Sudaan: Pirezedantii al Bashiir aangoorra kaafaman maalamatummaan himataman

Bara 2019 al Bashii kaartumitti paarlaamaatti wayita dubbatan Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa al Bashii

Pirezedantiin Sudaan duraanii Omar al Bashiir malaamaltummaan himataman. Himannaan kun soorummaa seeraan alaatti horachuu fi labsii yeroo muddamaan akka wal qabatu abbaan alangaa uummataa otoo odeeffannoo bal'aa hin kennin himan.

Mormii aangoorraa akka gadhiisan gaafatu hordofuun ji'a Ebilaa darbe Pirezedantichi aangoorraa kaafaman.

Dubbi himaaan humna waraana biyyatti dogoggorri ture, wayita jeneraalli taa'aanii mormuun goolabamuun gara bulchiinsa uummataatti akka deebi'u gaafatanitti ture jedha.

Jeequmsa biyyatti keessa tureen namoota 60 olitu lubbuu dhabe ,Doktoroonni mormitoottatti hidhata qaban garuu, namoota 118 ta'anitu lubbuu dhabe jedhan.

Mariin mormitoota fi Humna waraanaa ce'uumsa(TMC) jeequmsa mudate booda addaan cite.

Hoggantoonni mormitootaa diddaaf waamicha erga dhiyeessaniin booda mariin deebi'e akka eegalamuf karaa bane.

al Bashiir Ebla 11 aangoorraa kaafamuun erga hidhamanii uummatatti deebi'ani hin mul'anne.

Dhiyeenyatti ajjeecha mormitootaa keessatti qooda qabachuun ji'a Caamsaa keessa himatamutu yaadatama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata