Marsabit, Keenyaa: Imala koo jalqabaa Kaaba Keenyaarraa waanin arge

Haroo Sokortee, Paarkii Marsabiit

Magaalaa guddoo Keenyaa Naayiroobiirraa ka'uu keenyaan dura odeeffannoo muraasa walitti qabneen, Kaawuntiin Marsabiit akka garmalee ho'ituufi gammoojjii garmalee ta'uusaa odeeffanne.

Kanumaaf akka nuu toluufis uffata haala qilleensaa gammoojjiif mijatu qopheeffannee imalaaf kaane.

Magaalaa mudhiin lafaa keessa dabru- Naanyuukiitti laaqanaaf dhaabanne.

Naanyuukii keessa haala magaalota kaaniirraa adda taheen lammiilee biyyoota biroo argine.

Yeroo jalqabaaf konkolaataa bifa magariisaa lakkoofsa gabatee biyya Raashiyaa arginee ajaa'ibsiifanne. Achiin booda garuu konkolaattota biyya Ingiliiz lakkoofsaan xiqqoo hin jedhamne argine.

Diinagdeen magaalaa tanaa irra guddeessi galii loltoota biyyoota garagaraa leenjiif achi dhufan irratti kan hundaa'edha.

Laaqanaan booda magaalaa Isiyoolloo keessaan baanee gara galgalaa Magaalaa (Dira) Marsabiit geenye.

Magaalaan kun akkuma nuti eegneen hagas mara ho'ituu fi teessuma lafa gammoojjii kan qabdu osoo hin tahin gaaraan kan marfamtedha.

Achuma magaalaa sana keessaa otoo hin fagaatiin Paarkiin Biyyoolessaa Marsabit ni argama.

Paarkiin kun haalaan magariisaa fi bineensota bosonaa kanneen akka gafarsaa, arba, harree diidoo fi kanneen biroon hedduun keessatti argamu.

Paarkii kana keessattis haroon Sokortee Guddaa (Lake Paradise) fi Sokortee Xiqqoo jedhaman, kanneen bineensonni dhufanii bishaan itti dhugan jiru.

Marsabit keessa paarkiin akkasiin haalaan bareedu ni jira jedhee guyyaa takkallee yaadee hin beeku. Deebi'ee dhufuun koos waan oolu miti.

Booranaa fi Gabraa

Otoon gara Marsabit hin dhaqin dura gosoonni Booranaa fi Gabraa afaaniifi jiruuf jireenyaan haalaan gargar akka tahanin yaada ture.

Marsabit gahee kaniin arge garuu kanarraa adda. Tarii jiraattonni achii salphumatti addaan baasuu danda'u malu, anaaf garuu kamtu gosa Booranaa, kamimmoo gosa Gabraa akka tahe addaan baasuun natti ulfaateera.

Godaanaa fi Guyyoo: kamtu Boorana? Kamtu Gabra?

Gabris, Boorannis afaanuma takka haasawa - garaagarummaan loqodaallee hin jirtu. Akkaataan uffanaa isaanii daran wal fakkaata, anaaf.

Lachanuu irra caalaa horsiisee bultoota. Irra caalaatti ollaa itti qubatan haa qabaatan malee, walkeessa jiraatu.

'Siyaasatu waldhabdee hammeesse'

Booranni gosoota Sabboo fi Goona jedhaman lamaan kan gargar qoodamu yommuu tahu; Gabri ammoo gosoota shan: Algaannaa, Sharbanaa, Gar, Galboo, fi Oddolaa jedhamaniin qoodama.

Hawaasni lamaan kunniin akkasiin heddumminaan walfakkaatanii, maaliif gosoota kaan caalaa walwaraanu? Gaaffii kiyyaafi kan waahila koo Yaadataa Birhaanuu ture. Namuu kan nuu deebisu 'Siyaasa'.

Goodayyaa suuraa Gaazexeessaa Yaadataa Birhaanuu meedhacha hidhate

Yeroo hedduu kaawuntiin Marsabit miidiyaalee biyyooleessaa irratti maqaan kan kahu waldhabdee, ajjeechaa fi oduuwwan kanneen kana fakkaataniin.

Anis ta'e namooti na waliin turan sodaaf halkan buluu hin dandeenye.

Bulchaan Ittaanaa Marsabit Abba Solomoon Guboo wayitan as Naayiroobiitti argee dubbiseetti, ''Wanni guddoon dhib (rakkoo) kanaan deemuutti jiru, siyaasadha,'' jedhu.

Namni siyaasaa gama Gabraa fi Booranaan jiru cufti wal qabatee, akkanaan nagaa kana jaaran malee, nagaan hin dhuftu,'' jedhu Abba Solomon.

Misooma

Akka jiraataa dira Keenyaa guddoo Naayiroobiitti waanin arge, akkuma gara Kaaba biyyattiitti fagaachaa adeeman magaalonni kaaba biyyattii jiran misoomaan hagas mara miti.

Akka lammii Itoophiyaa tokkootti saffisni intarneeta Itoophiyaa fi kan Keenyaa walbira qabnee yogguu madaallu - tasumaa wal hin argu.

ALA bara 2018 biyyattii Baha Afriikaa - Keenyaa saffisa intarneetaan biyyoota Afriikaa keessaa sadarkaa 2ffaarra kaa'an.

Goodayyaa suuraa Magaalaa Marsabiit

Nutis warri dira Naayiroobii keessa teenyu kana mirkaneessuu dandeenya. Intarneetii saffisa olaanaa qabu addaan ciccituu tokko malee abuurra.

Gara Kaaba biyyattiitti yogguu imalan garuu, kan isinii qunnamu waan addaatti. Gidduu magaalaa fi iddoo tokko tokko malee saffisni intarneetii kan mobaayilarraas tahe, kan WiFi hagas mara miti.

Facebook Live irratti waa tamsaasuuf karoorri qabnullee otoo hin milkaa'in hafeera.

Aartii

Itoophiyaa keessa yeroo ammaa, yoo xiqqaate kiliippiin muuziqaa Afaan Oromoo torbanitti lamaafi isaa ol ni oomishama. Qulqullinni hojii viidiyoo fi muuziqaa guyyaadhaa guyyaatti fooyya'aa jira.

Kana keessattis kilippoonni aadaa Booranaa agarsiisan ni dalagamu.

Booranni gama Keenyaatiin jiru garuu kanaan waan milkaa'e hin fakkaatu. Kilippoota lakkoofsaan hedduu muraasa tahan, yoo hojjjetamanillee qulqullina kan hin qabnedha.

Akka ilaalcha kootti guddinniifi qulqullinni muuziqaa Booranaas muuziqaalee biyyattii keessaa sadarkaa gadaanaarra kan argamudha.

Har'allee artistii muuziqaa Booranaa, Keenyaa keessaa maqaa dhahi yoo naan jettan- Abdullaahi Jirmaa qofan beeka.

Artistoonni Keenyaa keessaa fi Itoophiyaa keessaa walitti dhufuun muuxannoo osoo qooddatanii, aadaawwan babbareedoo warri gam kanaa qaban addunyaatti agarsiisuun ni danda'ama jedheen amana.

Afaan

'Sirikaalli guddoo nu sappoortite'- kun maal jechuu akka tahe tilmaamuu dandeessuu? Sirikaalii jechuun afaan Siwaahiliitiin mootummaa jechuu yogguu tahu, sappoortite ka jedhu ammo jecha Afaan Ingiliizii support - deeggarsa jedhurraa ergifame. Kanaaf 'Mootummaan guddoo nu qarqaarte' jechuudha.

Kana akka fakkeenyaattin fudhadhe malee jechoonni Afaanota Kiswaahiilii fi Ingiliizii heddumminaan Afaan Oromoo/Booranaa keessa makuun dubbatu.

Akka koo Afaan Kiswaahilii hedduu hin beektan taanaan, Marsabit fi Mooyyaleetti rakkachuu dandeettu.

Goodayyaa suuraa Meedhacha

Qubee qubeessuurrattis haala Oromiyaa keessatti akka odeessa kana dubbiftanitti otoo hin tahiin haala adda ta'een qubeessu.

Laafaa fi jabaa, dheeraa fi gabaabaa, qubee dachaa fi seeronni qubeessuu biroo, seera barreeffamaa warra Booranaa kan Keenyaa keessa jiran bira hin baratamne.

Fedhiin guddoo jiraachuu

Gama aadaatiin waan kaawuntii kana keessatti na dinqe keessaa tokko haadholii, abbootii fi dargaggoonni gareen gurmaa'anii jiru.

Haati Akuulee Didaa jedhaman garee Ardaa Gadamoojjiitti waan aadaa Booranaa agarsiisan kanneen hooggannu.

Aadde Akuulee fi miseensonni garichaa biroon hawaasa Oromoo Itoophiyaa keessa jiruun walbaruu barbaadu.

Keessattuu Irreecha Malkaa Harsadee Bishooftuutti irreeffatamu irratti hirmaachuu barbaadu.

''Yoo Rabbi jedhe, gaaf tokko akka gareetti achitti aadaa keenna agarsiisuu fi kan keessanis arguu feena,'' naan jedhan.

Maamaa Akuleen kokkolfaa ''An keenya akkasiin agarte. Mee aadaa keessan keessaa tokko naa taphadhu,'' naan jedhan. Achii maal akka tahe tilmaamuu dandeessu.

Eebbaan buufanna:

Waaqi marraa-bisaan nuu sifeessinna.

Horaa bulaa deebanaa, angafaa maandhaan bulaa!

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata