Damee walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Keenyaa irratti laafe

Pirezidantii Keeniyaa Joomoo Keeniyaattaafi Mootii Haayilasillaasee Image copyright Screen shot/Ethiopian Embassy

Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Keenyaan gama diinagdeen qaban fageenya hariiroo biyyoonni lamaan tolfatan waliin yeroo ilaalamu xiqqaa akka ta'e qondaaltonni biyyoota lamaanii himan.

Walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Keenyaa osoo biyyattiin walabummaa hin argatin dura eegale.

Haa ta'u malee, waggaa 55 dura ture dhagaan bu'uuraa imbaasii Itoophiyaa kan ka'ame.

Lammiileen biyyoota lamaanii yeroo biyya kaanitti imalan VISA malee akka imalan gochuun alatti waggoota dheeraaf biyyoonni lamaan dhimmoota garaa garaa irratti wal ta'umsaan hojjetaa turan.

Keeniyaan keessumaa waggoota kurnan booda kanaatti lammiileen Itoophiyaa haala biyya keessaan sodaatan itti baqatu ture.

Daangaa lafa dheeraa qooddachuun alatti uummanni Booranaa biyyoota lamaan keessatti argama.

Nagaa tasgabbeessuuf qindoominaan kan hojjetan alatti biyyoonni lamaan Bahaa Afrikaatti dinagdee guddicha waliin horataniiru.

Haa ta'u malee, walitti dhufeenyi gama diinagdeen biyyoonni kuni qaban gahaa akka hin taane Keeniyaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa Mallas Alam dubbatu.

''Walitti hidhaminsi diinagdee biyyoota lamaani hanga uummanni fedhuufi hanga walitti dhufeenya qaban miti.

''Kanneen jalqaba biyyoota lamaan kana walitti fidan, Mootiin Haayilasillaaseefi Joomoo Keeniyaattaan, du'aa ka'ani osoo argani ammas hariiroo gaarii qabaachuu keenyatti malee dinagdeedhaan utubamuu dhabuu isatti waan gammadan miti.''

Bulchitoonni amma aangoorra jiranis bakka gahuu qabnu hin jirru yaada jedhu qabu. Gama Keeniyaas ilaalcha wal fakkaataatu jira.

Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Abaabbuu Nuwaambaanis kanuma dubbatu.

Biyyoonni lamaan pirojektoota garaa garaa waliin dalaganiin alatti dhiheenya gama diinagdeen cimsuun hojjetaa jiraachuu dubbatu.

Akka fakkeenyaattis baankiin Keeniyaa keessatti beekamu ''Baankii Iquwitii'' jedhamu yeroo duraaf Itoophiyaatti waajjira isaa banateera.

''Daldalli biyyoota lamaan gidduu jiru xiqqaadha. Haa ta'u malee, har'a ganama gammachuu keessan jira. Sababni isaas baankiin Ikuwitii gabaa Itoophiyaa keessa seenuun isaa waan guddaadha.

''Ani isa kana rakkoolee taarifaan ala jiraniifi hamma diinagdeen biyyoonni wal utubuu danda'an danqee ture, akka sirraa'aa jiru natti agarsiisa,'' jedhaniiru.

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii keessumaa gama diinagdeen jiru kana cimsuuf fooramiin biznasii qophaa'eera.

Fooramii kana irrattis namoonni diinagdee 500 ol ta'an biyyoota lamaan irraa ni hirmaatu.

Hoggantuun dhaabbata Turizimii Itoophiyaa Aadde Leensaa Mokonniin sagantaan kuni dinagdeedhaan biyyoota kana hidhuf faayidaa guddaa qaba jedhu.

''Dinagdee waliin ii hojjechuu danda'u. Daangaa irratti lammiileen biyyoota lamaayyuu hoteela ijaaruun, akkasumas tajaajila daawwannaa kennu waliin hojjetuu danda'u,'' jedhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata