''Basaasaan odeeffannoo walitti qabuu irrattillee rakkootu jira'' Janaraal Tsaadqaan

Janaraal Tsaadqaan Image copyright Geez media
Goodayyaa suuraa Janaraal Tsaadqaan

Itaamaazyooriin duraanii Humna Waraana Biyyaa Letanaat Janaraal Tsaadqaan Gabratinsaa'ee sanbata darbe, aanga'otni olaanoo biyyattii tikni cimaan taasifamuuf ajjeefamuun caasaan tikaafi nageenyaa biyyattii laaffachuu akka agarsiisu dubbatu.

BBC: Aanga'ootni mootummaa biyyattii olaanoo tika cimaan eegaman, kanneen akka Janaraal Se'aara Mokonninfi pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dr.Ambaachaw Mokonnin fi kanneen biroon ajjeefamuun waa'ee tikaafi nageenya biyyattii waan himu qaba? Isin kana akkamitti hubatttu?

Ganaraal Tsaadqaan: Janaraal Se'aara Mokonnin, Janaraal Gazaa'ii Abarraa, Dr Ambaachaw Mokonnin fi warreen kaan iddoo hojii isaaniitti ajjeefamuun rakkoon cimaa nageenyaa fi tikaa akka jiru agarsiisa. Basaasaan odeeffannoo walitti qabuu irrattillee rakkootu jira. Ani dur kanani beeku shira akkasitti koratamuu dhiisiitii waanti sadarkaa nama dhuunfaattiillee taasifamu ni beekama. Rakkoon nageenyaa salphaa hin taane jiraachuufi caasaan isaa ilaalamuu akka qabu dha kan agarsiisu.

Janaraal Se'aaradhaan kan ajjeese nama isa eegu dha.Humna ittisaa keessatti humni deebisee dhaabbata ittisaa eegu humni farra-odeeffannoo jedhamu jira. Aanga'oota gurguddoo akkasiif qaama kanatu qulqulleessee eegduu ramadaaf. Kuni tahuu dhabuun rakkoon tikaa salphaa hin tahiin jiraachuu agarsiisa. Kunimmoo haala siyaasaa waliinis wal qabata.

BBC: ''Yaalii fonqolcha mootummaa'' naannootti gaggeefameefi, haleellaa aanga'oota olaanoo irratti taasifame inni jedhamu falmisisaa tahee otoo jiruu, hoggansa paartii tokko keessatti garaagarummaan bal'achuutu kanatti fidee yaadni jedhu guddachaa jira. Garaagarummaan siyaasaa dhumni isaa akkas taha taanaan kuni waa'ee siyaasaa waan jedhu qaba? Maal jettu?

Janaraal Tsaadqaan: Falmii ''yaalii fonqolcha mootummaa'' dha, miti kan jedhu keessa seenuu hin fedhu. Dubbichi jibbisiisaa dha. Seer-malee dha.Garuu waanti ifa tahuu qabu tokko, sirna fedaraalaa amma Itoophiyaan keessa jirtuunillee naannoo tokko guutummaan guutuutti osoo qabataniiru tahee, tokkooffaa, naannoo tokko to'achuuf humna gahaa qabu jedhee hin yaadu, lammata immoo, otoo sunillee milkaa'eellee dhiibbaan akka biyyaatti qabaatu hagas guddaa taha jedhee hin yaadu.

Hokkorri hin uumamu, rakkoon hin uumamu jechuu osoo hin tahiin gama aangoo siyaasaa qabachuutiin garuu naannoleen hanguma isaanii humna qaban jiru. Naannoleen kunimmoo caasaa nageenyaa mataa isaanii qabu. Dabalataan, rakkoo naannoo tokkotti uumamee darbu, caala jedhee hin yaadu. Garuu tarkaanfii sukaneessaa heeraan ala tahe dha. Dhimmi ''yaalii fonqolcha mootummaa'' dha, mitii falmiin jedhu waan amma uumameef bu'aa qaba jedhee hin yaadu.

BBC: Biyyattiin jijjiirama irra jirti yoo jedhameyyuu muddamaafi haleellaawwan sabummaa ilaalchisee jiran hubachaa jirra. Aadaa siyaasaa ammaa kana akkamitti ilaaltu?

Ganaraal Tsaadqaan: Biyya keenya keessa rakkoon siyaasaa akka jiru beekamaa dha. Irra deddeebi'ee waan himamu dha. Keesumaa Naannoo Amaaraattti rakkoowwan fiixeetti bahan mudachaa akka turan ni beekama. Akka ilaalcha kootti yeroo dhuma eeggaachaa jiru malee dhisanii bahuun akka hin hafne yaada ture. Amma kan tahes kanuma natti fakkaata.

Humni baayyee finxaalessaa ture fedhasaa fe'uu kan barbaade Naannoo Amaaraa irratti qofa osoo hin taane akka biyyaatti yakka ifa tahe hanga raawwachuu gaheera.

Amma warra du'an, warra qabamaniifi shakkaman irratti xiyyeefachuu osoo hin taane, mootummaan haala kana akka carraatti ilaalee rakkoo hiikuuf haalli mijataan uumameeraafii jedheen yaada. Hubannoofi gahumsaan qajeelfamee rakkoo kana hiikuuf ka'umsa gaarii tahaaf jedheen yaada.

Gama biraan seeraan yoo qabamuu baate, to'annoo ala deemuu akka danda'u mallattoon agarsiisu jira. Gareen gocha kana raawwatan, caasaa tokkoon qofa hin raawwanne. Gareen isaaniin ol jiru jira. Naannoo rakkoon kuni uumames tahe dhaabotni mootummaa biroon balaan kuni hangam deemuu akka danda'u agarsiisaniiru.

Wareegamni kaffalame baayyee guddaa dha. Kana kaffalleerra, gatii kaffalamuu hin qabne dha. Haa tahu malee, mudannoo kana fayyadamnee rakkicha hanga dhumaatti hiikuuf ka'umsa tahuu ni danda'a. Kuni garuu akkasumatti hin dhufu. Siyaasa hoggansaa tasgabbaa'eefi jibba keessaa bahee siyaasa filmaataatti amanu gaafata. Kunimmoo hojii jabaa barbaada. Kanaan ala siyaasa jibbaa afarsaa deemuu taanaan dubbiin to'annoo ala taha.

BBC: Mootummaan federaalaa ''yaalii fonqolcha mootummaa'' Naannoo Amaaraatti uumame jedheera, ''fonqolchi mootummaa'' sadarkaa naannootti ni taasifamaa? Kaayyoonsaa maal tahuu danda'a?

Ganaraal Tsaadqaan: Caasaa amma jiruun waan akkasii yoo raawwatu argee hin beeku. Hin jiru jechuu miti. Ani garuu hin beeku. Sadarkaa naannootti carraan humna naannichaa hunda balleessanii aangoo qabachuu xiqqoo dha.

"Rakkina cimaa keessa galleera, garuu ni mo'anna''

Duraa duuba taatewwan fonqolcha mootummaa fashalaa'ee

Otoodhuma qabatanillee, sadarkaa biyyaattis dhumate waan nama jechisiisu miti. Humni inni guddaa isa kan federaalaati. Mootummaan federaalaa immoo fedha ummataa otoo hin hubatiin humnaan aangoo naannoo qabadheen bulcha jechuu hin danda'u. Kuni immoo uummata naannichaaf arraba natti fakkaata. Ilaalcha siyaasaafi aadaa naannichaas tuffachuu dha. Garuu kana haa dhiisnuutiii, otoo fiixaan baheera tahellee rakkichi naannoorraa hin darbu.

Rakkoo naannicha jiru immoo mootummaan federaalaa naannolee biroo wajjin tahuun waan hiikuu danda'u ture dha jedheen yaada. Kuni maal jedhamuu akka danda'u jecha hin qabu. ''fonqolcha mootummaa naannoo'' dha kan tahuu danda'u. Garuu naannoo irratti qofa kan fuullefate hin turre. Naannoo irra darbee ittisa biyyaa keessattillee hojiin qndaa'ee akka hojjetamu taasisaniiru. Kuni immoo maal akka fide beekamaa dha. Akka biyyaatti aangoo qabachuuf yaaduu isaaniif mallattoon agarsiisu hin jiru.

Sadarkaa naannootti aangoo qabachuuf yaadaniitu hojjechaa turan. Aanga'oota ittisa biyyaa irrattis tarkaanfii kan fudhatan hojii naannoo isaanitti dalaganiif gufuu akka itti hin taaneefi. Dubbii dalaga qabuuf itti yaadanii kan raawwatan fakkaata. Odeeffannoo hanga ammaa jiruun kuni waan naannichatti raawwatuuf haala mijeessuu dha malee aangoo qabachuuf hin fakkaatu.

Naannoo Amaaraatti otoo isaaniif milkaa'era tahee badaa fagaatanii deemuu hin danda'an. Waan mula'tes kanuma,kuni garuu fedha hin qabani jechuu miti. Waan hin dandeenyeefi fashalaa'ee. Miidhaan qaqqabe olaanee yoo taheyyuuu kana caalaa deemuun waan danda'amu hin turre jedheen yaada.

Odeessa kana irratti dabalata