Ofii koleeraan maali, attamiin namarraa namatti darba?

Nama talaallii koleeraa fudhataa jiru Image copyright BDr Amir Aman

Dhibeen koleeraa tibbana Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti mul'achuusaatiin wal qabatee jiraattoonni yaaddoo keessa galaa jiru.

Naannoolee biyyattii kan akka Oromiyaa, Amhaaraa, Tigraayiifi Somaalee akkasumas magaalota Finfinnee fi Dirre Dhawaa dabalaee namoonni 614 ta'an koleeraan qabamusaanii Inistitiyuutiin Fayyaa Uummata Itoophiyaa tibbana ibseera.

Hanga ammaattis namoonni lama dhukkubichaan lubbuu dhabunsaanii himameera.

Rakkinu yaachisaa ta'aa dhufe kana maqsuuf jecha, biyyattii nannoolee koleeraaf irra caalaa saaxilamoodha jedhamaniitti talaallii koleeraa kan afaanii kennamu kennuu eegalusaa Ministirri Fayyaa Dr Amiir Amaan karaa ergaa tiwitaraatiin ibsaniiru.

Itoophiyaan ammaan dura dhukkuba maqaan hin waamtu ture. Gabaasa fayyaa dhiyaatu keessatti haqqee fi garaa kaasaa jedhamee gabaafamaa ture.

Dhiyeenya kana dhukkubicha maqaadhuma isaatiin gabaasuuf kan aanga'oonni Itoophiyaa waliigalan.

Haalawwan koleeraaf nama saaxilan

Koleeraan baakteeriyaa vibiroo koleeraa jedhamuun dhufu yoo ta'u, yeroo baay'ee nyaata yookiin bishaan faalameen akka darbu himama.

Kana malees hanqina qulqullina dhunfaa fi naannoo, mana fincaanitiin alatti qulqullaa'uu, akkasumas mana fincaaniitti haalaan fayyadamu dhabuu akka ta'e, ragaan Inistitiyutii Fayyaa Ummata Itoophiyaa ni mul'isa.

Koleeraan attamiin darbaa?

Koleraan namaa dhukkubsataarra gara nama fayyaa qabutti haalawwan garaa garaatiin darba.

Karaawwan ittiin namarraa gara namaatti darbuun keessaa tokkoo karaa bishaan lagaa, burqiituu, kan ujjummoo ykn bishaan roobaa vaayirasii dhukkubichaatiin faalameen darbu danda'a.

Image copyright WHO

Sababoota dhukkuba kanaa gurguddaan:

• Nyaata fi bishaan faalame

• Harka sirriitti osoo hin dhiiqatiin soorachuu ykn nyaata bircheessu

• Soorata vaayirasii dhukkubichaan faalame soorachuu,

• Hirrina yookiin dhabamuu asiidii 'hypochlorhydria yookiin achlorhydria' kan garaa keenyaa keessatti argamu.

• Nama kooleeraan qabame waliin of eegannoo malee quunnamtii taasisuu,

• Foon dheedhii nyaachu,

• Fuduraa fi kuduraa dhedhii nyaachuu (kan dheedhiin nyaataman hin dabaltu)

Maloota ittisaa:

• Qulqullinna ofii fi naannoo eeggachuu

• Bishaan qulqullu dhuguu

• Nyaata haalan bilchaate nyaachu

• Fuduraalee quunchiisuun nyaachuu danda'amu qofa nyaachu.

Mallattoowwan dhukkubbicha:

• Baasiisuufi haqqisuu

• Gogiinsa garaa

• Of wallaaluu

Walumaagalattis, wayiita mallattoonni dhukkubichaa isinitti dhagahame atattamaan gara mana yaalaa dhaquun ammo yeroon wallansa akka argattaniif isiin gargaara.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata