Abdiisaa Nagaroo : Erga bara 1974 hanga har’aatti raadiyoon adda baanee hin beeknu

Abdiisaa Nagaroo

"Abdiisaa Nagaroo Amborraa" maqaa hirmaataa raadiyoo irratti bilbiluun dhageefattoota raadiyoo birattii baayyee beekamudha.

Abdiisaan yeroo Itoophiyaa keessa, raadiyoon Itoophiyaa qofti turerraa hanga amma tamsaasni raadiyoo biyya keessaa heddumate kanaatti buufataalee afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo hedduu dhageefataa, bilbilees yaada kennuun hirmaachuun beekama.

Giddugalli aadaa Looret Tsaggaayee G/Madin hundaa'uufi

Imala Amboo qabsoo siyaasaarraa gara misoomaatti

BBC'n dhageefataan raadiyoo kuni bakka jiraatu magaala Ambootti imaluun seenaa, mudannoo fi haala jireenya amma keessa jiru odeefateera. BBC: Mee dubbiftoota waliin ofbarsiisiAbdiisaa: Maqaan kiyya Abdiisaa Nagarooti. Kanin dhaladhee guddadhe shawaa lixaa Gindabaratitti. Amma kanin jiraadhu magaala Ambooti.

BBC: Yoom Raadiyoo dhageefachuu eegalte?

Abdiisaa:- Ani Raadiyoo dhageefachuu kanin jalqabe bara 1974. Yeroo sana abbaan kiyya raadiyoo qaba ture. isaan bira taa'en dhageefadha ture. Dhuunfaatti raadiyoo waanin hin qabneef kanuma abbaakootiin dhageefachaa ture.

Guyyaa tokko inumaa raadiyoo abbaakootii kana jalaa fudhadhee deemeen alatti dhagefachaa oolee, abbaankoo nareebee beeka. Ergasii booda guddannaan raadiyoo dhuunfaakootti bitadheen dhageefadha.

Erga bara 1974 asitti guyyaa tokkoofuu raadiyoorra adda bahee hin beeku. Raadiyoo ofbiraa dhabee jennaan jireenyi naaf hin ta'u. BBC:- Buufataalee raadiyootti bilbiltee wayita hirmaattu dhimmoota maaliiratti yaada kennita?

Abdiisaa: - Yeroo baayyee raadiyoorratti yoon bilbilu rakkooma naannoon ani jirutti mul'atan kan akka rakkoo bishaanii, daandii, dhabuu bulchiinsa gaarii fa'a irratti yaada kenna.

Qabatan ani irra deddeebi'ee dabarsaa tureen amma daandiin Gindabarat geessu kunuu dhagahamee amma gara aspaaltiitti guddachuuf jira.Miidiyaatti bilbilee yaada kennuu kanin jalqabeyyuu rakkooma daandii Gindabarat kanarraayyi. Ani gaafan jalqaba Ambo dhufu Gindabaratii hanga Giinciitti miilaanin dhufe.

Gaafan jalqaba rakkoo daandii kana raadiyoo Itoophiyaatti himu nan yaadadha gaazexeessaa Caalaa Nagawootu yaada sana bilbilaan narraa fuudhe. yaada kiyya gaafa Jimaataa himeen torbansaatti qilleensarra naaf oolchan.

Gaaffilee jajjaba jiraataan Amboo Pirezidaantii Naannoo Amaaraa gaafatan

Jawaar Mahaammad hamma jedhe gaheBBC:- Yeroo hangama hanagamiin miidiyaatti bilbiltu?

Abdiisaa:- Ani guyyaatti yoo xiqqaate si'a afur osoo hin bilbilin hin oolu. Ganama sa'aatii 12 hanga sa'aatii tokkoo gidduutti yoon bilbile, naannoo sa'aatii afurii, naannoo sa'aatii jahaa, gara galgalaas naannoo sa'aatii 12, halkan naannoo sa'aatii lamaas nan bilbila.

BBC:- Miidiyaatti guyyaa guyyaadhaan yeroo bilbiltan saantimni bilbilaa isin hin rakkisuu?

Abdiisaa:- natti dhagahamakaa rakkoo uummataatu. Waa'een uummata kiyyaa waa'een Oromoo naquuqa ana. Kanaafuu rakkoon kuni haa furamun jedha, ummanni kana rakkachaa jiran jedha, sagaleema uummata kiyyaatin raadiyoorratti dhageessisa.

Maallaqa bilbilaa kanammoo obboleewwan kiyya Ijoolleen Oromoos naqarqaaru. Hoodhu moobaayiliitti guuttadhu jedhanii naakennu. Isuma isaan naaf kennan sanaan kaardii guttadheen bilbila.

Jalqabumawuu maallaqa walitti buusee moobaayilii kan naaf bite uummatuma malee ani waan tokkoyyuu hin qabu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Waa'een biyya koiyyaa waan na gadduufan bilbila

BBC:- Hirmaannaa Raadiyoo irratti taasiftan Kanaan miidiyaaleerraa badhaasa yookan beekamtii argattanii beektuu?

Abdiisaa:- ani waan tokkoyyuu argadhee hin beeku. Abbee Kabbee Asallaarraa, Alibaay Yaaqoob Calanqoorraa, Shumat Tsahaay Gondarirraa, amborraammoo ana raadiyoorratti biyya kanatti kan beekamu.

Jarri isaan kuni miidiyaaleedhaan waamamanii badhaasayyuu argataniiru. Ana garuu waan tokkoyyuu akkam oolte akkam bulte kan naan jedhe hin jiru hanga ammaatti.

Badhaasni yaa hafuu miidiyumarratti nadhiheessanii gaaffif deebii kan naaf godheyyuu hin jiru hamma ammaatti.

BBC:- Amma maalin ofjiraachisaa jirtu?

Abdiisaa:- Amma daandirrattin kitaaba gurgura. Kitaabota kanayyuu bakka gurgurtaa waan hin qabneef aduu keessa oolee waan moofa'eef nama narraa bitu hin argadhu.

Kitaabonni ani gurguru ammoo kitaabota seenaa fi eenyummaa Oromoo irratti barreefamanidha. Amma rakkina guddaa keessan jira. Bokkaan yeroo roobu kitaaba najalaa balleessa. Iddoo gurgurtaa hin qabu.

Gaafa roobni jiru najalaa bada jedhee osoon kitaabota hin baasinfaa oola. Madda galii biraa hin qabu jireenyi kiyya tanumarraayi. Namoonni kitaabota seenaa oromoo kana nibarbaadu, ani garuu humna ittiin bitee dhiheessu hin qabu.

Barreesitoonni duraan kitaaba naaf kennaa turanimmoo 'ati bakka gurgurtaa hin qabdu kitaaba keenya aduu nyaachista, homaa siifgochuu hin dandeenyu' jedhanii nadidaa jiru.

Mana keessa jiraadhus hin qabu. Har'a kitaaba tokko borus kitaaba tokko gurgureen tana walitti guuree mana kiraa ofirraa kanfalaa jiraadha.

Odeessa kana irratti dabalata