Hidhattoonnii IS 18 loltoota Nijeeriifi biyyoota birootiin ajjeefaman

riphxee loltoota IS Image copyright Getty Images

Ministeerri Ittisaa Nijeer hidhattoota walta'iinsa loltoota Ameerikaa, Farasaay fi Naajeriyaatiin hidhattoota garee isilaamaa (IS) 18 ajjeesuu beeksise.

Duula guyyoota 12 Toongoo Toongoo Kaaba Maalii daangaa Nijeeritti gaggeesseen hidhattoota garichaa 5 hidhuus himeera.

Loltootni kun riphee loltoota ji'a darbe loltoota Naajeriyaa 28 ajjeesan adamsurratti qiyyaafachuu Ministeerichi himeera.

''Meeshaleen waraanaa dabalate kan misensonni hidhattoota IS hatanis qabamuu himan.

Addatti Faraansaay lola kanatti hirmaachuu mirkaneessitus, Ameerikaan lola tarkaanfii waraanaa fudhatame kanatti hirmaachuu hin himne ,loltoota Maalii maqaa dhahuurra kan darbe.

Ameerikaan dhimma kana amma yoonatti ifatti hin qeeqne.

Iddoon aleellaan kun itti raawwatameetti maadhee loltoonni Naajeriyaa ergama nagaa eegumsa dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Maali keessatti qabuuf leenji'anitti dhiyoo ture.

Maaliin biyya gammoojji dhiyaa Saaheel keessatti argamtuu jeequmsi itti hammaata dhufe yoo taatu, riphxee loltoonni IS iddoo hiyyummaan itti jabaatuu fi qubsumni uummata addaan bittimetti dabalaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata