"Dhiigni yuunitii tokkoo hanga qarshii kuma shaniitti yeroon itti gurturame ture"

Namoota dhiiga arjoman, Baankii dhiigaa Itoophiyaatti

Dur namni dhukkubsatee dhiigni akka barbaachisu yoo itti himamu, namoonni dhukkubsachiisan baayyee rakkatu ture. Dhukkubsatoonnis dhiiga barbaacha asiifi achi yoo fiigan arguun kan barame ture.

Kan kutatee gara baankii dhiigaa deemee ammoo namoota dhiiga kennuun lubbuu baraaruuf hiriisan ykn kanneen dhiiga keenannii maallaqa argachuun ittiin jiraatan (daldaltoota dhiigaa) akkasumas kanneen dhiiga warra barbaadaniifi kanneen kennan walitti fiduun keessaa waa buufan hiriiranii araguu ta'a.

Yeroon sunis lubbuu hambiisuuf dhiiga argachuun yeroo baayyee cimaa itti tureedha.

Bara 1981 irraa kaasee yeroo 79'f dhiiga arjoomeera. Salamoon Bayana nama umuriin waggaa 54 yoo ta'u, gaa'ila dhaabbachuun ijoollee lamas godhataniiru.

Tibba naannoo baankii dhiigaa Itoophiyaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa jalatti buluutti daldalli dhiigaa garmalee cimee tureetti, warra dhiiga gurgurachuuf hiriiran bira taruun bilisaan dhiiga arjoomaa turu dubbata.

Dhimmoota akka dhiika arjoomu taasisanis akka ittaanu kanaan BBC'tti himeera.

Image copyright Ethiopian Blood bank

Mudannoo hamaa garuu barnoota gaarii

Mudannoon inni jalqabaa tibba tola olaa ta'un Fannoo Diimaa wayita ambulaansiirra hojjataa tureettidubartiin ulfi irraa bahe tokko hanqiina dhiigaatiin miidhamte tokko argeeti ture.

Kan biraa ammoo, dubartiin biraa hospitaala keessatti sababiidhuma walfakkaataan dhiignishee hedduu dhagala'ee tokko dhiigni kennameefi lubbuunshee yoo baraaramu hubate.

Mudannoowwan lamaan kunneen waggoota dheeraaf dhiiga akka arjoomuuf akka isa kakaasan dubbata.

Hojjattoot baankkii dhiigaa akkuma Salamoon kana bara dheeraaf dhiiga arjoman dubbifne akka hubanneetti, dhiigni hanga kuma shaniitti gurguramaa ture. Wallaansaan dhiiga baatii sadii keessatti al tokkicha qofa kennamuun akka danda'aamu gorfamulleen, namoonni torbaniitti al sadii dhiigasaanii gurguratan jiraachu Obbo Salamoon ni dubbatu.

Tibba naanawa Istaadiyoomiitti dhiigni gurguramaa tureetti kanneen dhiiga bitaniifi gurguran qofa osoo hintaane faddaaloonnis daldalicha keessa gahee qabu turan.

"Daldala qotiyyoo fakkaata ture'' jechuun yaadata. Kunis egaa kan ta'aa ture tibba baankiin dhiigaa adeemsa bakka bu'iinsa dhiigaa hordofaa tureettidha jedhu.

Dhukkubsataa tokkoof dhiiga hangasiitu barbaachisa yoo jedhamu, maatiin dhukkubsataa hanga jedhame sana kennu danda'an gara baankii dhiigaa deemuun dhiiga kennu. Bakka isaa ammoo baankichii gosa dhiigaa dhukkubsataaf barbaachisu hosipitaala dhukkubsataan ciiseetti ergaaf.

Image copyright Getty Images

Daldalli dhiigaa attamiin dhaabbatee?

Bara ALI 2003 fi 2004tti alli baankii dhiigaa bitatootaa fi gurguurtoota akkasumas fadaaloota dhiigaatiin dhiphataa ture. Bara sana keessa ammoo hospitaaloonn babalataa turan.

Fedhiin hospitaalotaa dabalaa dhufusaatiin gabaan dhiigaa attamiin akka baayyataa jiru kan hubate Ministirri fayyaa, baankii dhiigaa Fannoo Diimaa jala ture itti waamama isaa kallattiin waajjira miniteerichaa jala galachuun adeemsi jijjiraa dhiigaa akka hafu taasisee.

Walii galattis wayita ammaa kanatti baankiiwwan dhiigaa 42 biyyattiitti argama.

Isaan keessayis baankii dhiigaa damee Harariifi Jijigaa hanga harraatu adeemsa jijjiraa dhigaa akka hordofan aanga'oonni ni dubbatu. Dhiiga walitti qabamu keessaa harki lama sadaffaan Finfineedhaa yoo ta'u harki hafe tokko sadaffaan garuu kutaalee biyyaatti kan waliitti qabamudha.

Namoota akka Obbo Salamoon dhiiga arjoomaniif galanni yaa gahuutii baankiin dhiigaa jijjirraa malee namoota dhiiga barbaadaniif bilisaan dhiiga kennaa jira.

Obbo Yaaragaal Baankii Dhiigaa Biyyaaleessaatti Ittaanaa Daarektaraati. Haala arjomaa dhiigaa irratti fooyya'insii jiraatulleen ganaa baayyee akka hafu himu.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lakkoofsa ummata biyya tokkoo dhiibba keessaa parsantaan tokkoo fedhiin dhiiga kan arjomu ta'u qabaata jedhulleen, haalli qabatamaan Itoophiyaa kanarraa kan fagaate ta'u himu.

Haala kanaanis ummati Itoophiyaa miliyoona tokko fedhiin waggaatti ala sadii dhiiga yoo arjoome, dhiigni miliyoon sadii ni argama jechuudha. Haa ta'u malee wayita ammaatti baankiin dhiigaa waggaatti dhiiga kuma 100 qofaa walitti qabaa jira jedhu ittigaafatamtichi.

''Baayyee gadaanaarra jirra. Kun baayyee omaa miti,'' jechuun ibsa. Haa ta'u malee bara ALI 2010 akka fakkeenyaatti kaasuunnhirriinni dhiigaa mudate akka hinturree dubbatu. Hirrinni kan hinmudatiin waan hospitaalonni dandeetii isaanii gutuun hojjataa hinturreef jedhu.

Gama biraatiin ammoo, hirriinni hinjiru jechuun, fedhiin dhiigaa hospitaalotaa gosa dhiigaafi baayyina barbaachisu hunda baankiin dhiigaa guuteera jechu akka hintaane himuun, keessattuu gosti dhiigaa nagaativii (-) fi hirrinni pilaatineetii jiraachu ibsu.

Dhiigoota (-) qabaniif yoo sababii adda addaatiin hirriinni mudatuutti gosti dhiigaa kennamuuf gosa dhiigaa 'O' dha. Hirrinni dhiiga akkasii kunis kan umamuu, lakkoofsi namoota dhiiga gosa akkasii qaban gadaanaa ta'usaatiin ta'usaatiifi dhiiga nama kamiifu kennamu waan ta'eefiidha.

kana malees, hospitaaloonni haala dirqamsiisaa qofa osoo hintaane dursanii gosa dhiiga dhukkubsattootaa qoruu dhabuun akkasumas 'O-' kennunsaanii hirriinni dhiigaa akka umamuuf gumaata taasisuu isaa dubbatu Obbo Yaaragaal.

Hirriina dhiiga gosa O hiikuuf yaaduunis baankiin dhiigaa biyyaaleessaa ALI'tti Waxabajjii 2 bara 2011tti gareen arjoomtoonni dhiiga kanaa akka hundeeffamu kan taasifame yoo ta'u, namoonni dhiiginsaanii nagaativii (-) ta'ee fi 800 ol ta'an hubannoo cimsuuf guyyicha sana imala miilaa taasisaniiru.

Image copyright Mikhail Tereshchenko

"Haadha keenyaaf dhiiga naaf kennaa nuti hinsodaanna"

Dargaggeessi Xibabuu akkasuma waggoota 17n dura yeroo namoonni dhiiga arjooman waliin adeemuun ture akka diqqaatti ofiisaan dhiiga kennuu kan eergale. hanga ammaattis yeroo 38 kenneera. Gosti dhiiga isaa O- dha.

Erga dhiigni isaa eenyumaafi akka ta'u hubateen booda takkaa arjoomuuf duubatti jedhee hinbeeku. Baankiin dhiigaas yoo hirriinni dhiiga gosa O- mudatu namoota bilbiluuf keessa tokko isadha.

Inniifi hirriyoonni isaa gareen ta'uun wayita dhiiga arjoomuuf gara baankii dhiigaatti imalan faddaloonni karraarra dhaabachuun, maallaqa itti argachu ''osoo dandeessanu maaliif bilisaan kennitu'' jechuun akka isaan burjaajjeessan dubbata Xibabuun.

Haa ta'u malees inniifi hiriyyaansaa maallaqa caalaa Tishartii Baankii Dhiigaatiin isaaniif kenname kan 'Ani arjoomaa dhiigaati. Arjomaan dhiigaa goota' jedhu uffachuun adabaabayiitti bahuun isaaniif ulfna caaluu akka ta'e hima.

Haala kanaanis namoonni akka isaanii arjoomtoota dhiigaa ta'usaanii hubatan, akka maatii ykn firoota isaanii dhukkubsataniif kennaan gaafachaa turan.

Haala kanaanis mudannoo hindagatamne akka qabu hima. Dubartiin ollaa tokko wallansi baqaqsanii yaaluu taasifamuuf hospitaala Minilik galanii, akka dhiigni barbaachisu itti himama. Haa ta'u malees ijoolleenis, obboloonnis dhiiga kennu sodaatu. Isaan booda Xibabuudhaan akka kennuuf maaloo jedhanii gaafatu.

Dhiiga kennuun rakkina akka hinqabaannee fi isaani kennuu akka danda'an itti himamuus keennuuf waan sodaataniif, haadha isaaniif dhiiga kennuu hindandeenye.

Dhumarrattis haadha isaaniif inni dhiiga akka kennu garuu itti aansee isaan arjoomtoota akka ta'aniif waadaa isaan galcheen.

Innis haadha dhukkubsataniif dhiiga barbaachisu kenne. Haatiis ni hafan. Xibabuunis maatii kana waliin firoome. Ijoolleen haadha kanaas hanga dhumaatti Xibabu waliin dhaquun dhiiga arjoomu akka barbaadan itti himan illeen dhummarratti dhiiga kennuu akka hindandeenye itti himan.

''Na dinqeen calise'' jedha Xibabuun haalicha yaadachuun. ''Namni tokko tokkoos yoo arjoome kan dhiigni isaa dhumu ykn kan dhukkubsatu itti fakkaata. Kaan ammoo hirriina dhiigaan qaba ykn gosa dhiiga kiyyaa hinbeeku jedha.''

Yeroo dargaggummaatii hanga...

Oggeessi laaboraatorii teknishiyaanii Fiqiruun dargaggeessa umurii 37tti. Bara 1995 irraa kaasees arjomaa ta'u dubbata. Gosti dhiigaa isaas O-dha.

Gosa dhiiga isaa kanas kan hubata wayita warri Fannoo Diimaa dhiiga walitti qabuuf mana barnoota inni itti baratuutti argaman ture. waa'ee dhiiga rajoomu beekulleen garuu isa dura waa'ee gosa dhiigaa O- hin beeku ture.

Daawiiti erga waa'ee gosa dhiiga isaa bare booda warri baandkii dhiigaa bilbilaniifis dhiisanis hanga ammaatti yero 38 dhiiga arjoomeera. Innis dhiigni arjoomu namoota biraa gargaaru danda'usaatti baayyee gammadaadha.

Innis dhiiga arjomu danda'usaatti baayyee gammadoodha. ''dhiigni kiyyaa eenyufu ta'u akk danda'u nan beeka. Kanaafuu eenyumtuu yoo ittiin fayyee gammadoodha.''

Wayita dhiigni bakka bu'iinsaaf gaafatamaa tureettis namoota beekuufi hinbeekne hedduuf kenneera. Haala kanaanis mudannoowwan heeddu yaadata.

Innis dhiiga barbaadamaa isaa bilisaan arjomuuf irra dedebiin yoo dhaqu, dhiigni garuu naannoo Isaatiyeemiitti hanga birrii kuma shaniitti gurguramaa turu yaadata.

Maallaqichi kan nama hawwisiis iulleen fayyaa ta'anii hojjatanii argachuu osoo danda'amu warra hojjachu hindandeenye lubbu baraaruun bu'aa hunda caalu akka ta'e dubbata.

''Namni dhiiga dhabuun du'u suun osoo obbolleessa, haadha ykn abbaa kiyya ta'ee jedhee yaada ta'ee namni dhiiga gurguruufis ta'e dalaluuf hinyaadu ture,'' jedheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata