Moggaasa maqaa Oromoo durii hanga ammaa

Dabballee Image copyright Eric Lafforgue/Art in All of Us

Moggaasi maqaa Oromoo biratti hariiroo uumaa fi uumamaarratti hundaa'a jedhu qorattoonni seenaa Oromoo.

Hayyuun antirooppooloojii Dr. Gammachuu Magarsaa moggaasi maqaa Oromoo ganamaa karaa jaarmiyaa moggaasa maqaatiin, qaallichaan, raawwatamaa ture jedhu.

Aadaa Oromoo Booranaa qorachuun barruulee adda addaa qopheessuun kan beekaman Aab Jaatanii Diidaa moggaasi maqaa Oromoo ganamaa hiree eebbaa fi finna daa'ima sanaa of keessatti hammata jedhu.

Kan maqaan irraa jijjiirame eebballee, finnallee dhabeera jedhan.

Namoonni gaafannes dhiibbaawwan siyaasaa, amantaa fi hanqina hubannootin maqaa akkaataa aadaatiin moggaasaa akka hin jirre dubbatu.

Aadaa moggaasa maqaa Oromoo

Image copyright Barcroft Media

Akka Dr Gammachuu Magarsaatti Oromoon dur sirna dhugeeffannaa fi waaqeffannaa isaa irratti hundaa'ee maqaa baasa.

Oromoon amantaa yaad-rimee raajiiwwan hawaa kana keessa jiran hubachuu fi dhugeeffachuurratti hundaa'e 'Astrotheology' [qorannoo waa'ee Waaqaa] qaba.

Akka amantaa Oromootti guyyaan hunduu ayyaana waaqaa qaba. Sochiin urjii, ji'aa fi aduu moggaasa maqaa Oromoo keessatti gahee qabu.

Ayyaana daa'imni tokko dhalate, addeessi eessa oolte, urjii kam waliin oolte kan jedhu ilaalameeti.

Fakkeenyaaf yoo urjii Sorsaa wajjin oolte hiikaa mataasaa qabaata, yoo Ruudaa waliin oolte hiikaa biraa qabaata, kanneen biroos akkasuma.

Kanaafuu, sirna amantiisaa irratti ijaarameerratti hundaa'uudhaan maqaa moggaasaa ture Oromoon jechuun falaasama moggaasa maqaa Oromoo duuba jiru ibsu.

Dur ijoollee kan moggaasu warra osoo hin taane jaarmiyaadha.

Keessumaa ijoollee hangafaa karaa sirna hammachiisaa Ayyaantuun guyyaa fi yeroo daa'imni sun irra dhalate ilaaluun moggaasa.

Malee inni hawwiidhuma qabanirraa ka'anii moggaasan booda kana erga aadaan Oromoo dadhabaa dhufeeti kan dhalate.

Waaqeffannaan Oromoo dhugeeffannaa uumaa Waaqaa keessaahuu kanneen akka urjii, addeessaa fi aduu irratti kan hundaa'edha.

Daa'imni tokko yeroo gara lafaa dhufu haalaa fi yeroo sana bakka bu'a. Kanatu ilaalamee moggaafama ture jedhu Dr. Gammachuun.

Daa'ima dhalatu qofa osoo hin taane yeroo gaa'ilaas maqaan ni mogga'a, sunis yeroo fi haala guyyaa sanaa hedata. Amantii Oromoo waliin walqabata jedhan.

Aadaa Oromoo Booranaa qorachuun barruulee adda addaa qaopheessuun kan beekaman Aab Jaatanii Diidaa moggaasa maqaa Oromoo ilaalchisuun yaada Dr. Gammachuutti walii galu.

Akka aadaa oromootti seerri uumamaa, maqaa lafaa ,kan namaa fi kan mukaa walitti hidheera.

''Fakkeenyaaf namni lafa tulluu jedhee moggaasa, Liiban jedhee moggaasa, mukti maqaan arooressaammoo Boorana keessatti maqaa gosaati, gosti arooressaa muka arooressaa hin muru hin gubu.

''Fakeenyaaf namni ayyaana arbaa dhalate arba hin ajjeesu, kanaaf maqaan callisee osoo hin taane uumaa fi uumama hunda walitti hidhee madaallii eegsisee kan moggaafamuudha, kun falaasama moggaasa maqaa oromoo ganamaa ture.

''Maqaa moggaasuun ayyaana oromoo digdamii torba waliin walqabata. Daa'imni dhalate ayyaanni inni keessa dhalanni maanni kan jedhu ilaalameeti,'' jedhan Aab Jaatanii Diidaa.

Sirna gubbisaa

Akka aadaa Oromootti daa'imni tokko hanga umurii dabballummaa keessa jirutti maqaa isa sirrii osoo hin taane kan warri fedhaniin waamama.

Fakkeenyaaf Boorana keessatti namni tokko daa'ima dabballee sadi yoo qabaate sadanuu 'Jaldeessa' jedhee waamuu danda'a.

Garuu daa'imni tokko wayita waggaa 8 ta'u sirna moggaasa maqaatiin maqaan seeraan inni ittiin waamamu moggaafamaaf.

As keessatti daa'imnillee of beekeera waan ta'eef ni hirmaata.

Kan biraammoo yoo akaakoon dabballee sanaa jiraatan sanitti moggaasu, kunis aadaadha.

''Warri maqaa baasan nama torba, torban jilaa jedhamu. Hunduu yaada kennu , isa booda kan daa'imni filates ilaalameetu walii galtee nama hundaatiin maqaan mogga'a. Booranni akkasiin moggaasa ture,'' jedhan Aab Jaataniin.

''Maqaan yeroo fi haalaan walqabatees moggaafama. Nama bona dhalate Bonayya jedhan, rooba keessa yoo dhalate Roobaa, barii yoo dhalate Barraaqo, galgala yoo dhalate Galgaloo baasan.

''An fakkeenyaaf wayita mana hin qabne, bakka dhibii qubannee turre keessa waanan dhaladheef Jaatanii naan jedhan. Bakkii fi haalli keessatti dhalatnis murteessaadha,'' jedhan Aab jaataniin.

''Maqaan wayita ba'u eebbaafi finna ykn diinagdee waliinillee walqabata. Boorana keessatti wayita maqaa baasan eebbaa fi loon kennuuf. Kanaaf wayita maqaa jijjiirtu eebballee dhabda.''

Dhiibbaa Amantii fi Siyaasaa

Oromoon akka ofii beekutti akka hin jiraanneefi akka aadaasaatti akka hin bulle amantii fi siyaasatu hacuucaa ture jedhu Dr. Gammachuun.

Amantiin Kiristaanaas ta'e Islaamaa erga biyya kana seenee Oromoon yoo amantiiwwan kanneen fudhate maqaasaas jijjiirrachuu qaba yaada jedhutu ture jedhan.

''Oromoon waan beeku akkaataa inni ittiin wallaalu akkasumas waan aadaasaa dagatee kan warra Kaabaa akka fudhatuuf siyaasi biyyattii keessa ture dhiibbaa irratti godheera.

''Mootoleen Itoophiyaa argaan dhageettii Oromoo badee seenaa ofii bocanitti ummanni Oromoo akka of dabalu hojjetaa turan.''

''Namni aadaasaa hin qabne, seenaas hin qabu, kan Afaan isaa bades maqaa hin qabu, Kan maqaa hin qabnemmoo lafayyuu hin qabu, namni lafa hin qabnemmoo jiraatti du'a.

''Oromoo maqaa amantii fi siyaasaatiin akkas gochaa turan,'' jechuun dhiibbaa maqaa biraa moggaafachuun Oromoo irraan ga'e dubbatu Dr. Gammachuun.

Warri amantii Oromummaatti buluu akka waan seexanatti buluu godhanii deebisanii Oromtichuma barsiisu. Kanaafuu erga aadaan sun haala kanaan cabee as oromoon ofis tuffatee maqaa ofiis tuffatee akka irraa jijjiirratu ta'e jedhu.

Maqaan Oromoo doofummaa fi maqaan amantii ykn maqaan Amaaraa qaroomina akka waan bakka bu'uutti Oromootti fe'ani jedhan.

Maqaa ofiin baafatan

Dhiibbaawwan siyaasaa fi amantiitiin argaa fi dhageettiin aadaa fi seenaa Oromoo addaan citee turuunsaa ummanni Oromoo har'a akka burjaaja'u gumaacheera jedhu Dr. Gammachuun.

Ummatichi aadaa moggaasa maqaa duraaniin gargar ba'ee waan tureef itti deebi'uun hedduu ulfaata.

Wayita xiqqoo mataa olqabachaa dhufe garuu gara ofiitti deebi'uuf jedhee burjaaja'e. Maqaa ofii tolchee itti fayyadamuu eegale jechuun himu.

Kanaaf yeroo ammaa maqaawwan ba'aa jiran kan hiika hin qabnee fi falaasama moggaasa maqaa Oromoo ganamaatiin kan wal hin argineedha jedhu Dr. Gammachuun.

Aab Jaatanii Diidaa garuu sabboonummaa Oromootu maqaa namni ofiin moggaafatuf sababa ta'e waan ta'eef hanga hiika Afaan Oromoo qabaatetti jajjabeeffamuu qaba jedhu.

Haala siyaasa baraa fi nama jajan duuka bu'uun maqaa moggaasuunillee jira, kunimmoo aadaa ganamaa keessaa ba'aa akka deemamu taasiseera.

Fakkeenyaaf bara dargiin dhufe maqaan Oromoo gara Abiyot, Natsaannat, Andinnet…tti moggaafamuu eegale. Kun haala yeroo sanaatti of madaqsuuf waan ta'eedha jedhu.

Haaluma kanaan bara mootummaa kanaas namoonni siyaasaa fi haala keessa jiraniin walqabsiisanii maqaa moggaasu.

Fakkeenyaaf an wayitan mana hidhaati ba'etti maqaa mucaa kiyyaa Gammachuu jedhee moggaasurra Falmataa jedheen moggaase.

Hiriyaan kiyyammoo sabboonaa jedheen, kanneen biroon ammo Eebbisaa, Gammadaa jedhanii moggaasuu eegalan jedhan.

Boodarra ammo namoonni maqaadhuma Afaan Oromootiin hiika qabu garuu kan aadaa duraa waliin hin deemne baafachuu eegalan.

Kan duraa uumaa f uumamaan walqabata, kan ammaa garuu namtolcheedha. Ta'us, garuu hanga afaan Oromootiin hiika qabaatetti kanuma wayya jedhu Aab Jaataniin.

Kan amantii seenanii waan Afaan Oromootiin hiikaa hin qabne moggaasuurra kan hiika qabu wayya.

''Namoonni hedduun maqaa Arabootaa ykn kan Israa'eelotaa moggaafatu. Sanarra garuu namtolcheellee haa ta'u malee kanuma hiika Afaan Oromoo qabu wayyan jedha,'' jechuun himu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata