Leencoo Lataa: Abjuu nuti Itoophiyaadhaaf qabnutu wal hin fakkaatu

Obbo Leencoo Lataa Image copyright OMN

Haleellaa lubbuu qondaalota waraanaa fi aanga'oota mootummaa olaanoo shan Sambata waaree booda galaafate mootummaan Itoophiyaa 'yaalii fonqolchaati' jedha.

Haleellaa magaalaa Baahirdaar keessatti raawwateen pireezidantii Naannoo Amaaraa Ambaachewu Makonnin(PhD) dabalatee aanga'oonni biroo lama ajjeefamaniiru.

Finfinneetti ammoo haleellaa garaagarummaa sa'aatii muraasa gidduutti mana jireenyaa isaanii irratti raawwateen ajajaan humna waraanaa biyyattii Jenaraal Se'aare Makonnin fi wahilli isaanii ajjeefamaniiru.

Haleellaan kun lamaan hidhata akka qabuufi hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Amaaraa B/G Asaaminew Tsiggeen akka qindeeffame waajjirri MM beeksiseera.

Akka mootummaan jedhutti haleellaan kun mootummaa naannoo Amaaraa fonqolchuuf yaalii taasifamedha.

Namoonni fi dhaabbileen siyaasaa tokko tokko garuu kun 'fonqolcha mootummaa' osoo hin taane 'ajjeechaa aanga'oota mootummaa irratti raawwate' jedhu.

Gariin ammoo fonqolchi mootummaa naannoo irratti akkamiin raawwachuu danda'a jechuun gaafatu.

"Ani akkan ilaaluutti carraaqqiin godhame kun mootummaa amma aangoorra jiru buusanii, kan isaaniif tolu hojjechuudha" jedhu namni siyaasaa gameessi Obbo Leencoo Lataa.

Akka Obbo Leencoon jedhanitti "tarkaanfii jalqabaatu naannoo Amaaraatti fudhatame malee, mootummaa Federaalaas garagalchuudhaaf carraaqqiin akka ture, ajjeechaan ajajoota waraanaa irratti raawwate ni akeeka."

"Naannoo Amaaraatti jeequmsa uummanii, itti aansuun waraana Federaalaa ajaja dhorkatanii laamshessanii mootummaa waalta'aas fudhachuun akka akeekan mul'isa" jedhu.

Yaalii fonqolchaa kana maaltu dhale?

Yaaliin fonqolchaa kun raawwachuun isaa ajaa'iba natti hin taane jedhu Obbo Leencoon.

Humnooti siyaasaa biyyattii jijjiirama amma deema jiru kana qixa itti oofuu barbaadan irratti walta'uu dhabuun kanaaf sababa ta'uu dubbatu.

"Biyyattii kana keessatti jijjiirama jenneetu kaane malee, eessaa gara kamitti jijjiiruu feena kan jedhu irratti walta'iinsi hin jiru, mariinuu hin godhamne."

"Warri federeeshinii kana diigee sirna durii deebisuu barbaadu qixa tokko oofuu barbaadaa, nuti warri federeeshiniidhuma kana dimokiraatessuu barbaannu ammoo, gara biraa oofnaa, warri ammoo Itoophiyaadhuma wajjinuu jiraachuu hin barbaannu jarri hin dimokiraatawani jedhanii biyya walaba ofii uummachuu barbaadan ammoo qixa biraa oofaa jiru."

"Abjuu nuti Itoophiyaadhaaf qabnutu wal hin fakkaatu" jedhu.

Kun afaanfajjii guddaa uumeera, kana keessaa tokko kanuma gidduu kana yaalame kanadha jedhu.

MM Abiy Ahimad dhimmoota ijoo akkanaa filannoo booda irratti wal falmina ejjennoo jedhu qaba kan jedhan Obbo Leencoon, sun adeemsa sirrii ta'uu dubbatu.

Biyya kana akkam goona kan jedhu mariidhaan irratti walta'uun furmaatadha jedhu.

"Mangistiin hin jiru"

Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaa jechuun kan nama hidhu, nama ajjeesuu, nama garafuu, callisi namaan jedhu ture jedhu Obbo Leencoon.

"Mootummaan MM Abiyyiin durfamu ammoo humnoota yaada gara garaa qaban mirga isaanii kabajeefi gara diimokiraasiitti akka ceenu hojjetaa jira. Kunimmoo waan Itoophiyaan beektu irraa adda waan ta'eef 'mangistiin hin jiru', nutu mangistii ta'a jedhanii qaamonni tarkaanfii fudhatan ni jiruu, kun dhibdee guddaadha" jedhan.

Yaaliin fonqolchaa kun kan fashaleef warri yaalii kana godhan qophii gahaa malee haalotaan muddamanii tarkaanfiitti waan seenaniifis jedhanii amanu.

Qaamonni biroo waan wal fakkaataa yaalan jiraachuu waan malaniif mootummaan jara kana dursee adda baafachuu akka qabus dubbatu.

Mootummaan akka mootummoota darbanii tarkaanfii humnaa fudhachuu caalaa, lammileen waan mirga nama kaanii sarbu dura dhaabbachuun rakkinoota akka kanaa to'achuun furmaata waaraa ta'a jedhu.

Rakkoo kana kan uume mootummaan obsa agarsisu isaa waan ta'eef, amma booda gara tarkaanfii fudhachuutti ce'uu qaba jedhu xiinxaltooti siyaasaa tokko tokko.

Obbo Leencoo Lataa garuu kanatti walii hin galani, "uleen gadi baanaan eenyu akka hubamu hin beekamu, kun dhibdee biraa ta'a" jedhu.

Mootummaan "akkuma hanga ammaa obsaan namni hundi yaada isaa akka ibsatu godhe gochuu itti fufuudhuma qaba jedheen yaada" jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata