Awwaalchi Janaraal Se’aree Mekonnin Maqaleetti raawwatama

Janaraal Se'aree Mekonnin Image copyright PM office

Awwaalchi Janaraal Se'aree Mekonniin magaala Maqaleetti akka raawwatamu Maatiifi waajirri kominikeeshinii Naannoo Tigraay beeksisan.

Sirni awwaalcha Janaraal Se'aree Mekonnin kan Finfinnee kaateederaalii Qidisti Sillaaseetti raawwachuuf karoorfamee ture gara magaala Maqaleetti dabarfame.

Kaaba lixa Tigraay Indaabagunaa magaala jedhamtu keessa kan jiraatan maatiin Janaraal Se'aree Tigraay keessatti akka awwaalaman kan fedhan ta'uu maatiin BBC'tti himan.

Obboleessi Janaraal Se'aree obbo Haddush Mekonnin, awwalchi obboleessa isaanii magaala Maqaleetti akka raawwatu himan.

"Haayyaloom haa du'u'' jechuun kan kakatan Sa'ire Makonnin eenyuudha?

Guutuu biyyaatti guyyaan gaddaa labsame

Televizyiniin Itoophiyaas kanuma mirkaneessuun, ganama boruu buufata xiyyaaraa Booleetti gaggeessaan akka taasifamuuf gabaaseera.

Maqaleetti sirna gaggeessaa kanaaf koreen hundaa'uu kominikeeshiinii naannichaarraa dhageenyeerra.

Buufata xiyyaaraa Aluulaa Abba Naggaatti Simannaan kan taasifamu ta'uu fi guyyaan awwaalchaa booda murtaa'a jechuun hooggantuun kominikeeshinii naannichaa aadde Liyaa Kaasaa himaniiru.

Isaan waliin kan ajjeefaman, hogganaan waraanaa sooromarra turan, Janaraal Gezaa'ii Abarraa, gaaffii maatiin isaanii dhiyeessaniin reeffi isaanii gara bakka dhaloota isaaniitti akka gaggeefamu beekameera.

Hoogganaa waraana Itoophiyaa ta'uun ji'oota dura MM Abiyyiin kan muudaman Janaraal Se'aareen, eegduu isaaniin Sanbata galgala ajjeefaman.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata