Dhaabbilee mootummaa gurguddoo gurguruuf yeroon sirrii yoomi?

Hasxaa Itiyoo telekoomiifi Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Image copyright Ethiotelecom/ET

Karoorri dhaabbilee gurguddoo harka mootummaa turan sududaan gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarsuuf mootummaan Itoophiyaa itti jiru ogeeyyii diinagdee fi siyaasaa gargar qoodee jira.

MM Abiy Ahimad battala aangootti dhufan ture dhaabbilee gurguddoo kanneen abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuuf karoora qabaachuu kan himan.

Waggaa tokko darbe keessa koreen dhaabbilee kanneen gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarsu ijaaramee hojilee addaa addaas hojjetaa ture.

Ega MM Abiy karoora kana gadi baasanii waggaa tokko darbullee, hanga ammaa dhimma ijoo ta'ee itti fufeera.

Gariin namaa dhaabbileen kunneen hanga yoomii harka mootummaa turu, gurguramuu qabu yoo jedhan, gariin ammoo "kun biyya gurguruun gadii miti" jedhanii falmu.

Osoo humni dorgomuu abbootii qabeenyaa biyyattii hin jabaatiin attamiin abbootii qabeenyaa biyyoota alaa waamna jechuunis gaafatu.

Gareen sadaffaan ammoo dhaabbileen gurguramuu qabanifi gurguramuu hin qabne jiru warra jedhani.

"Namoonni dhimma kana raawwachiisan wanti hundi abbootii qabeenya dhunfaaf darbuu qaba jedhanii yaaduun irra hin jiraatu" jedhu hayyuun diinagdee Yuunivarsiitii Finfinnee pirofeesar Alamaayyoo Gadaa.

Fakkeenyaaf Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa ulaagaa diinagdees ta'e siyaasaa kamiinuu gurguramuu hin qabu jedhu hayyuun kun.

Kanneen biroo akka warshaalee sukkaaraa yoo gurguraman bu'a qabeessadha jedhu.

"Gara Itiyoo-Telekoom yoo dhuftu qooda olaanaa harkatti hambifanne, fakkeenyaaf dhibbeenta 70 qabannee, 30 yoo gurgurre bu'a qabeessa ta'uu danda'a" jedhu.

Kan gurguramus dhaabbata Afriikaatti yoo ta'e walooma cimsa waan ta'eef bu'a qabeessummaan isaa ni dabala jedhu.

Gurguruun dirqama yoo ta'e ammoo 'regulatory body' qaama to'atu dhaabuun dhimma yeroon kennamuuf miti jedhu.

"Mootummaan galii dhibbeentaa 60 Teelee irraa argata, 30 ammoo Baankii Daldalaa Itoophiyaa irraati. Kana lamaan gurgurte jechuun harka qullaa kiiloo 4 teessa jechudha."

"Murteewwan diinagdee dabarsuuf investimantii homaatuu of harkaa hin qabdu jechuudha."

Mootummaan wanni gochuu qabu, warra akka Teelee gariin gurguree humna to'achuu isaa erga gabbifate booda warra kaaniif banaa gochuudha jedhu hayyuun kun.

Dhaabbileen kunneen abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarfamuu warra deeggaran keessa siyaasa Itoophiyaa irratti yaada kennuun kan beekamuu dubbi himaan duraanii paartii Samayaawii Obbo Yonaataan Tasfaayee isa tokko.

Dhaabbilee kanneen abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuun faayidaan isaa inni duraa 'monopoly' ykn wanni hundi harka mootummaa jalatti kufuu hambisuufi jedha.

"Dorgommiin gabaa keessa akka jiraatu taasisa, sun ammoo hawaasni omishaa fi tajaajila fooyyee qabu akka argatu gargaara" jedha Yonaataan.

"Faayidaa diinagdee warra ogeeyyiif dhiisnee siyaasa irraa yoo dubbanne, dhaabbileen kunneen hundi harka mootummaa jiraachuun abba irrummaa jajjabeessa."

'Anatu waan hawaasa fayyadu beeka' ilaalcha jedhu dagaagsaa adeema jedha.

Mootummaan daldalaa ta'ee yoo itti fufe warra kaan akka diinaatti lakkaa'uu waan eegaluuf sirni daldalaa haqa qabeessi hin jiraatu yaadha jedhus qaba.

Waliigaltee Uummataa

Dhaabbilee kanneen 'The big five' jedhanii waamu ogeeyyiin diinagdee. Daandii Xiyyaaraa, Telekoom, Baankii, Baaburaa fi warshaalee Sukkaara.

Mootummaan dhaabbilee kanneen gurguruun dura uummati itti waliigaluu qaba kan jedhanis jiru.

Obbo Yoonaataan garuu kanatti walii hin galan. "Kun dhimma diinagdeeti, bu'aa qabeessummaa isaa xiinxaltee waan murteessitu malee, akka alaabaa filachuu ykn gaaffii naannoo ta'uu murtee uummataa kan itti gaafattu miti" jedha.

Adunyaa irratti biyya kam keessattuu dhimmi imaammata diinagdee akka kanaa kallattiin sagalee uummataan murtaa'ee hin beeku jedha Yonaataan.

Uummati kallattiin irratti murtee kennuu baatullee hanga mootummaan uummataan filame hundaa'uutti murteen akkasii osoo bulee kanneen jedhanis jiru.

Diinagdeen biyyattii kufaa jira kan jedhu Yoonaataan, mootummaan aangoo irra jiru diinagdee biyyattii baraaruuf tarkaanfii kana fudhachuuf mirga qabaachuu dubbata.

"Abbootii qabeenyaa biyyoota alaa afeeruun kufaatii diinagdee mudachuu malu hambisuun kan danda'amu imaammata kana jijjiiruun yoo danda'amedha" jedha.

Dhimmi dhaabbilee kanneen abbooti qabeenyaa dhunfaaf dabarsuu ajandaa namoota hunfaati jechuun kan mormu ammoo ogeessa diinagdee Iyyoob Baalchaati.

Yaada isaa fuula twitter isaa irratti kan katabe Iyyoob, dhimma diinagdee irratti aanga'oonni MM gorsan warra Baankii Addunyaa fi IMF waliin hariiroo qabani akka ta'e eeruun fedhii dhaabbilee addunyaa kanneenii akka ta'e akeeka.

Pirofeesar Alamaayyoo Gadaas, MM Abiy dhiibbaa dhaabbilee diinagdee addunyaa jala jiraachuu akka hin oolleefi dhiibbaa sana jalaa bahuuf humna diinagdee jabaa akka hin qabne dubbatu.

Dhaabbilee kanneen gabaaf dhiyeessuuf yeroon sirriin amma miti jedhu pirofeesar Alamaayyoon.

"Ammatti gurguruu jechuun monoppolii mootummaa jalaa gara monoppolii namoota dhunfaatti dabarsuudha" jedhu.

Abbootiin qabeenyaa dhaabbilee kanneen bitan bu'aa irraa buufatan fudhatanii boru biyya isaaniitti deebi'uu danda'u yaaddoo jedhus qabu.

Yeroon sirriin yoomi?

Obbo Yoonaataaniif yeroon sirriin amma. Diingadeen Itoophiyaa kufaa jira yeroon hin jiru jedha.

Ammatti biyyis ta'e mootummaan hin tasgabboofne kan jedhan pirofeesar Alamaayyoon, gama kaaniin mootummaan rakkoo sharafa alaa qabaachuun rakkoo ta'uu mala jedhu.

Kanaaf furmaata kan jedhan dhaabbilee kanneen gariin gurguruu akka ta'e dubbatu.

Odeessa kana irratti dabalata