'Gogaafi foon naachaa Itoophiyaa gabaa dhabe'

Naacha Image copyright Getty Images

Itoophiyaan gara biyya alaatti erguun galii kan ittiin argataa turte keessaa tokko gogaa fi foon naachaa ture.

Amma oomishni jiraatus, gabaa addunyaaf dhiyeessuun hin danda'amne jedhu itti gaafatamaa itti aanaan Waajjira Turizimii Naannoo Saboota, Sab-lammoota fi Uummattoota Kibbaa, Obbo Lammaa Massalaa.

Giddu galeessi horsiisa naachaa Arbaamincitti argamu bara 1976 waajjira kana jalatti ture kan hundaa'e.

''Kaayyoon inni duraa, gosa naachaa Naayil jedhamu baraaruu ture'' kan jedhan Obbo Lammaan, adeemsa keessa garuu sanyiisaa tursiisuu qofa otoo hin taane, fooniif gogaasaa gabaa alaaf dhiyeessuuf qeeraan ammayyaa qopha'uu isaa dubbatu.

Haa ta'u malee, dhiyeenya kana gogaafi foon naachaa gabaaf dhiyeessuu hin dandeenye.

Gogaan 1500 barana qophaa'ee ture gabaa dhabee hafuu himan. Foon isaas gabaa dhabuusaatiin naachumti deebi'ee akka nyaatuuf kennamaafi.

Gabaa alaa irraa galiin argamu baayyees ta'uu baatus waggaatti birrii miliyoona 5'tti kan dhiyaatu ni argama jedhu.

Kana jechuun, giddu galeessa horsiisa kanaaf maallaqa mootummaan ramadu birrii miliyoona 8 keessaa, walakkaa ol of danda'a ture jechuudha.

''Gogaan isaa seentimeetiraan gurgurama, gogaan sadarkaan dura seentimeetirri tokko doolara 4'n gurguramaa ture" jedhu.

Foon isaa erga gurguramee waan tureef gatiisaayyuu irraanfataniiru.

Giddu galeessicha keessa naachii 3,000 ta'u akka jiru ogeessi giddugaleessa kanaa obbo Masarat Dammilaw himaniiru.

Umuriitiin naachooti waggaa tokkoo hanga 29 ta'an giddu galeessaa kana keessa jiraachuu himan.

Qalmaaf kan oolan umurii waggaa 4-8 gidduu kan jiran yoo ta'u, amma kan umuriin isaani kana darbe daawwiif oolu.

Waggoota 120 amma 150 akka jiraachuu danda'an himamus, giddugaleessaa kana keessa naachi umurii ammasii qabu hin jiru jedhan. Umuriin ammasii amma gahanittis hin eegaman.

Naachi akkamitti qalmaaf qopha'aa?

Hoolota wayita bitnu dugda jabeessine akkuma qabnu, Naachaa galma gahemmoo lapheesaa safaruun mirkaneeffama.

Haaluma kanaan bal'inni lapheesaa seentimeetira 25-50 yoo gahe, gabaaf gaheera jedhama.

Kana malees umuriin isaaniis tilmaametu gabaaf qaqqaba. Qalmisaas kan qurxummii wajjin walfakkaata.

Jalqaba iddoo jirutti ajjeefama, hamaa waan ta'eef garuu akka qoosaatti hin ajjefamu, gamnummaa barbaada.

Mataasaa gidduu sibiila ittiin ajjeesuuf qopha'een waraanama, kana gochuu dhiifnaan hin du'us, gogaanis irraa hin bahu jedhu.

Naachi bineensa daggalaa waan ta'eef miidhaa akka namarraan hin qaqqabsifne of eeggannoon ni barbaachisa.

Garuu namoonni qalan warruma isaan kunuunsan waan ta'aniif miidhaan badaa hin mudatu.

Du'uun isaa erga mirkaneeffamee booda gara qeeraa ykn bakka itti qalamu achuma giddugalicha keessa jiruutti geeffama.

Dhiigni akka keessaa yaa'u erga taasifamee booda qalamee gogaan irraa baafama.

BBC: Qaamni isaa baay'ee barbaadamu kami?

Obbo Masarat: Foon laphee isaarra jiru kan 'Firiimbaa' jedhamu...namoonni hedduun isa jaalatu.

BBC: Foon naachaa dhedhii ni nyaatamaa? Akkami laata dhamdhamni isaa?

Obbo Masaratį”Aadaa keenyaan namni badaas dheedhiisaa hin nyaatu. Waaddii isaa kan nyaatan garuu jiru.

BBC: Lammileedhuma Itoophiyaatii?

Obbo Masarat:Eeyyee! Foon isaa kan qurxummii irraa baay'ee adda miti, garuu foon waan nyaatuuf coomatu itti baay'ata.Ta'us dugda isaarraa foon diimaas qaba.

Lammilee biyyoota alaa dabalatee warri barbaadan gara giddu galeessichaa goranii bitatanii deemu malee iddoon itti nyaatan hin jiru jedhu Obbo Masarat.

Foon isaa soogiddi itti naqamee kattanneessaa keessa yeroo dheeraa turuu akka danda'u kan himan Obbo Masarat yoo namni bitu dhibee deebi'ee naachumaaf laatama jedhan.

Foonii fi Gogaan Naachaa maaf gabaa dhabe?

Gabaan foonii fi gogaa naachaa qabbanaa'uun rakkoo kufaatii diinagdee waggoota muraasa dura addunyaa mudateen akka wal qabatu dubbatu Obbo Lammaan.

Gabaa biyyoota alaa qorachuun fedhiin eessa akka jiru adda baasuu dadhabuunis rakkoo ta'uusaa dubbatu.

Dhiyeessiin isaanii xiqqaa waan ta'eefis, dhaabbanni gogaa muraasa giddugalichi omishu bituuf jedhee dhufu akka hin jiraanne himu.

Mootummaan osoo xiyyeeffannaa kenneefi bu'aan gaariin irraa argama jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata