Dhiiga Arjoomuu: Ilaalchoonni dhiiga arjoomuurratti jiran maal fa'aadha?

Namni dhiiga arjooma Image copyright Getty Images

Namoonni fayyaa yoo qabaatan dhiiga arjoomuu ni danda'u jedha Dhabbanni Fayyaa Addunyaa.

Akkeekachiisoonni muraasni kan namoonni dhimma kanarratti akka ilaalchaa garagaraa akka qabaatan kan godhu ni jiru.

Kunneen muraasa isaaniiti.

Namoonni foonii hin sooranne dhiiga hin arjooman

Ilaalachi kun waa'ee albuuda Ayiraniirratti kan xiyyeeffatu- kunis immoo qabiiyyee dhiigaa keessaa isa murteessadha. Yaaddoon namootaa immoo gosoonni nyaata kuduraafi muduraa hammi qabiyyee Ayiranii isaanii xiqqaadha kan jedhudha.

Ta'us garuu nyaata madalawaa gahaa yoo nyaatan hamma aayiranii gahaan qaama keessaan keessa ni jiraata.

Dhiigni keessan hanqinna Ayiranii qaba taanan nageenyummaa keessaniif dhiiga arjoomuu hin dandeettan. Biyyoonni hedduun qorannoo heemoogiloobiinii erga gaggeessanii booda namoonni hanqinna dhiigaa qaban dhiiga arjoomuu hin danda'an.

Tumaan qaamaa akka hin arjoomne dhorka

Dhorkamiinsi tokkoolle hin jiru, ta'us garuu turtiin tuumaa hojjachiifachuu yookiin doktaar ilkaanii bira deemanii ilaallamuuniifi dhiiga arjoomu giddutti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dhiiga arjoomuun duratti yoom akka tumaa hojjachiifatan beeka

Dhabbanni Fayyaa Addunyaa namni tumaa erga hojjichiifatee ji'a jahaa, kutaa qaama erga waraannatee sa'aatii 12fi yaala ilkaanii erga godhatee sa'aatii 24 booda kan dhiiga arjoomuu danda'u jedha.

Yoo si dhukkubbe, ulfa, daa'ima ykn maanguddoo taatee arjoomuu hin dandeettu

Inni kun dhugaadha. Namoonni vaayirasiin HIV/AIDS qaama isaanii keessatti argamu, dhukkubsataan dhibee tiruu, fanxoo, daranyoo sombaafi dhukkusatoonni dhibee daddarboo qaban arjoomuu hin danda'an.

Dhiiga arjoomuuf dhibee kamurraa erga fayyitanii yoo xiqqaate torbee lama turuu qabdu.

Qoricha farra baakteeriyaa fudhachaa turtan yoo ta'e immoo qoricha fudhatanii xumurtanii torbee tokko guutuu qabdu.

Akkaataan qoricha booda dhiiga arjoomaan biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba.

Haati ulfa taate, kan hoosiistu yookiin yeroo dhihoo deette yookiin ulfa baasitte hamma hammi aayiranii qaamaa ishee sirratutti yeroo muraasa eeguu qabdi.

Laguun garuu dhiiga arjoomuu nama hin dhorku.

Dhiiga arjoomuuf umuriin gad aanaan wagga 16. Kunis immoo hayyamummaa daa'ima dhiiga arjoomuu seera biyyootarratti hundaa'a.

Ga'eessotaaf fiixeen umurii jirachuu baatus biyyoonni hedduun garuu umurii 60-70 keessa ta'uu qaba jechuun seera qabu.

Namoota yeroo jalqabaaf arjoomuuf garuu haal dureewwan heddu jiru keessatiyyuu biyyoota haalli jireenya isaanii gad aanaa ta'e.

Barmaatilee "rakkoo fidan"

Jireenyi mataasaan rakkoodhaan kan guutamedha. Rakkooleen kunneen dhiiga arjoomurraa isiin dhorkuu danda'u.

Akka Dhabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti, amaloonni akka waahila saal-qunnamatii heddu qabachuun wal qunnamtiidhaaf qarshii kaffalluun yookiin fudhachuun yookiin dhirroonni dhiira waliin wal qunnamtii saalaa gochuun dhiigaa arjoomuurraa nama dhoorkuu danda'u jedha.

Biyyoonni hedduun namoota haalota kanneen keessatti hirmaatan arjoomuurraa ni dhorku. Ta'us garuu mirga isaanii sarbuudha jedhamee waan ilaallamuuf arjoomuu ni danda'u ta'a.

Dhiigni keessan hin dhumatu

Image copyright Getty Images

Namoota umurii giddu galeessa keessatti dhiiga liitira 5'ttu qaama isaanii keessatti argama. Kunis ulfaatinna qaama isaaniirratti hundaa'a. Dhiigni arjoomamuu giddu galeessan ml 500n.

Namoonni umurii giddu galeessa fayyaa qaban eega dhiiga arjoomanii booda sa'aatii 24-48 keessatti dhangala'aa dhaban san deebi'anii ni argattu.

Walumaa galatti, yoo...

  • Fayyaa qabdan
  • Ulfaatinni keessan yoo xiqqaate kg 50fi kg 160 gad taatan
  • Umurii 18-66 taatan (biyyaa biyyatti garaagarummaa qabaatus)
  • Haadha ulfaa yookiin hoosiifittu hin taane
  • Vaayirasiin HIV/AIDS yoo hin qabaanne
  • Bartiilee 'rakkoo fidhan' ji'oota 12 darban keessatti hin hirmaanne ta'e

...dhiiga arjoomuu ni dandeettu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata