'Yaalii Fonqolcha Mootummaa': US MM Abiy biyya ni tasgabbeessa amantaa jedhu qabdi' jedhu Hermaan Koheen

Herman Koheen Image copyright CGTN

Dhimmoota Afrikaarratti gorsaa mootummaa US kana turaniifi taateewwan Afrikaaf dhiyeenya kan qaban Ambaasaddar Hermaan Koheen mootummaan US, MM Abiy biyya ni tasgabbeessa amantaa jedhu qaba jedhan.

Yaalii fonqolcha mootummaa Naannoo Amaaraatti yaalame ilaalchisee sagantaa BBC Newsday irratti affeeramanii kan dubbatan Kohan, yaaliin kun qaamota olaantummaa saba tokko deebisuu yaadanin qindaa'ee jedhan.

''Wanti Naannoo Amaaraatti raawwatame gocha Sabboontotni naannichaa nutu bulchitoota uumamaa biyyattiidha, Biyyattii waggoota dhibba shanii oliif mootota keenyaan bulchineerra warra jedhaniin raawwatame,'' jedhu.

''Warri yaalii fonqolchaa gaggeessan kun biyyittii olaantummaa Amaaraa jala galchuu warra barbaadaniidha. Kunis hin milkoofne, xumura abjuu isaanii kanaas ta'e,'' jedhu Kohen.

Mootummaan Ameerikaa Itoophiyaa akka michuu gaariitti qabachuuf fedha qabaachuu agarsiiftuuwwan hedduun jiru.

Kohan, US dorgommmii Chaayinaa waliin itti jirtu injifachuuf biyyoota Afrikaa keessatti inveestimentii cimsuun fala akka ta'e ni amantii jedhan.

''Biyyoota yaadni US kun itti milkaahu keessaa Itoophiyaan tokkodha, uummatni ishee hojjettoota jaboodha, bu'uuraaleen misoomaa kanaaf barbaachisaniis jiru, Ameerikaanotaaf maallaqa isaanii baasanii hojjechuuf Itooophiyaan mijattuudha,'' jechuunis dubbatan.

Image copyright Herman Cohen
Goodayyaa suuraa Abba Hermaan Kohen mootummoota Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti jaarsummaan araarsun beekamu

Haala amma mudate keessatti US akka deeggartuu mootummaa Abiyyitti gidduu galuu maltii? gaaffii jedhuuf Kohen, mootummaan Ameerikaa Abiy cinaa jira jedhan.

''Aangawoota olaanoo US waliin haasa'eera, cinaa Abiy jiru, isarraa amantaa qabu, isa deeggaraa jiru, biyyattii ni tasgabbeessa jedhaniis ni amanu,'' jedhan.

Guddina Diinagdee biyyaa olkaasuus ni eegala jedhanii amanuu jedhan.

Maddi rakkoo kanaa maali?

Hanga bara 1991 biyya Itoophiyaa keessatti aangoo hunda to'achuun Sabni Amaaraa olaantummaa qabaachaa akka ture himuun, yaada isaanii sagantaa BBC Newsday'f kan kennan Herman Kohen, sana booda olaantummaan ABUT Itoophiyaa keessatti dhufuun sirna federaalizimii ijaaramuun olaantummaa duraanii cabsee olaantummaa biraa uumuu himan.

Itoophiyaan biyya Federeshinii sabummaarratti xiyyeefachuun ijaaramte ta'uun ammoo, adda addummaa Itoophiyaanota gidduu jiru baldhisee jedhu.

Sun haala kana dura hin turreen, waldhabdee daangaafi dubbii saba kamtu irra caala buufate jedhu dhalee jedhu Kohen.

Kanarraa kan ka'e saboota akka Oromoo, Amaaraa fi Tigiree gidduu walitti bu'iinsi ka'aa akka ture dubbatan.

MM Abiy Ahimad erga aangootti dhufanii as sabummaa bu'uureffachuun waldhabdee uumamaa jiru furuuf wantoota gurguddoon hojjechaa jiruus jedhu.

Odeessa kana irratti dabalata