Iboolaa akka haaraatti DR Koongootti mul'ate sodaa umee jedhame

A Red Cross Safe and Dignified Burial team (SDB) respond to an Ebola alert in the DRC Image copyright EPA

Ittigaafatamaan dhaabbata tola oltummaa qorannoo wallaansaa irratti beekamaa ta'e tokko tatamsa'inni Iboolaa biyya DRC Kongootti keessatti mulate ''dhugaadhumatti yaachidhaa' jedheera. .

Kana dura namoonni 1400 ta'an DR Kongoo vaayirsii dhukkuba Iboolaatiin qabamanii du'unsaanii ni beekama.

Dr Jeremy Farrar daarektarri dhaabbata 'Wellcome Trust' dhukkubichi erga bara 2013-16tti baayyee cimaa ta'usaa fi dhaabbachuuf mallattoo omaa kan hinagarsiisiin ta'u himaniiru.

Dhukkubicha gara biyya olaa Yugaandaattis tarkaanfachuun kaleessa mucaan umuriin waggaa shanii kan du'e yoo ta'u harra ammoo akkawoon michaa sanaa boqachuun isaanii barameera.

Kunis erga motuummaan Yugaandaa jiraachuu vayirasii kanaa mirkaneessee guyyoota lama keessatti lakkoofsi namoota vaayirsii Iboolaatiin du'anii lamatti ol kaaseera.

Kanaanis Yugaandaatti namoonni vaayirasii dhukkuba kanaatiin qabamusaanii yoo gabaafamu kan jalqabaati.

Motummaan Yugaandaa akka beeksiseettis, wayita ammaatti namoonni torba vaayirasichaan qabamaniiru jedhamanii shakkamuun lafa turtii keessatti argamu.

Dr Farrarakka jedhaniitti, 'kan naa naasiisuudha garuu ta'us ammoo kan nama dinqisiisu miti''

"DRC Koongoonis qofaashee waan itti rakkattu ta'u hinqabaatu'' jedhaniiru.

Erga Iboolaan biyya DR Koongoodhaa gara Yugaandaatti ce'uunsaa dhagahamee asi Ruwaandaanis daangaa isheerratti to'annoo cimsitee jirti.

Ruwaandaan karaa Lixaatiin DR Koongoo waliin kan wal daangeessitu yoo ta'u gama bahaatiin ammoo Yugaandaa waliin wal daangeessiti.

Iboolaan amma DR Koongootti yoo mudatu kun kan yeroo lammaaffaa fi haala sodaachisaadha jedhameera.

Odeessa kana irratti dabalata