Amboo: Riqichi uumamaa Hulluuqaa - Riqicha Waaqaa jedhamuun beekamu, yaaddoo keessa jira

Laga Hulluuqqaa

Godina Shawaa Lixaatti Lagni Hulluuqaa Aanaa Dandiitii ka'ee magaalaa Amboo bakka lamatti qoodee keessa darba.

Akka maanguddoon magaalaa Amboo Obbo Baqqalaa Baayyataa jedhanitti lagni kuni laggeen itti dabalaman kanneen akka Yamoo, Gaattiraa, Boolladaa fi Boolloo jedhaman qaba.

Laggeen kanatu walitti dabalamee moggaasa Hulluuqaa jedhamu argate jedhu. Horri Amboos magaaluma Amboo qarqaruma laga Hulluuqaa kanaa madda.

Lagni Hulluuqaa kuni magaalaa Amboo keessa qaxxaamuree kan darbu waan ta'eef, hanga bara 1935 riqichi namtolchee ijaaramutti 'riqicha Waaqaa' kan uumamaa irraan cehamaa ture jedhu maanguddoonni.

''Riqichi kuni gaafa ilaalan warri qarooman kan hojjetan fakkaata malee uumamaan kan akkanatti tolfame hin fakkaatu.

Namoonni naannoo kanaa riqicha kana "Riqaa Waaqaa' jedhaniiti kan waaman. Warri Afaan Amaaraatiin waamanis 'Ye'igzeer dildiyyi" jedhaniituma waamu," jedhu obbo Baqqalaan.

'Lafa Eebbifamaa'

Lafti naannoo riqicha Hulluuqaa (riqicha waaqaa) kuni lafa eebbifamaadha jedhanii yaadu jiraattonni.

"Horri Amboo maddii kanaa burqa, riqaan waaqaa bakka kana jira. Magaaluma Amboo hundeessudhaafuu kuni sababa ta'uu akka hin oolle seenaan afaaniin himamu nijira," jedhan.

Oromoon loon horsiisaa waan tureef loon isaanii hora obaafachuuf baayyinaan gara hora Amboo kana dhufaa ture. Asitti kan horiisaatii margaa fi bishaan argatu waan ta'eefi Oromoonni naannoon kuni eebbifamaadha jedhanii yaadu.

Macca gaafa ilmasaa Liiban bakka kana kaa'ee darbu hora kana qananiisi jedhee eebbise.

"Horri kan horii yaa ta'u,

horiin kan abbaa horee yaa ta'u,

saaqaan harka abbaa yaa ta'u

dheedee yaa barbadeessu

barbadaan suuba yaa ta'u

Dhugee yaa booressu,

Boruun gabbina yaa ta'u.

Okoleen haa marmaartu,

Weessoon haa maddiitu,

Kormi cirri yaa ta'u.

Rimaan haphee yaa ta'u," jedhee eebbisee gosa Sayyoo, Noonnoo fi Guduruufaa fudhatee gara lixaatti darbe jedhu maanguddoonni Amboo.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
'Riqichi Waaqaa iddoo eebbaati'

Dur Riqicha waaqaa kanarra namnis ta'ee beelladni irra cehaa kan turan ta'us amma qixuma riqicha waaqaa kanarraa gara oliitti riqichi namtolchee ijaaramee jira.

'Ijoolleen lama nyaataman'

Obbo Taarikuu Turaa jiraataan magaalattii kan biraan, laga Hulluuqaa kanarraa yeroo dargaggummaa kootti muudannoon qaba jedhu.

"Ijoollee afur taanee riqicha waaqaa kan ajalatti dhiqachaa turre. Lagni hulluuqaa kunimmoo yeroo baayyee tasa guutee namarra gaha. Guyyaa sana akkuma tasaa guutee dhufee ijoollee afur fudhatee riqicha kana jala dabarse.

Ijoolleen lama daakaa waan danda'aniif nibahan ijoolleen lamaan garuu ni nyaataman. Yeroo hunda yoon bakka kana gahu ijoollee sanan yaadadha," jedhan.

Dargaggoonni dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifaman riqicha waaqaa kana bakka hawwata tuuristii gochuuf bara 2001tti hojii jalqaban.Kaaffeen isaaniis jalli isaa riqicha waaqaarra, gubbaan isaammoo riqicha namtolchee konkolaataan irra cehu jalatti ijaarame.

Miseensa waldaa 'Meeyaad' kan tahe dargaggoo Bultii Birhaanuu Riqicha waaqaa kana qulqulleesinee bakka bashannanaa gochuuf dhamaatii guddaa taasifne ammayyuu garuu rakkoonsaa hin furamne jedha.

"Baayyee humna guddaa itti baafneeti bifa amma qabu kanarraan kan geenye. Akkuma magaalaattuu bakka balfi itti gatamuun beekama riqichi uumamaa kuni. Xiraan bakka kanaa ulfaataa ture," jedha.

'Bakka kuusaa balfaa taheera'

Riqichi waaqaa kuni gidduu magaalaa Ambootti kan argamuu fi bakka bashannanaa fi hawwata turizimii ta'uu kan dandahu ta'ullee, yeroo ammaa jalli isaa bakka kosii fi balfi itti gatamu ta'eera.

Dargaggoonni riqicha kana jalatti gurmaa'anii kaaffee hojjechaa jiranis, sababa namoonni halkan balfaa fi kosii riqicha kanatti gataniif maamiltoota keenya dhabaa, hojii keenyas miidhamaa jira jedhu.

''Maamila keenyarratti, hojii keenyarratti baayyee dhiibbaa uumaa jira hamma har'aatti. Kan kana asitti gatu namootuma naannoo kana jiraatanidha.

Yeroo hunda namoota kanaan waldhabna. Halkan nurratti gachisiisu, kanaaf baayyee rakkoo keessa jirra," Jedha dargaggoo Bultiin.

Riqichi waaqaa akka teessuma isaatiif nuufii miti magaalattiifuu bakka bashannanaa filatamaa ta'uu males jedhu.

Maanguddoonni magaalattii garuu rakkoon kuni kan jiraattotaa qofa miti bulchiinsa magaalaatu xiyyeefannaa dhorkate yaada jedhu qabu.

"Balfii fi kosiin riqicha waaqaa kanatti gatamu hammana gahuu baatus duris inuma ture.

Amma hammuma uummanni dabalaa deemu balfi itti gatamus dabalee riqicha kana balleessaa jira. Silaa bakki kosii fi balfi itti gatamu jiraatee fala argata jedheen yaada" jedhu obbo Baqqalaan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata