Hiriira mormii guddaa Sudaan danquuf qaamoleen nageenyaa bobba'an

Hogganaan kawunsilii waraanaa sudaan Jen. Abdel Fattah al-Burhan, Sanbata magaalaa Omdurmaanitti deggartoota isaanii waliin. Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Hogganaan kawunsilii waraanaa sudaan Jen. Abdel Fattah al-Burhan, Sanbata magaalaa Omdurmaanitti deggartoota isaanii waliin.

Gartuun mormitu Sudaan, jala bultii hiriira mormii bulchiinsa waranaarratti tasifamuuf jedhutti, qaamoleen nageenyaa wajjiiraa isaanii seenuun ibsa midiyaaf kennamuu dhorkuu isaani dubbatu.

Mormiin "Million-strong march" ykn "Hiriira jaboota kitilaa" jedhame kun, kaawunsiliin waranaa aangoo bulchiinsa uummataatti kennuu diduu isaa komachuun kan gaggeefamuudha.

Waldaan hojjeetoota sudaan Ykn SPA'n "amala cunqursa akkanaa ni baleeleffana" jechuun fuula midiyaa hawaasumma 'twitter' gubbaatti bareessaniiru.

Hiriira Mormii Dilbata har'aa tasifamuun isaa dirqama jedhaniiru.

Waxabajjii 3 irratti mormiitota dimokraasii deeggaran irratti waraanni dhukaasaa banuun lubbuun namootaa hedduu erga darbee booda hiriirri kun hiriira mormii guddaa isa jalqabaati.

Hoggaanaan hiriira mormii Ahmed al-Rabie ibsa midiyaalee kan addaan diige humna waranaa 'Rapid Support Forces '(RSF) jedhamanidha jechuun AFPtti himeera.

"Ibsi midiyaalee jalqabuu isaanii dura, namoota hidhannoo qabaniin kan guutee konkolaataan RSF sadii gara gamoo keenyaa dhufuun ibsa kana akka hin gaggeesine nuun jedhan" jedha.

Namootni hundi gamoo gadhiisanii akka ba'an ajajaman, jedha Obbo al-Rabie.

Image copyright AFP

Waaraannni Sudaan gama isaatiin, hokkoraafi lubbuu hiriira mormii kanaratti baduu danda'uuf itti gaafatammummaan kan mormiitoota akka ta'u akeekkachiiseera.

Janaraal Mohammad Hamdan Dagalo, ykn Hemeeti jedhamuun beekaman namootni "qabeenya belleesan" akkasumaas " ajandaa dhokataa" qabatan hiriira mormii kana da'oo godhachuun akka danda'an akeekkachiisaniiru.

Mariin Sochii mormiitoota fi Kawuunsilii Ce'uumsaa Waraana Sudaan gidduutti taasiifamu Waxabajjii 3 booda addaan cite, yaaliin jaarsummaa Gamataa Afrikaafi Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmediin taasifamuus deebi'ee hin milkoofne.

Jimaata SPA'n miseensonni isaa dursitoonni lama to'annoo jala akka olaan ibsuun "hawaasi addunyaa akka isaan gadhiifaman haa gafatu" jechuun wamicha dhiyeessaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata