman dhiibuusaas akka hamqina biraatti ka'eera.

Furmaata maaltu kaa'amu qabaata?

Damee kana guddisuun dinagdee biyyattiif kan gahee isaa akka gumaatu gochuuf motummaa deeggarsa taasisu qabaata jedha Obbo Henook.

Obbo Taamiraatis motummaa komishinii filmii hundessuun hojiiwwan biyyatti beksisan jajabeessuu, warkishooppiifi manneen barnoota filmii haa deegaru jedhu.

Obbo Dirbi Dil ammoo oggeessoonni damee kana mataansaanii gama dandeettii yaada haaraa maddisiisuufi teknikaatiin gahumsa akka horatan taasisuun caalaa murtessaadha jedha.

Oggeessi filmii tokko waa'ee seenaa dubbachuu fi agarsiisu barbaaduu tokko haala bilchaateefi barreessuurraa kaasee oggummaa bilchaateen dhiyyeessuu qabaata. Kana gochuuf ammoo hojichaaf xiyyeeffannoo cimaa kennuu barbaachisa jechuun ibsa.

Haalli filmiin tokko itti intarneetii, TV, manneen siniimaatti irra dedebbiin agarsiifaman irrattis imaammanni hojiirra oolfamu qaba jedhu ogganaan waldaa hojjattota filmii Obbo Biiniyaam.

Filmiiwwan haala gaariin hojjataman akka fakkeenyaatti fudhachuun jajjabeessuu fi waltajiiwwan irratti yaada ijoo itti walii kannamu mijjeesuun fooyya'insa damee kanaaf dhimmoota barbaachisan keessattii jedhu obbo Henooki.

Odeessa kana irratti dabalata