Rakkoo Sudaan: Taateen Sudaan maaliif Sa'uudii, Ijipti, Tarkiifi Raashiyaa dhibe?

Dubartii Sudaan mormii Kaartuumitti geggeeffamerratti, Caamsaa 30,2019 Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Biyyoonni Baha Giddu Galeessa naannawa Sudaanitti siqanii jiranii fi addunyaarratti biyyoonni jajjaboon dhimma biyyattii itti dhiyeenyaan hordofaa jiru

Hookkarri Sudaan keessatti bubbule lubbuu lammiilee galaafachuu ittuma fufeera.

Tibbanammoo waldhibdeen mormitootaa fi humnoota nageenyaa biyyattii gidduutti uumame lubbuu lammiilee hedduu galaafateera.

Magaalaa guddittii Sudaan, Kaartuum keessatti namoonni daandiirratti reebamuu, butamanii hidhamuu fi ajjeefamuun akka malee heddummaatee jira.

Erga waldhibdee kanaatii namoonni 113 ajjeefamuu doktaroonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu, mootummaan garuu namoonni 46 du'uu amane.

Waanti Sudaan keessatti ta'aa jiru kun dhimma biyyattii qofa ta'ee hin hafne, biyyoonni Baha Giddu Galeessaa fi biyyoonni ollaa akkasumas kanneen addunyaarratti aangoo qaban dhimmsaanii godhataniiru.

Magaalonni jajjaboon Riyaad irraa Kaayirootti, darbees Ankaaraadhaa hanga Moskootti haalaan itti dhimmamanii waa'ee taatee Sudaan hordofu, yaadaanis wal mormuu eegalaniiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Hooggansa humna waraanaa Sudaan keessatti Sa'uudii Arabiyaa fi michuuwwan biyyoota galoo galaanaa dhiibbaa uumuu danda'aniiru

Garee Sa'uudii-UAE-Ijipti

Gareen Baha Giddu Galeessaa keessatti yaada wal waraansaa qaban Sudaan keessattis tapha eegalaniiru, dirree waraanaa godhachaatti jiru.

Gareen Sa'uudii Arabiyaa biyyoota galoo galaanaa waliin ta'uun garee Tarkii fi Qaataar waliin walqoollifataa turan amma Kaartuum keessatti hojiirra ooluu eegaleera.

Sa'uudiin michoota ishee biyyoota garee Imireetotaa(UAE) akkasumas biyya ollaa Sudaan Ijipti waliin ta'uun hooggantoota waraanaa Sudaaniif deggersa kennu.

Biyyoonni sadanuu dhiibbaa uummanni bal'aan bulchiinsa humna waraanaa amma aangoo harkaa qabu irraan ga'u qolachuuf waan dhaabbatan fakkaatu.

Magaalonni Riyaad fi Abuu Daabiin deggersa maallaqaa Doolaara Ameerkaa biiliyoona 3 Sudaaniif waadaa galaniiru.

Erguma humni waraanaa aangoo qabatee as jalqaba ji'a kanaatti osoo hookkarri alanaa kun hin eegalin Jenaraalli Sudaan Riyaad, Abuu Daabii fi Ijpti daawwatanii turan.

Kaayyoon isaaniis deggersa barbaacha akka ta'etu himama

Biyyoonni sadeen erga Pirezidaanti Omar Hasan al-Bashir aangoorraa buufamanii as Sudaan keessatti dhiibbaa guddaa uumaa jiru.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Under the deposed former president Omar Al-Bashir, Sudan and Turkey grew closer

Tarkiifi Qaataar

Tarkii fi Qaataar ammoo fiixee kan biraa qabatanii deemuu eegalan.

Isaan kunneen warra garee Islaamummaa deggeran, kanneen durumaanuu Sudaan waliin hidhata qaban turan.

Qaataar biyya Sudaan keessatti hojii misooma qonnaa bal'inaan hojjetti, Tarkiinis bara bulchiinsa Recep Xayyib Erdoogaan keessa hariiroo Sudaan waliin cimsiteetti.

Bara 2018 keessa Qaataar, Tarkii fi Sudaan buufata doonii Suakin misoomsuuf walii galtee maallaqaa doolaara Ameerkaa biiliyoona 4 mallatteessanii turan.

Waggoota 30 aangoorra turan keessatti Al-Bashir garee lamaanuu ofitti qabanii fedhii isaanii eeganii waliin turan.

Hoogganni Humna Waraanaa amma biyyattii bulchaa jiru garuu Sa'uudii waliin irruma caalaa michoomeera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mormitoonni Sudaan hanga humni waraanaa aangoo dabarsee kennutti hiriira itti fufan

Gamtaa Afriikaa

Gareen lamaanuu uummata dimokiraasii dheebotee bahe hin deggeran, Sudaan keessatti dimokiraasiin dhugaa akka argamu fedhii hin agarsiifne.

Gamtaan Afriikaa fi biyyoonni dhihaa ammoo uummata dimokiraasii fiduuf ba'ee fi bulchiinsa siivilii biyyattii keessatti fiduu ni deggeru.

Inumaa Gamtaan Afriikaa yeroodhaaf Sudaaniin gamticha keessaa ala tursiisuufi humni waraanaa yoo aangoo dabarsee bulchiinsa siiviliif hin kennu ta'e qoqqobbii akka irra kaa'u akeekkachiisee ture.

Humni waraanaa Sudaan garuu kan yeroo ammaa pirezidaantii Gamtaa Afriikaa taatee jirtu Ijipti irra abdii kaa'ateera.

Biyya ollaa Sudaan Itiyoophiyaarraammoo Ministirri Muummee Abiy Ahmad garee lamaan gidduutti marii araaraa geggeessuuf Jimaata darbe gara Sudaan imalanii turan.

Mormitoonni garuu humni waraanaa kanaan duras waadaa waan cabseef hin amannu jechuun marii araaraa didan.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sudaan Galaana Diimaatti dhiyaattee argamuunshee biyyoota addunyaa hedduu waliin akka walitti dhuftuuf haala mijeesseera

Raashiyaa, Chaayinaafi US

Biyyoonni akka Gamtaa Awurooppaa fi US dhimma Sudaan keessaa dhabamuun biyyoonni naannawa kana jiran akka fedhasaaniitti dhiibbaa akka geessisaniif haala mijeesseera.

US karaa Sa'uudiitiin fayyadamuun Sudaan irra dhiibbaa kaa'uun akka dararaan mormitoota nagaarra hin geenye gochuuf yaaltus, dhimma Sudaan irratti garuu hamillee fi ejjennoon Tiraampi qabbanaa'aadha.

Ji'a Amajjii darbe keessa qofa US qoqqobbii diinagdee fi daldalaa kan sababa shororkeessummaa fi sarbamuu mirga dhala namaatiin Sudaan irra ture irraa kaasteetti.

Qoqqobbiin kun waraana Daarfuur kan bara 1990 irratti dhumaatii namootaatiif mootummaan Sudaan ittiin himatamuun kaa'ame.

Humni waraanaa Sudaan Gamtaa Awurooppaa fi kanneen biroo waliin ta'uun shororkeessummaa irratti duulaa ture, godaansa gara Awurooppaatti taasifamu ittisuurraattis ga'ee gumaachaa ture.

Chaayinaa fi Raashiyaanimmoo tasgabbii Sudaanii fi naannawa isheef fedhii akkaan agarsiisaa jiru.

Moskoon waggoota kurna hedduuf meeshaa waraanaa Sudaanitti gurgurachaa turte, erguma Dhaabbati Biyyoota Gamtomanii qoqqobbii meeshaa waraanaa irra kaa'ee asittillee (ALA bara 2005).

Kana malees Raashiyaan kaampaaniiwwan albuudaa hedduu Sudaan keessaa waan qabduuf dhimmamuu eegalteetti.

Hariiroon Chaayinaafi Sudaan yeroo dheeraaf kan tureedha.

Mootummaan Chaayinaa misooma boba'aa Sudaan akkasumas yeroo ammaammoo damee kominikeeshinii, ijaarsa daandii fi misoomaawwan bu'uuraa biroo keessatti deggersa kennaa jirti.

Odeessa kana irratti dabalata