Afaan: Olmaa barreessitoonni Afaan Oromoofi Tigree guddina ogbarruu Afaan Amaaraatiif oolan

Kitaboolee barraa'an adda addaa

Barreessitoonni ogbarruu Afaan Amaaraa sadarkaa amma irratti argamuun gahan, isaan afaan isaanii afaan biraatiin hiikkatan ta'uu hunduu irratti waliigalu.

Ba'aaluu Girmaa fi Sibihaat G/Igzaabeeriin alatti asoosama Afaan Amaaraa yaaduun ni rakkisa. Tsaggaayee G/Madihiin (Roobaa Qawweessaa) ammoo diraamaa fi ogwalaloodhaan kaasuu dagachuu gonkumaa waan hindanda'amneedha.

Walaloos yoo ta'e Salamoon Dheereessaatiin alatti eenyutu dursa eeramuu danda'a?

Hayyoonni tokko tokko ammoo hiikkaa amaariiffaa Saahilasillaasee Birhaana Maariyaam malee yaaduun hindanda'amu jechuun, ogbarruun afaan Amaaraa amma jiru kan hayyoota saba biraatiin sadarkaa kana geessifame ta'uu dhugaa bahu.

Kanaafuu ogbarruun Afaan Amaaraa kan ''Itoophiyaati'' jechuun mormu.

Osoo ogbarruu afaan Amaaraa hammayyaaf sadarkaan kan bahu ta'ees barreessitootuma gammeessoota saba biraa sanatu sadarkaa tokkooffaa qabata ture jedhu hayyoonni.

Tsadayi Wandimmuu, Yunvarsitii Maqaleetti profesarri gargaartuun afaanoota biyya alaafi asoosamaa, barreeessitoonni kunneenis osoo afaanoota biraatiin barreessuu danda'anu Amaariffaan kan barreessaniif danaa ogbarruu mataasaanii kan ijaarratan jechuun ibsiti.

Yeshaaw Tasammaa Kotabeerraa ammoo 'ogbarruun amaariffaa sangiin lakkaa'a yoo jettee qullaasheetti hafti' jechuun ibsu.

Kanaafis, Ba'aaluu Girmaa, Salamoon Dheeressaa, Gabayyahu Ayyala, Amaaraa Maammoo, Tsagaayyee G/Madihiin Qawweessaa, Mulugeetaa Luulee, Taaboor Waamii jechuun kaasuun, ogbarruun Afaan Amaaraa eenyuun akka barraa'ee ifatti hubachuun ni danda'ama jechuun ibsu.

Eenyu fa'atu eerama?

Barreessaa Alamaayyoo Galaagaayi Afaanichi utubaa gamaafi gamanaan dhaabame qaba jechuun yaada Yashaawiin waliigala.

Barreessitoota Afaan Amaaraa kan jalqabaa gama ilaaluun ''dhugaadha namoota afaansaanii Afaan Amaaraan hiikatan ni argina,'' jechuun Makoonninn Indaalkaachoo, Yoofitaaye Nigusee, Girmaachaw T/Haawaariyaat fa'i kan caqasan Alamaayyoon, haata'u malee ogbarruu Afaan Amaaraaf dhiigaafii foon itti horuun akka lubbuu qabaatu kan taasisan jarreen kanneen akka hintaane ni dubbatu.

Ogbarruu Afaan Amaaraaf sadarkaa lammaaffaan kan eeraman namoota weerara Xaaliyaanitiin booda dhalatan akka ta'an Alamaayyoon ni kaasu.

Tigraayi irraa Sibihaati, Amboorraa Tsaggaayee, Wallagaarraa Salamoon, Canchaa irraa ammoo Asaffaa Caaboo ogbarruufi midiyaalee adda addaa keessatti hirmaachuun afaan Amaaraa akka ogbarruuf mijatuuf gummachi isaan taasisan olaanaadha jedhu.

Gargaartuu Pirofesaraa Tsadayi ammoo barreessitoonni ogbarruu amma waa'eesaa dubbannu kana sadarkaa kanaan gahan kunneenis isaan ijollummaan gara Finfinnee dhufan ta'u kaasuun, afaan ittiin hiikkatan caalaa magaalummaan isaan irraa calaqisaa akka ture himti.

Aadaa ture dhiisuun kan magaalaa cimsuu

Barreessitoota jalqaba bara 1960n ogbarruu ammayyaa barreessuu eegalan yoo walumatti qabaan ilaalle, bareessitoota aadaa ture fooyyeessuu fi ammayyummaa itti dabaluun warraaqsa mataasaanii gaggeessaniidha jedha Aabb Alammaayyoon.

Kanaafis ragaa yoo eeran, kanneen afaansaanii Afaan Amaaraatiin hinhiikkatiin qofa osoo hintaane, barreessaa akka Daanyaachoo Warquu fa'is ilaaluun barbaachisaadha jedhu.

Innis asoosama aadaa barootaaf keessa keessa socha'u borreessu Afaan Amaaraa fi Ingiliziin barreessuun bifa barichaa nutti agarsiiseera jedhu.

Kun Abbee Gubbanyaas ni dabalata jedhu.

Barreessitoonni afaan gara biraatiin hiikachuun garuu ogbarruu Afaan Amaaraaf gumaatan kunneenis yaaliin isaanii olaanaa ta'uu, namoonni dubbifne hundi irratti waliigalu.

Barreessitoonni gameeyyii kunneenis aadaa fi afaan garaa garaa irraa dhufuusaanii yoo ilaalle, aadaa naannoo irraa dhufanii hangam hojiisaanii keessatti callaqisiisaniiru? gaafifin jedhu ka'unsaa hinolu.

Keessummoonni dubbifne sadanuu kan irratti walii galan, barreessitoonni kunneenis bakka adda addaa irraa dhufuun aadaan isaa uuman mataansaa kan haalluu qabu ta'usaati.

Pirofeesara gargaartuu Tsaday Wandimmuutiif, jireenyi fi hubannoon barreessitoota kanneenii mataansaa ammayyumaa kan agarsiisuudha.

''Ba'aaluu Girmaa walaloowwan Afaan Ingiliziitiin barreesse qaba ture.

Sibhaatiis hojiiwwan Daanyaachoo Warquu dubbisuun osoo Afaan Amaaraatiin barreessuu hin eegaliin dura afaan biraatiin barreessuu isaa 'Yaadannoo' Zannaba Walaa keessatti dubbifanneerra,'' jetti.

Barreessitoonni kunneenis ammayyummaa gara ogbarruutti kan fidan muuxannoo mataasaanii irraa ka'uun akka ta'e dubbachuun, loqodni isaanii ammayyummaa keessatti itti fayyadaman akka ogbarruun Afaan Amaaraa fooyya'uuf yaalii taasisan mullisa jetti.

Barreessaa Alamaayyoo Galaagaayi keessattuu Sibihaati kan ammayyummaa hundaa sirriitti mullise ta'uu hima.

Yashaaw Kotabeerraa ammoo barreessitoonni kunneen kan hammayyaa'an ta'uusaanii aadaa bakka itti dhalatanii akka hinceesifneef carraa dhorkuu dubbatu.

Tsadayi ammoo ''Yeroo sanatti magaalaa guddaan Finfinnee qofa ta'uunsaa waa'ee Finfinnummaatiin alatti kan biraa akka hinyaadne daangeessuu,'' dubbatti.

Looreet Tsaggaayeen barressitoota kaanirraa adda kan jedhan Yashaaw fi Tsadayi, keessattuu baarrulee isaa gaggabaaboo fi walaloosaa keessatti aadaa Oromoo akka galchu dubbatu.

Aadaa fi jechoota Oromoo barreeffamoota isaa keessatti fayyadamu bira darbees, Tsaggaayeen hojiiwwannisaatiin gootota umuun sadarkaa addunyaatti agarsiise jechuun ibsa Yashaawu.

''Haalli barreeffama Gaashee Tsaggaayee eenyummaa keenyaa dur keessatti babaachuudha,'' kan jechuun maaliif aadaa fi afaan dur baratan dabarsuuf hinyaaliin jedhee hin himadhuus jedha Alamaayyoon.

Barreessaa Alamaayyoon yaaliin Tsaggaayyee Itoophiyaa kan adduunyaa taasisuudha jechuun ''Karaa Msiriitiin taasisee gahee Itoophiyaa ammayyummaa gurraachaa keessatti qabdu ol kaasuun mullisuu ture abjuunsaa,'' jedha.

Kanaafuu falaasamaa fi eenyummaa hammayyummaa waggoota 13,000 dura ture irratti bu'urreeffachuun maqaa biyyattii ol kaasuuf malee aadaa irraa dhufee ogbarruu afaan Amaaraa keessatti calaqqisuuf hinyaallee jechuun ibsa.

Salamoon Dheeressaa ammoo hojiiwwan isaa baramaniin mormii kaasa. Barreessaa addaati kan jedhu Alamaayyoon, kanaani daandiin inni bane gumaata fooyya'aa akka taasise dubbata.

Barreeffamni Salamoon Dheeressaa 'Aadda fi Ana'' jechuun barreesse caqasuun, sirna jiraate diiguun daandii haaraa saaquun barreessaa ija jabaafi kan fiixaan baheef jedheera.

Ilaalcha, jechaafi aadaa bakka irraa dhufanii gara Afaan Amaaraatti dabarsan

Afaan Amaaraa kan guddate jechoota afaanoota Arabaa fi Oromoo irraa fudhate hedduun kan jedhu barreessaa Alamaayyoo Galaagaayi, yeroo tokko tokkoos siriiyyuu jecha qofa osoo hintaanee yaadummayyuu ni fudhata jechuun 'guddifachaa' akka fakkeenyaatti caqasa.

Gargaartuun Pirofesaraa Tsadayi, osoo barreessitoonni kunneen hin dhufiin duras afaanoonni waliirraa ergifachaa turuusaanii kaasuun, aadaa fi afaan daddabarsuu kallattii barreessitootaa qofaan ilaaluun hindanda'amu jetti.

Haa ta'u malees barreessitoonni afaan akka waalta'uuf gumaaata olaanaa bahusanii kan himtu Tsadayi, Salamoonii fi Tsagaayeen agaruu hojiiwwan isaanii keesatti jechoota Afaan Oromoo irraa fudhatatti fayyadamusaanii ni eerti.

Yashaawu tasammaa ammoo barreessitoonni ogbarruu Afaan Amaaraa ammayyaa addunyaan isaan keessa jiraataniifi barreessan kanuma hawaasa adda addaa naannoosaaniitti argamanii waan tureef, aadaa hawaasa irraa dhufanii haala addaatti mullisuuf akka cinqaman isaan hintaasifne jedhu.

Haa ta'u malee Salamoon Dheereessaa jechoota Afaan Oromoo tokko tokkoo fidee galchuu fi gara Afaan Amaaraatti geeddaruuf yoo yaalu ni mullata kan jedhu barreessaa Alamaayyoon, Tsaggaayeenis Afaan Amaaraa caalaa guddachuu kan danda'u, afaanoota obbolootasaa kan akka Oromoo, Walaayittaa, Siidaamaatiin ta'u himaa akka ture ibsa.

Ogbarruun Afaan Amaaraa afaanoota gara biraa irraa baayyinaan eergifachuun osoo ofitti makee ture haala afaanoota biyya alaa mo'atuun baayyee guddachuu mala ture jechuun dubbatu.

Haalli walaleessoo Walaayittaa aadaa dubbii dachaa gama kaabaatii dhufeen Afaan Amaaraatiin hindeemu jechuun Afaan Amaaraa gara isaatti fudhachuu akka hindandeenye kaasuunis, qaawwa gama kanaan barreessitoota ammayyaa irratti mullate kaasaniiru.

Barreessitoonni hammayyaa maqaansaanii eerame kunneenis olmaan isaan guddina ogbarruu Afaan Amaaraatiif oolan guddaadha. Kanas namoonni hedduun irratti waliigalu.

Haa ta'u malee, gumaatumasaanii kana bu'ura godhachuun, osoo barressitoonni kunneen afaanoota biyyattii kan biraatiin barreessanii turan ta'e, tarii ogbarruun Afaan Amaaraa kana caalaa fooyya'uu danda'u ta'aa laata?

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata