Riiformiin MM Dr Abiy Ahmad garaagarummaa saboota gidduu jiru saaxile

MM Abiy Ahmad Itoophiyaa geedaraniiru garuu walitti bu'insii saba bu'urefate babalataa jira Image copyright AFP

MM Dr Abiy Ahimad erga seenaa biyyattii keessatti rifoormii adeemsaa olaanaa ifa taasisanii kaasee, rakkoo cimaa jalatti argamu.

Ajjeechaan dhiheenya kana Itaamaazyoor Shuumii waraana biyyatti irratti yaalii fonqolacha gaggeessuuf jedhamun Naannoo Amhaaraatti gaggeefame ture adeemsa rifoormichaa baayyee miidheera.

Gulaalaan BBC Fergaal Keen haalawwan ammaan tana hoogganaa dargaggeessa aardii Afrikaa kanaa mudataa jiru akka itti aanu kanatti xinxaleera.

MM Abiy aangootti erga dhufanii maaltu jijjiirame?

'Ameerikaan MM Abiy biyya ni tasgabbeessa amantaa jedhu qabdi'

Baatiiwwan muraasa dura Abiy Afriikaa keessatti akka gaggeessaa riiformiittii ol kaafamee leellifamaa ture.

Innis hidhamtoota siyaasaa hiikuun, walakkaa aangoo ministirummaas dubartootaaf kennuun, boordii filannoo biyyattif dubartii mudeera. Akkasumas waldhabdee biyya ollaa Eeritraa waliin ture hiikuufis hoogganaa biyyattii waliin tarkaanfii seena qabeessa fudhateera.

Muddee darbe wayitan argeettis, ofitti amanummaadhaan gutamee ture ''uummanni attamiin nagaan jiraachuu akka danda'u hubachuuf addunyaan'' gara Itoophiyaa ilaalu qaba kan naan jedhe.

Miliyoonn balaarratti argamu

Amma erga Naannoo Amaaraatti yaaliin 'fonqolchaa' motummaa naannichaarratti taasifameera jedhamee, ajajaan waraan Janaraal Se'aree Makoonnii ajjeefameen booda ejjeenoon MM Abiy fi hegereen rifoormii isaa waan tasgabbii dhabu fakkaata.

Namtichi yaalii fonqolchichaa duba jira jedhame ajjeefamee, namoonni kana keessattii qooda qabu jedhamaniis to'annoo jala oolaa jiru. Haata'u malee namootni dhimma siyaasa biyyattii dhiyeenyattii beekan kun xumura dubbii dhalateeti jechuun nama dhibaa jedhu.

Image copyright Reuters

Akkasumas baay'ina buqqaattootaa gara mil. 2.5 fi fi garaa garummaa dhaaba biyya bulchuu ADWUI jidduu jirurraa kan ka'e Dr. Abiy ammas qormaataaf saaxilamoodha.

Innis hanga ta'een hamilee guddaa rifoormii qabuun matumsaatiinuuf balaaf saaxilamaa jira.

Itoophiyaan naannoolee sagal sabummaarratti bu'uureffaman irraa biyya ijaaramtedha.

Sabbonumaan sabarratti hundaa'ees bara bulchiinsa Dargiitti garmalee gadi qabamee kan turee yoo ta'u, waggootan 27 sirna ADWUI keessattis akkasuma cimse cunqursaa keessa ture.

Abiy dirree siyaasaa bal'isuun ammoo walgaarrefannaan saboota gidduu jiru akka dabalu taasisee.

Sirni federaalizimii sabarratti bu'urrefattee, sochii namoota siyaasaa dhimma isaaniif itti fayyadamuu fedhaniif kan saaxilameedha.

Saffisni MM Abiy ittiin deemaa turan paartilee obboleewwaniikanneen paartii biyyicha bulchaa jiru Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa(ADWUI) uuman gidduutti tasgabbiin akka hin jiraanne taasise.

Keessattuu qoollifannaa mootummaa naannoo Tigraay fi mootummaa Giddu Galeessaa gidduuttii dhalate qormaata ture.

Naannoon Tigraay baay'ina uummata Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 6 qofa qooddatti, garuu olaantummaadhaan biyyattii bulchaa turan.

'Akka deemtan feena'

Baay'ina uummata Itoophiyaa keessaa harki hedduun kan keessatti kan argaman naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti keessumaa ammoo dhiyeenya kana naannoo Amaaraa keessatti paartilee sabummaarratti ejjennoo jabaa qaban dhalataniiru.

Paartileen dhiyeenya hundeeffamanii as ba'an hedduun isaanii siyaasa sabarratti hundaa'e geggeessu, namni tibbana yaalii fonqolcha mootummaa fashalaa'e naannoo Amaaraatti qindeesse jedhame, Asaaminew Tsiggee milishoota addaa saba Amaaraa hundeessaa ture jedhamee himatama.

Naannoo Somaalee keessatti kaampii baqattootaa keessatti namoonni 700,000 ta'an rakkoo keessa jiru, isaan kunneen walitti bu'iinsa saba Oromoo waliin tureen qe'eerraa buqqa'anii buuafata baqattootaa keessatti argamu.

Rakkoo kanaan gama Oromoon namootni miiliyoona tokko ta'an naannoo Somaalee keesaa buqqa'anaiiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Sababii walitti bu'iinsa sabootiin lammiileen hedduun qe'eerraa buqqaafamaniiru

Wayita waa'een walitti sabaa fi buqqaa'uun lammiileen dubbatamu jecha qondaaltonni biyya addunyaa kun fayyadaman wal fakkaata.

'Haleellaan nurra gahe salphaatti kan ilaalamu miti'

Falaasama 'ida'amuu' MM Abiy Ahimad

Bara MM Abiy Itoophiyaa keessatti kan jedhamu mootummaan abbaa irree rakkoodhaaf kan saaxilamu wayita of haaromsuu eegaluudha.

Wayita sirna abbaa irrummaa waa'een yaaddoo sabootaa as ba'ee hin dubbatamu. Dhokateema turee wayita walabummaan argamu dho'ee ba'a.

Akkuma mootummaan dhufee darbuun sababoonni garaagaraa ni dhiyaatu. As keessatti waan Yuugoslaaviyaa duraanii keessatti mudate kaasuun ni danda'ama.

Xumura Jaarraa 20ffaa keessa bara bulchiinsi mootolee garaagaraa fedhii dhuunfaa isaanii mul'isaa turan keessa walitti bu'iinsaa sabootaa uumameen namoonni dhuman. Kunimmoo inumaa sababii jibbiinsi saboota gidduu ture qofaaf osoo hin taane sababii aangoo dhuunfachuuf namoonni dhuunfaa carraaqaniif ture.

MM Abiy garuu nama akkanaa miti. Abjuun isaa kan haaromsaa akkasumas hunda hammataadha.

Kanaaf Ministirri Muummee kun yeroo kanatti suuta tasgabbaa'ee deemuu isa barbaachisa.

Yaalii fonqolcha mootummaa booda miira aaariin guutameen namoota walitti qabanii hidhuun mufii kan biraa kaasuu danda'a.

Giddudhuma kana sababa kanaan naannoo Amaaraa keessatti namoonni 250 caalan hidhamaniiru.

Wayita taateen akkanaa mudatu eeganii interneetii fi tajaajila bilbilaa dhabamsiisuun diina rifachiisuufi karaa ittiin nyaaphi ergaa nama jeequ ittiin dabarsu dhiphisuu ta'ullee mootummaa Abiy iddoo duraatti deebisuu mala. Waadaa seenan, seera tuman deebi'anii arraabuu ta'a.

Biyyattiin jette-jetteefi tilmaamaan guutamteetti.

Odeeffannoo MM Abiy muraasa

Image copyright Getty Images
  • Hagayyaa 15, 1976 Abbaa Muslima ta'ee fi Haadha Kiritaana taaterraa dhalatan.
  • Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa , Afaan Tigree fi Afaan Ingilizii dubbachuu danda'u.
  • Bara 1990 qabsoo hidhannootti seenan(Mootummaa dargii irratti duuluu eegalan).
  • Bara 1995 Itoophiyaa bakka bu'uun ergama nagaa eegsisuu Ruwaandaa keessatti hoogganuudhaan tajaajilaniiru.
  • Siyaasatti bara 2010 seenan
  • Bara 2016 Ministira Saayinsii fi Teeknooloojii ta'uun tajaajilaniiu.
  • Bara 2018 irraa eegalanii Ministira Muummee Itoophiyaati.

Odeessa kana irratti dabalata