MM Abiy Ahimad: "Qalama qofaan osoo hin taane qawwee hidhannee loluuf qophiidha"

MM Abiy Ahimad Image copyright FBC

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii mootummaa isaanii kan bara baajataa 2011 mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyeessanii jiru.

Caasaan mootummaa dadhabee waan tureef biyyattiin balaa wal fixuuf saaxilamtee akka turte yaadannoo keenya yeroo dhiyooti jedhan.

Sabboonummaa mankaraarsuu, ijaraama al-idilee ta'aniin hokkorawwan uumaman, gaaffilee eenyummaa fi daangaa dahoo godhachuun rakkoolee uumaman, daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa, fiinxaleessummaa miidiyaa fi kkf rakkoolee biyyattii keessatti uumameef ka'umsa ta'uu eeraniiru.

Mootummaan isaanii kana to'ate, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa akka jirus dubbatan.

Walumaa galattis namoonni rakkoolee kanneen keessaa harka qabaachuun shakkaman 1000'tti siqan to'annoo jala ooluu dubbataniiru.

Rakkoolee gama diingdee fi dameelee birootiin mudatan furuuf mootummaan hojiitti akka jirus dubbataniiru.

Gabaasa dhiyeessan irratti gaaffii miseensota mana maree irraa dhiyaateefis deebii kennanii jiru.

'Yaalii fonqolcha mootummaa'

Mootummaa FDRI jechuun kan Finfinnee jiru qofa miti jechuun gaaffii 'yaalii fonqolcha mootummaan' wal qabateef deebii kennuu kan eegalan.

Mootummaan FDRI naannolee hunda kan hammatedha kan jedhan MM Abiy, haleellaan naannoo kam irrattuu raawwatamu mootummaa Federaalaa irratti akka raawwatametti lakkaa'ama jedhan.

Qaamni hogganoota olaanoo naannoo tokkoo ajjeesee dhaabbilee mootummaa gurguddoo to'annoo jala oolfatee, miidiyaan ergaan akka darbu ajaja kenne yaalii fonqolcha mootummaa raawwate jedhamuun sirriidhuma jedhan.

"Yaalii fonqolcha mootummaa miti warri jedhan akka jiran ni beekna, nuti karoorri isaanii maal akka ta'e hin beeknu, karoorri keenya kana ture jedhanii nutti haa himani" jedhan.

Kanneen fonqolchi mootummaa sadarkaa naannootti raawwachuun sirrii miti, akkamitti namni mootummaa naannoo fonqolchuu yaada isa jedhuuf yoo deebisan, "akkamitti namni mootummaa federaalaa fonqolchuu yaada?" jechuun gaafatan.

Namni hogganoota akka Dr Ambaachew fi Jeneraal Se'aare ajjeesu jalqabumaa nama sirriitti yaaduu danda'u miti, "sadarkaa naannoottis ta'e gandatti fonqolchuun waan danda'amu itti fakkaata jedhan.

Waa'ee aanga'oota lamaanii wayita dubbatanis miseensota paarlaamaa hedduu boochisaniiru.

"Dr Ambaachewu nama ajjeesan osoo hin taane, kan itti dheekkamuufu garaa nama raasudha" jedhan. Wanta inni uummata Amaaraaf hojjete seenatu gadi baasas jedhan.

"Jeneraal Se'aaren ammoo akka daabboo bifa aadaan tolfamuu, jalaa fi gubbaan osoo abiddi itti boba'uu nama biyya isaaf dhaabbatedha" jedhan.

Humnooti fonqolcha kana yaalan naannoo Beenishaangul to'achuuf humna guddaa bobbaasanii akka turaniifi Oromiyaa dabalatee naannolee biroo keessattis ajjechaa raawwachuuf qophaa'anii turan jedhan.

Loltoonni kanaan dura humnaan masaraa mootummaa seenan, kan Raayyaan Ittisa biyyaa gorsee gadi dhiise namoota kanaan filamanii yaalii fonqolchaa kana keessatti hirmaataniiru jedhan.

Jijjiiramni kun sirrii fi Itoophiyaaf furmaata waaraadha kan jedhan MM Abiy, jijjiirama kana gufachiisuuf ta'e jedhamee duulli adeemsifamaa akka ture dubbataniiru.

Haleellaa boombii hiriira deeggarsa bara darbee irraa eegalee, lammilee buqqisuu, gaaffii daballii miindaa, duula miidiyaa adda addaan raawwatamuu hanga ajjechaa hogganoota olaanoo mootummaa tibbanaa wal duraa duubaan kan qindaa'edha jedhan.

Hogganoonni jijjiirama kana dursaa jirru tokkummaa Itoophiyaaf 'qalama qofa osoo hin taane qawwee hidhannee loluuf qophiidha" jedhan.

Heera mootummaa

Heerri mootummaa gonkumaa tuqamuu hin qabu kan jedhanis ta'e heerri mootummaa kun guutummaatti bakka nun bu'u warri jedhan dogoggora jedhan.

Heerri mootummaa matuma isaatiinuu akkamittiin fooyyessuun akka danda'amu kaa'eera jedhan.

Heerichi dhiigaa fi lubbuun hedduun itti wareegamee dhufe waan ta'eef gonkumaa bakka nan bu'u jedhanii gatuunis dogoggora jedhan.

Heerri Mootummaa kan ganda tokkoo miti, Heera uummattoota biyyaati. Yoo yaadni amansiisaan ni dhiyaata taanaan, fedhii ummataan fooyya'uu ni danda'a. Heerri Mootummaa akkasumaan iyyaniif hin fooyya'u.

Federaalizimii

Erga federaalizimiin dhufee rakkoon dhalate warri jedhan sana dura rakkoon hin turre jechuudhaa? jechuunis gaafataniiru.

Guutummaa biyyattiirraa rakkoon waan tureef qabsoo waggoota 17'f taasifameen booda sirni kun kan ijaarame jedhan.

Itoophiyaa keessa fedhii Federaaliizimii ijaaruu malee diiguu hin jiru.

Gaaffiin qabatamaan ka'aa jiru naannoo ta'uu ykn naannoo ofii babal'ifachuu malee federaalizimiin haa diigamu kan jedhu miti jedhan.

Rakkoon jiru naannolee sabummaa waliin waliin dhahuudha jedhan. Naannoleen kan uummata hundaati malee kan warra keessaa jiraatanii qofa miti.

Gaaffii naannoo ta'uu

Gaaffiin naannoo ta'uu gaaffii mirgaati. Heera mootummaatiin kan beekamtii argatedha jedhan.

Haa ta'u malee gaaffiin seera qabeessa ta'e kun deebii kan argatu bu'uura seeraa qofaani jedhan.

Hokkaraa fi jeequmsaan gaaffii seera qabeessa kana deebifachuuf yaaluun sirrii miti jedhan.

Hojii kanaaf itti gaafatamummaa kan qabu Boordiin filannoo Biyyaalessaa hojii akka haaraatti of gurmeessuu fi seerota haaromsu hanga fixutti uummattoonni naannoo Kibbaa obsaan akka nu eegan gaafanna jedhan.

Obsaan nu hin eegdan taanaan garuu obsi keenya dhumateera "akkuma naannoo Somaaleetti goone, haala barameen sirreessuuf dirqamna" jedhan.

Uummatni tokko naannoo akka ta'u gochuun heera mootummaa fooyyessuu gaafata kan jedhan MM Abiy, naannoleen kana gaafatan gaafachuu qofa osoo hin taane naannolee kaanis amansiisuu qabu jedhan.

Sudaan

Rakkoo biyya Sudaan keessatti mudate miira obbolummaan akka furamu yaalaa jirra jedhan.

Kunis rakkoon biyyattii keessatti yoo uumame kallattiin Itoophiyaa irratti dhiibbaa waan qabuufi hariiroo obbolummaa gaarii biyyoota lamaan gidduu jiru irraa madda jedhan.

Masrii waliinis yoomiyyuu caalaa hariiroo gaarii uummataa jirra, sana itti fufsiisuun barbaachisaadha jedhan.

Dabalataan biyyoota ollaa hunda waliin hariiroo gaariin akka jiruufi rakkoon kamuu yoo uumamu waraana lafoonis ta'e, qilleensaan deeggarsa nuuf godhuuf qophiidha jedhan.

Qaala'iinsa jireenyaa

Barri baajataa kana wayita eegalamu qaala'iinsi jireenyaa dhibbeentaa 16 ture jedha MM Abiy.

Waggaa guutuu ji'oota hedduuf dhibbeentaa 12 irra ture, Caamsaa keessa dabalee ture, amma hir'ataa jira jedhaniiru.

Rakkoon bu'uuraa qaala'iinsa jireenyaa dhiyeessii fi fedhiin wal madaaluu dhabuudha jedhan.

Kanaaf ammoo wantoota sababa ta'an keessaa tokko namooti omishaalee dhoksanii kuusan jiraachuudha, sun gatiin akka dabalu taasiseera jedhan.

Kana tasgabbeessuuf tarkaanfi yeroo kan ta'e mootummaan omishaalee akka qamadii fi zayitaa bitee dhiyeessuufi boba'aa bitanii galchuufis deeggarsa gochaa ture jedhan.

Furmaata waaraa kan ta'e ammoo imaammata maallaqaa baasee hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru.

Elektiriikiin adda ciccituun qaala'iinsa jireenyaaf sababa guddaa miti jedhan.

Elektiriikiin adda ciccituun kan mudateef sababa hanqina bishaaniitiini jedhan.

Maddawwan aannisa alektiriikii rooba qofarratti hin hundoofne akka ji'ootarmaalii, soolaarii fi qilleensaa fayyadamuuf abbootiin qabeenyaa gara dame kanaa akka seenan afeeraa jirra jedhaniiru.

Rakkinicha hundeerraa furuuf ammoo biqiltuu dhaabuun furmaata waaraadha jedhaniiru. Baatii dhufu keessa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona lama dhaabuun addunyaa irratti riikordii galmeessuuf qophiin jiraachuus himaniiru.

Hidha haaromsaa

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa rakkoo adda addaa mudatee ture, hoggansa isaa jijjiirree, wantoota sirreeffamu sirreessinee hojiin isaa akka itti fufu ta'eera jedhan.

Mootummaan hojii isaa yeroon hojjetee xumuruu dhabuu isaatiin Kaampanii Saaliiniif maallaqa hedduu kaasaa kafallee hojii akka itti fufu taasifneerra jedhan.

Kontiraaktoroonni 6 hojicha hojjechaa jirus jedhan.

Hidhi haaromsaa waan guddaa eegallee xumuruu akka dandeenyu ijoollee keenya kan ittiin barsiifnudha jedhan.

"Hogganni wayita jijjiiramu kan hin jijjiiramnedha. MM Mallas eegalsiisee, MM Hayilamaariyaam itti fufsiisee, anis hanga danda'e oofeen, kan natti aanee dhufu ammoo kan xumursiisu ta'a." jedhan.

Ispoortii

Itoophiyaa keessa akkuma beektan Ispoortiin hin jiru garuu rakkoon biyyoota Ispoortii qaban hin jirre nu bira jira jedhan.

Siyaasni dirree kubbaa miilaa keessa galee rakkoo guddaa uumaa jiraachuu dubbatan.

Kilabootni hedduun bajata mootummaa irratti kan hirkatanidha kan jedhan MM Abiy Ahimad rakkinichi hin furamu yoo ta'e mootummaan deeggarsa isaa adda kutuuf dirqama jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata