Bineensota bosonaa: Itoophiyaatti namoonni maaliif qocaa adamsu?

Qocaa Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Qocaan ganna 80-120 jiraachuu dandeetti

Ji'oota muraasaan as Itoophiyaa keessa qocaan gatii guddaa baasti jechuun namoonni muraasa hin jedhamne barbaachatti galaniiru.

Nutis akka taajjabneefi akka odeeffanneetti qocaan gosaan adda taate Birrii miiliyoonotaan lakka'amu baasti jechuun, Itoophiyaa iddoowwan garagaraatti qocaawwan adamsanii walitti qabuun, akkasumas daddabarsaa jiraachuu hubachuu dandeenyeerra.

Keessattuu gochaawwan kun Finfinnee dabalatee, gara Shaashamannee, Harargee, Affaariifi magaalaawwan Lixa Oromiyaatti akka babal'atee jiru odeeffanneerra.

Itoophiyaatti qocaa dabalatee bineensota bosonaa adamsuus tahe daddabarsuu akka hin dandeenye seerri ni dhorka.

Labsiin kanaaf bahe - Labsii Eegumsaa fi Itti Fayyadama Bineensota Bosonaa Lakk. 541/2007 waan jedhu.

''Ministeera yookaan qaama naannoo dalagaarraa jiru malee, namni kamuu, heeyyama adamoo hinqabu taanaan, bineensota bosonaa adamsuu hindanda'u,'' jechuun lafa kaa'a.

'Wantoota shantu adda godha'

Warri daldala kana keessa jiran waan seeraan alaa hojjechaa akka jiran waan beekaniif eenyummaa isaanii himachuu hin barbaadan.

Odeeffannoo namoota garagaraarraa walitti qabneen warri oduu sobaa tamsaasan kun qocaan gati-jabeessa taate kun qocaawwan kaanirraa garmalee addadha -wantoota shantu adda godha jedhanii odeessu.

Qocaan kun wantoota eeraman kanneen ni guutti taanaan, haga Birrii miiliyoona 200 gurguramti jedhu.

Akka jecha namoota kaneenitti, qocaan kun maaliin adda baafamti:

  • Humna maagneetii harkisuu
  • Yeroo itti dhiyaattan neetwoorkii dhaabuu
  • Bishaan qulqulluu tahe bira keenyaan, ni booreessiti
  • Dukkana keessa mormishee garmalee ifa (calaqqisa)
  • Kaameeraan suuraa hin kaafamtu

'Dhaabbata lama qofatu jiru'

Waahee dhimma kanaa angawoonni dhimmichi ilaallatu 'oduudhumaan' akka dhagahaniifi hanga ammaa wanta qabatamaa tahe akka hin agarre nutti himaniiru.

''Oduun sobaa merkuuriin qocaa keessaa baha erga jedhamee booda, wanti kun adeemaa akka jiru dhageenyeerra,'' jechuun Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatti ogeettii turizimii ka taate Aadde Zalaalam BBCtti himteetti.

Naannoo Affaar Paarkii Biyyolessaa Awaash keessa karaa seeraan alaatiin namoonni paarkicha keessaa qocaa guraa jiraachuu paarkii Awaashirraa xalayaan dhiyeenya kana akka isaan dhaqqabe nutti himaniiru.

Abbaan Taayitichaas poolisii waliin tahuun hojjechuuf garaasitti akka imalus odeeffanneerra.

Daddabarsas tahe daldala qocaa kan taasisaa jiran akka biyyaatti dhaabbilee galmaahanii socho'aa jiran, lama qofa akka tahan Aadde Zalaalam BBCtti himteetti.

Kana malees namoonni karaa seeraan qocaa adamsuu yookaan qabuu danda'an kanneen leenjii addaa fudhataniifi muuxannoo kan qaban qofaadha jedhaniiru.

Sababii kanaas enna ibsitu qocaawwan gareen jiraatu waan taheef, garee isa tokkorraa hagam fidhachuun danda'ama? Ganni isaanii kana hagam tahetu fudhatama? kan jedhufi kanneen biroonis kan muuxannoo barbaadanidha.

Kun haaraya miti- bifa jijjiirratee dhufe

Image copyright Getty Images

Amma duras wantoonni akkasii irra deddeebiin biyyattii keessa yogguu mudatan argineerra.

Fakkeenyaaf uffanni mootota duraanii gatii guddaa baasa jechuun yakki waliindhahuu raawwatameera.

Gama kaaniinis kaawuyyaan uffata itti midhaassaniifi gabateen durii suuraa leencaa qabu 'merkurii' qabu jechuun namoonni hedduun daldala kanatti bobba'anii turan. Hedduunis yakka waliindhahuuf saaxilamaniiru.

Kan ammaa kan adda isa taasisu, bineensa bosonaarratti tahuusaati. Kunis daran kan yaaddessudha.

Angawoonni mootummaafi qaamoleen nageenyaa yakkoota akkasii bira kan gahan, yookaan kan tarkaanfii fudhachuu eegalan, erga yakki guddaan raawwatamee, namoonni hedduun yakkichaaf erga saaxilamanii boodadha.

Addunyaa kanarra gosoonni qocaawwanii, kan bishaan keessattis jiraatan dabalatee, gosoonni 300 ol ni argamu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata