Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa: Du'a Injinar Simanyaw booda

Hidha Haaromsaa Image copyright OMN

Pirojektiin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa wayita hojii eegalerraa kaasee hojii geggeessaa ta'uun kan hojjechaa turan Injinar Simanyaw Baqqala erga addunyaa kanarraa du'aan boqotanii kunoo Adooleessi 26 waggaa tokko ta'a.

ALA Adooleessa 26, 2018 ganama ture naannawa addababayii masqalaatti konkolaataa isaanii keessatti du'anii kan argaman Injinar Simanyaw.

Boodarra Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa ofiin akka of ajjeesan beeksise.

Duuti Injinar Simanyaw pirojektii biyyattii kan baasii birrii biiliyoona hedduutiin hojjetamaa jiruufi kan isaan hoogganaa turan keessatti jijjiiramni bu'uuraa akka geggeeffamuuf karaa saaqeera.

Yeroo ammaa Hoogganaa Olaanaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa kan ta'an Injinar Kiflee Horroo, wayita Injinar Simanyaw yaadatan, ''Namni tokko akka dhuunfaatti waan irraa eegamu gumaachuu danda'a malee pirojekticha bakkaan hin bu'u," jedhu.

Pirojektiin kan uummata Itoophiyaa hundaati. Ani darbuu danda'a, eenyuyyuu dhufee pirojekticha hoogganee darba. Kan injinar Simanyawus akkasumattiin ilaala'' jedhan.

Waggaa tokko kana keessatti adeemsi pirojektiin kun keessa darbe maal fakkaata ture? maaltu jijjiirame? Maaltu danqaa ta'e? Injinar Kiflee Horroo waliin turtii taasifneerra.

Pirojekticha maaltu mudate?

Pirojektiin guddaan abdii uummata Itoophiyaatiin eegalame akkaataa yaadameen xumuramuu hin dandeenye.

Garuu ammas taanaan mootummaas ta'e uummanni deeggaruu hin dhiisne. Hojjetamee akka fiixaan ba'uuf fedhii qaban irraa kan ka'e mootummaa fi uummanni quuqama qaban agarsiisaa turan jedhu.

Pirojektii kana rakkoowwan gurguddoo lamatu mudate. Tokkoffaa umamni lafaa (Geology)n lafaa akka eegame hin taane.

Lafti bishaan abbayyaa irra deemu jalli isaa jabaadha jedhamee eegamee ture garuu wayita hojiitti galamu hedduu laafaa ta'ee argame.

Kanaafuu qotanii konkiriitiidhaan guutuun yeroo dheeraa fudhate jedhu. Lafaa konkiriitii guutuu qofti gara waggaa sadii fudhate.

Lammaffaan ammoo, kan hojii kana boodatti harkise dhaabbata Korporeeshinii hojii Sibilaa fi Injinariingii kan ta'e METEC dha.

Image copyright Injiner Kifle
Goodayyaa suuraa Injiiner Kifle Horroo hojii gaggeessaa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa haaraa

Mootummaan yeroo hidha kana ijaaruu eegale humnaa fi dandeettii biyya keessa jirutti dhimma ba'uu kaayyeffateeti.

Miira kanaan mootummaan dhaabbata gama hojii sibiilaatiin sochii guddaa irra ture METEC kontiraaktara ta'ee hojii sibiilaa fi injinariingiidhaan walqabatu akka hojjetu murteesse.

Dhaabbati kun dandeettiis ta'e muuxannoo pirojektii humna ibsaa ijaaruu hin qabu waan ta'eef hojiisaa fuulduratti adeemsisuu hin dandeenye.

Maallaqi biliyoonaan lakkaa'amu itti ba'eera, garuu pirojektichi faara hin godhanne.

Yeroo ammaa ijaarsi siiviilii hidha kanaa harka 80 ol xumuramus, hojiin sibiilota ujummoo fi tarbaayinootaa ykn hojiin mekaanikaalii harka digdamayyuu waan xumurame hin fakkaatu.

Mootummaanis erga kana qoratee booda METEC harkaa fuudhee kontiraatasaa haqee dhaabbilee addunyaarratti gama kanaan muuxannoo qabanitti kenneera.

Sibiilonni bishaanirratti hojjetaman kanneen akka tarbaayinootaa fi kanneen biroon muuxannoodhaan kan hojjetamaniidha.

Kontiraaktaroonni amma galan kubbaaniyyaa Firaansi, Jarmanii fi Chaayinaati. Yeroo ammaa kontiraaktara hojii siivilii hojjetu dabalatee kontiraaktaroota jahatu hojii kanarratti hirmaataa jiru.

Isaanis amma hojii pirojektichaa haala gaariin geggeessaa jiru.

Image copyright OMN

Komii Saaliinii fi adeemsa hojii pirojektichaa

Hojii Siivilii kontiraataan qabatee kan hojjetaa ture dhaabbata ijaarsaa biyya Italii kan ta'e Saaliiniin kaffaltiidhaan walqabatee komii kaasaa ture.

Komii sanas kan qixa sirrii qabuu fi hin qabne mootummaan adda baasee amma waliigalteerra geenyeerra.

''Komiin saaliinii akkas ture. Innis pirojektiin kun rakkoo ani hin uumneen boodatti harkifateera, hojiin koo sababa anarraa hin maddineen booddeetti hafeera."

Kanaafis kisaaraa gurguddaa keessa galeera. Osoo METEC yeroodhaan tarbaayinootaa fi sibiilota hojii pirojektii kanaaf barbaachisan biroo fideera ta'ee silaa hojii koo yeroodhaanin xumura.

Kanaaf kisaaraa maallaqaa guddaatu narra ga'e jechuun akka kaffalamuuf gaafatee ture.

Saaliiniin waanuma gaafate hunda argata osoo hin taane ogeeyyiin hojii ture sakatta'anii qoratanii erga adda baasanii booda, murtoorra geenya.

Kana gara xumuraarra geenyee jirra.

Pirojektiin kun harkifachuun miidhaan isaa saaliinii ykn METEC qofaaf miti, uummata Itoophiyaa guutuudha kan kassaru.

Yeroo ammaa hidha guddaa yoo fudhannee ilaallee gidduun isaa waan rukutamee giduudhaa cabe wayii fakkaatee jira. Faara hin qabu.

Ijaan ilaaluufuu namatti hin tolu, danaa bareedaa qabaachuu hin dandeenye.

Sibiilonni achi keessa galuu qaban yeroodhaan waan hin dhiyaanneef saaliiniin hojjete keessaa bahuu hin dandeenye.

Ammas garuu komii isaa dhiyeeffachaa hojiisaa itti fufee jira malee Saaliiniin guyyaa tookkollee hojiisaa dhaabee hin beeku.

''Miirri sinsinnii jalqabaa ammasana miti''

Isa dhugaa dubbachuuf miirri sabaa xuqameera. Sadarkaan pirojektiin kun irra ture dhugaansaa ummatatti himamaa hin turre.

Dhugaan jiru boodarra bira ga'ame. Gabaasi yeroo dheeraadhaaf dhiyaachaa ture sadarkaa pirojektichi irra jiru argisiisaa hin turre. Sabni wayita kana hubatu gadduun hin hafne.

Pirojektiin kun dhaadannoo uumata keenyaa akka ta'ee itti fufuuf iddoosaa duraatti deebisuuf waan dandeenyu gochaa jirra.

Hojjetaan pirojektichaas fiixaan ba'uu pirojektichaa waan fedhuufi isaafis waan hojjetuuf hamileedhaan hojjetaa jira.

Yoom xumurama?

Pirojektiin kun wayita eegalame waggaa afur keessatti tarbaayinooti lama anniisaa maddisiisuu eegalu jedhamee ture.

Waggaa torba keessattimmoo ni xumurama jedhame ture. Garuu fiixaan ba'uu hin dandeenye.

Jalqabuma pirojektii hangana guddatu waggaa afurii fi torba keessatti xumurra jedhanii yaaduun hanqina sagantaati.

Utuu METEC hojiisaa seeraan hojjeteera ta'ee garuu yoo xiqqaate bara 2009 keessatti elektirikii maddisiisuu ni dandeenya turre.

Garuu sunis hin danda'amne.

Addunyaarratti pirojektoonni gurguddoon akkanaa harkifachuu fi baajata dabalataa nyaachuudhaan beekamu. Nutis egaa akkas goonee yoo xiqqaate bara 2015 keesatti anniisaa maddisiisuu ni eegalla jennee karoorfanneerra.

Waggoota lama keessatti anniisaa maddisiisuu, waggoota afran itti aanan keessattimmoo ijaarsa hidha kanaa guutummaatti ni xumurra jennee jirra.

Akkaataa bishaan itti guutuu danda'urratti biyyoota yaa'a gadii waliin dubbachuu nu feesisa. Waggoota amma jenne kana keessatti tarbaayinoonni hundinuu elektirikii ni maddisiisu jechuu hin dandeenyu.

Kun akkaataa bishaan itti guutu irratti hundaa'a. Ijaarsa isaa garuu xumuruuf karoorfanneerra.

Baasiin yaaddoo itti ta'aa jiraa?

Maddi maallaqa pirojektii kanaa mootummaa fi uummata, gargaarsi alaa itti gale hin jiru. Motummaanis baajata dabalataa ramadee hojjechisaa jira malee yeroo pirojektiin kun hojii dhaabe argee hin beeku.

Uummannis hanga ammaatti maallaqa birrii biiliyoona 12 ol buusee hojiin pirojektii kanaa geggeeffamaa jira. Pirojektiin kun akkan lafarra waan harkifateef baasii dabalataa gaafateera.

Lammaffaa immoo meeshaaleen ittiin ijaarame hedduun qulqullinarratti rakkoo qabu. Kanneen bakka buusuunis baasii dabalataa gaafateera.

Sharafni alaa keenya gadi bu'uunis akkasuma dhiibbaa mataasaa qaba. Baasiin haa dabaluyyuu malee mootummaa fi uummanni pirojektii kana xumuruuf kutatanii ka'aniiru jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata