Addunyaa guutuutti namoota meeqatu talaallii amana?

vaccine Image copyright Getty Images

Uummanni talaallii irratti amantaa hinqabu jechuun, tarkaanfiin addunyaan dhukkuba to'atamu danda'u kana to'achuuf fudhataa jiru boodatti deebii'eera, jechuudha jechuun ogeeyyiin akeekachiisan.

Qorannoo sadarkaa addunyaatti ilaalcha namoonni talaalliif qaban irratti gaggeefame kun bakkeewwan tokko tokkotti amantaan namni talaalliirraa qabu gadi bu'aa ta'uu mul'isee.

Itoophiyaatti daa'imman hedduun talaallii gifiraa hin argatan

DRC tti weerara dhibee Gifiraan namoonnii kuma lamatti siiqan du'an

Xiinxalli 'Wellcom Trust' yaada namoota 140,000 olii kanneen biyyoota 140 keessa jiraatan kennanirraa qophaa'e.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessatti talaalliirraa amantaa dhabuun rakkoolee fayyaa addunyaa olaanoo kudhan keessaa tokkoo ta'uun galmaa'eera.

Qorannoon kun akka mul'iseetti,namoonni baayyeen talaalli irratti amantaa hin qaban.

Yaada talaalliin rakkoo hin qabuu jedhuuf:

  • %79 (kudhan keessa sadeet) "amma ta'e" ykn "cimseen waliigala"
  • %7 "Hanga ta'e" ykn "Cimsee walii hingalu"
  • %14 lachuu miti ykn ''hin beeku''

Talaalliin ni hojjata jedhanii akka amanan gaafatamanii:

  • %84 cimsanii ykn hanga ta'ee irratti walii galu
  • %5 cimsanii ykn hanga ta'ee irratti walii hingalan
  • %12 lamaanuun ala ykn ''hin beeku'' jedhan

Kana arguuf Iyyaafataa ammayyaa'a(with JavaScript support)tti fayyadamu si barbaachisa

Kun maaliif barbaachisa?

Ragaaleen saayinsaawaan akka mul'isanitti,dhukkuba nama ajjeessan kan akka gifiraarraa of ittisuuf talaalliin tooftaa gaariidha.

Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Gifirri ajjeessuu danda'a

Talaalliin addunyaa guutuutti namoota miliyoonaan lakka'aman dhibeerraa ittiseera. Fakkeenyaaf dhukkuba Maaree(smallpox) guutummaatti balleessuuf kan dandeessise yoo ta'u, pooliyoo (dhukkuba laamsheessaa) ammoo gara to'achuutti jira.

Garuu dhukkuboonni akka gifiraa irra deebiin mul'ataa waan jiraniif uummannii talaallii dhiisuu isaaniituu kanaaf madda ta'e jedhu ogeeyyiin .

Kanaafis sodaa fi odeeffannoo dogongoraa diddaa namootaatiif sababa ta'u ni dubbatu.

Dr Aan Liindastraand Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Ogeettii talaalliiti, haalli amma mul'atu baay'ee cimaadha jetti.

''Talaalliif kaka'umsa dhabuun keessattuu, bakkeewwan muraasaatti yaalii dhugaatti addunyaan dhukkuboota to'achuuf taasisaa jiruuf gufuu guddaadha.''

Gifirrii deebi'ee dhufaa jira

Biyyoonni sadarkaa tamsa'ina gifiraa to'achuurra qaqabanii turan amma weerara olaanaatu mudataa jira.

Ragaaleen akka mul'isanitti addunyaa guutuutti bara 2016 irraa bara 2017tti %30 mudannoon dhukkuba kanaa dabaleera.

Sababii kamiinu talaalamuu dhiisuu jechuun nama talaalamuu dide dabalatee namoota biraarrattillee dhiibbaa qabaata.

Osoo namoonni baayyeen talaalamanii,dhukkubichi akka namoota hafan itti hindarbine to'achuun ni danda'ama jedhu ogeeyyiin damee kanaa.

Amantaan eessatti hir'ate?

Namoonni biyyoota galii gidduugaleessaa qaban keessa jiraatan kanneen biroo caala amantaan talaalliirraa qaban gadi bu'adha.

Firaans biyyoota Awurooppaa keessaa biyya yeroo hedduu weerara Gifiraan miidhamtudha. Firaans keessattii nama sadii keessaa namni tokko talaalliiin amanamaa miti jedhee amana. Kunis biyyoota addunyaa kamiyyu caalaa lakkoofsa olaanaadha.

Biyyoota kaaniin caalatattis bu'aa qabeessummaa talaalliirrattis walii hingalan.

Bu'uura kanaan amma motummaan Firaans talaalliiwwan dirqamaan daa'immaniif kennamuu qaban sadiitti dabalataan talaallii saddeet itti dabalee kennuuf jedha.

Akkasumas biyya ollaa kan taate Xaaliyaaniittis namoonni %75 ta'an talaalliin kun daa'imaaf akka barbaachisu amanu. Haaluma kanaanis,manneen barnootaa daa'ima hin talaalamiin akka dhorku, ykn maatiin hintalaalichisiin akka adabamaniif seerri baheera.

US's weerara gifiraan miidhamteetti. Kunis jaarraa keessatti dhukkubni akkas yoo mudatu isa olaanaadha jedhameera. Bara 2016 kaasee hanga har'atti naannoolee bulchiinsaa 26 keessatti mallattoo dhukkibichaa kan adda baafame lakkoofsaan 980 ol galmaa'eera.

Ameeriikaa Kaabaa, Kibbaa fi Kaaba Awurooppaatti, namoota %70 ol talaalliin nagaa qabeessa ta'utti waliigala.

Lakkoofsi kunis biyyoota Awuroppaa Lixaatti harka 59 fi Awuroppaa Bahaattimmoo harka 50.

Odeessaalee jajjabeessoo

Biyyoota guddinarratti argaman keessatti namoonni baay'een nageenyummaa talaalliitti ni amanu. Eeshiyaa Kibbaatti immoon lakkoofsi olaanaan %95 talaalamuutti walii gala. Afriikaa bahaatti %92 talaalliirraa amantaa qaba.

Biyyoonni akka Baangilaadeesh fi Ruwaandaas akkasuma waa'ee nageenya fi bu'aa qabeessummaa talaallii irratti waliigaltee idil-addunyaa irra gahaniiru. Isaaniis qaamaan manootaaf talaallicha qaqqabsiisuun rakkoolee jiran baay'ina lakkoofsaa talaalamtootaatiin sadarkaa olaanaarratti argamu.

Ruwaandaan biyyoota guddinarratti argaman keessaa dubartoota shamarraniif talaallii HPV jedhamu kan dhukkuba kaansarii gadameessaa ittisu bal'inaan dhiyeessuun biyya tokkooffaa taa'ee jirti.

Mr. Kahaan akka jedhaniitti: ''Kunis cimee yoo hojjatamee haala fudhatama talaallii irratti maaltu galmaa'u akka danda'amu kan mul'isuudha.''

Ummata maaltu akka shakkan taasisaa?

Image copyright Getty Images

Qo'annichaan namoonni baayyeen nagummaa talaalliitti amanuuf caalaa saayintostoota, hakoomoota fi narsoota tti amanu. Haaluma walfakkaatuunis, kanneen waa'ee saaayinisii, wal'aansa fayyaa irratti odeeffannoo barbaadan walii galuurratti xiqqaadha.

Akka gabaasa Wellcome kaa'eetti, sababiiwwan duuba amantaa dhabiinsaa jiru gadii fageenyaan hin qorannee. Haata'u malee, qorattoonni sababiiwwan gumaatan hedduun jiraachu himu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata