Baankii Islaamaa: Faayidaan Itoophiyaaf qabu maali?

Dubartii baankii keessaa qarshii baasaa jirtu Image copyright Yvan Cohen

Baankiin dhala hin qabne ykn dhala irraa bilisa ta'e 'Islamic Bank' jedhamuun waamama. Baankiin Itoophiyaaf haaraa ta'e kuni biyyoota adda addaatti maqaa gara garaa qaba.

Waggoota muraasa dura Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiin addatti ykn qofaatti tajaajila dhala hin qabne kennu akka hundaa'uf eeyyamee ture.

Yeroosuma garuu murtiin kuni gara tajaajila foddaa jechuunis baankiileen tajaajila dhala qabu kennan biratti tajaajila dhala hin qabne akka eegalan eeyyamameef.

Baankiiwwan tajaajila dhala hin qabne dura aantummaan kanneen eegalan keessaa Baankiin Intarnaashinaala Oromiyaa isa hangafaati.

Baankicha waggoota kudhan darbanif pirezidantii ta'un tajaajilaa kan jiran Obbo Aabbe Saanoon murtiin mootummaa yeroosii waan komii kaasu hin turre jedhu.

''Waan hin beekneef sodaa qabu. 'It is the fear of the unknown'. Waan hamma kana komiidhaaf gahu miti. Biyya kaanittis haalli itti eegale kanarraa fagoo miti.''

Garuu, tajaajilli baankii Islaamaa ykn baankii dhala hin qabne jedhamu kuni namoota hedduuf ifa ta'u dhiisuu mala waan ta'ef maalummaa isaa tokko tokkoon haa ilaallu.

Baankii kaanirraa maaliin adda ta'e?

Baankiin Islaamaa [Islamic Bank] tajaajila baankii kaan [Conventional Bank] irraa wanti adda taasisu inni guddaan dhala qabaachuu dhabuu isaati. Garuu, isa qofaa miti.

Bu'uurri tajaajila kanaa qajeelfamoota amantaa Islaamaa ''Dhalli amantii Islaamaa keessatti haraama [dhorkaadha],'' jedhuurraa madde jedhu Ustaaz Kaamil Shamsuu.

Jiruun baankii [Financial intermediation] tokko qarshii kuusuu, namoota qarshii barbaadanif liqeessuu akkasumas namoota gargar fagoo jiranif tajaajila tokko irraa fuudhee kaanif dabarsuudha.

Baankiin dhala hin qabnes hojii kana hojjeta. Haa ta'u malee, qajeelfama amantii Islaamaa ykn Shari'aa irratti hundaa'eeti.

Tajaajila baankii biraatiin namoonni baankii keessa qarshii kaa'ani qarshii deebisanii gaafatu. Kuni, baankichi kasaarse, bu'aa buufates nama ol kaa'ate sanaaf dhala kennuun isaa dirqama.

Tajaajila baankii Islaamaan garuu garuu namni qarshii ol kaa'a malee kan tajaajila argatu kan biraani. Fknf qarshii ol kaa'aten meeshaa bitachuu, invastimantii keessa seenuu danda'a.

'Dhala hin qabu jechuun hin buufatu jechuu miti'

'Dhala hin qabne malee hin buufanne jechuu miti,' kan jedhan Obbo Aabben, fakkeenya asiin gadi nutti himan.

Osoo konkolaataa birrii dhibbaan namni tokko bituu barbaade, namichi duubeedhaan waan deebisuuf baankichi birrii 130'n bite kennaaf. Qarshiin 30 bu'aadha jechaadha.

Namichi harkatti erga takkaa waan hin kaffalleef duubeedhaan waan ta'ef baankichi qarshii 30 itti dabale. Baankichi qarshii namichaa kennuu baatus, baankichi bu'aa isaa qurxiidhaan gaafata.

Kana jechuun akka isa dhalaa ji'a ji'aan kan dhalu osoo hin taane ''lafa dura bu'aa kiyya itti dabalee yeroo itti kanfalu irratti addaan qoodee akka kanfalu godha'' Jedhan.

Akka biyyaatti immoo yeroo ammaa 'qarshiin biiliyoona 30 ta'u baankiilee dhala hin qabnen socho'aa jiraachuu,' Obbo Mukammil himu.

Akka addunyaatti biyyoota Arabaan alatti Ingilizii, Afrikaa Kibbaa, akaksumas Keeniyaa keessa baankiileen tajaajila dhala hin qabneen muuxannoo qaban akka jiran yunivarsiitii Finfinnee irraa Obbo Mukammil dubbatu.

Maaliif barbaachise?

Waggoota 10 dura tajaajilli baankii dhala hin qabne akka kennamu fedhin turu isaa kan ibse Baankiin Biyyaalessa Itoophiyaa, yeroo ammaa baankiileen 10 gama foddaatiin tajaajila kana kennaa jiru.

Barana garuu, qofaatti akka hundaa'u eeyyamameera.

Waggoota 10 olif Faakaltii Bizinasiifi Ikoonoomiksii kan Yunivarsiitii Finfinnee argamutti barsiisaa kan jiran Obbo Mukammil Badiruu sababa baankiin kuni barbaachiseef akkana dubbatu.

''Tokkoffaa baankii banuun mirgadha. Suuqiiin baay'ee jira jedhame eeyyamni suuqi biraa dhowwamaa? Baankiin Awaash waan jiruf Daashin maaliif barbaachise akka jechuuti.

''Inni lammataa baankiileen tajaajila dhala hin qabne kennan tajaajila hunda kennaa hin jirani."

Inni sadaffaa, dhala hin fedhu jedhee hawaasni qarshii baankii hin keenyes tahe baankiin dhala hin qabne akka hundaa'u fedhu jira.''

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Biyyoota Arabaan alatti biyyi baankii dhala hin qabneen muuxannoo guddaa qabdu Ingiliziidha.

Namoonni baankii hin dhaqne kunneen amantiidhaanis ta'e ilaalcha dhala hin barbaadu jedhan irraa madda. Kanneen, tajaajila baankii akka hin arganne taasisuun immoo qollifannaa hawaasaa fida jedhu.

Kanaafuu, gosa baankii kana fiduun filmaata baankii biraa fiduu akka ta'eefi kanneen dhala hin nyaadhu jedhan qarshii isaanii diinagdee biyyattiif akka gumaatan taasisa.

Namoonni sababa kanaan baankii hin dhaqne lakkoofsaan beekuun rakkisaa ta'us hedduu akka ta'u namoonni amantii, hayyuuleen baankii hundeessan himu.

Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti baankiileen 10 tajaajila baankii dhala hin qabne kana karaa foddaa jechuunis tajaajila dhala qabu osoo kennanii biratti tajaajila kennaa jiru.

Faayidaan biyyaaf fidu maali?

Xiinxaltoonni diinagdees ta'e hordoftoonni amantichaa akka jedhanitti faayidaan guddaa baankiin kuni biyyaafis ta'e ummataaf fidu ummata sababa amantiitin baankii fayyadamuu dhabe gara baankiitti fiduu isaati.

Koree fala barbaadduu hawaasa musliimaa keessatti qooda qabanin kan beekaman Ustaaz Kaamil Shamsuu sababa kanaan namoonni rakkataa turani jechuun ibsu.

'Rakkoon biyya kanaa hiyyummaadha,' kan jedhan Ustaaz Kaamil, 'sababa kanaan hordoftoonni amantichaa deeggarsa dhaabbilee faayinaansii irraa dhabuu,' himu.

Kana jechuun immoo hawaasni musliimaa hamma gumaachuu qabu akka hin gumaanne dhorkuu isaa dubbatu.

''Indastirii banuuf namni tokko yoo dhibbantaa 20 qabaate mootummaan dhibbantaa 80 kennuufi mala. Kanammoo ummanni musliimaa hojjechuu hin danda'u jechaadha. Hojjechuu dhabuun isaa biyya miidhee jira.

''Hojiin isaa dhala irratti hundaa'e waan ta'ef abbaa baankii ta'u hin danda'u,'' jedhan. Sababa kanaan, lammiilen amanticha hordofanis tajaajilaa akka hin arganne ta'aniiru.

Fakkeenya biraa kan nuuf kaasan Obbo Muukammiil ''namoonni hedduu ta'an carraa mana kondominiyeemii dabarseera. Sababa amantiidhaan kan ka'e,'' jedhan.

Asirratti garuu, hordoftoonni amanticha harka meeqa ta'an tajaajila baankii kana waan dhabanif akka fayyadamuu dhaban lakkoofsaan ibsuun nama rakkisa.

Tajaajilli eegaluun isaa immoo lammiilee tajaajilicha fedhanif gammachuudha, diinagdee biyyaafis utubaa dabalataati. Qarshii baankiin ala mana keessatti taa'e akka baankii seenu taasisa.

Dabalataanis, ''namoota hojii uumuu danda'ani garuu baankii amanuu dadhaban akka beekumsa isaanitti fayyadaman gargaara,'' yaada jedhu qabu Obbo Abbeen.

Obbo Mukammilis yaada kanaan walii galu. ''Baankiin dhala hin qabne adeemsa bu'aas ta'e kisaaraa qooddachuu waan hordofuuf dargaggoota yaada qabani qarshii dhabanif oduu dansaati,'' jedhu.

Dabalataanis, yeroo rakkoon diinagdee addunyaa jeeqe baankiileen dhala hin qabne garuu akka rakkoo hin seenin himu.

Kunis, hojiin isaanii akka tajaajila baankii kaanii adeemsa faayinaansii tilmaama irratti hundaa'e osoo hin taane qabeenyaafi oomishtummaa irratti waan ta'eefi yaada jedhu qabu.

Kan biraa immoo baankiileen kunneen dhalallee kennuu dhaban namoota isaan bira kuufatan irratti dirqama kaa'u. Kunis, qarshii muraasa baankichi hiyyeessaaf qoodu akka gumaatan gochuudha jedhu Obbo Mukammil.

Baankiilee dhala hin qabne biratti kanneen akka alkooliifi kaan hawaasa miidha jedhame yaadamanif liqii hin kennu. Herreega akka bananiifis hin eeyyamu jedhu hayyuun kuni.

Gosoota tajaajila 'Islamic Bank':

Muraabbahaa: Itoophiyaa keessatti tajaajilli dhala hin qabne baay'inaan kennamaa jiru kanadha. Baankiileen 10 tajaajila kana kennaa jiru.

Fakkeenyaaf, namni tokko konkolaataa bitatuu barbaade haa jennu. Maamilli tokko karaa Muraabbahaa konkolaataa bituu nan barbaada yeroo jedhu baankiin fedhii isaa/ishee irratti hundaa'un konkolaataa bitaaf.

Konkolaataa kana biteefi kanin buufachuu barbaadu kuma 40 jechuuni danda'a baankichi. Garuu, ni mari'atu. Waligalteen ta'a.

Qarshii kana yoom naaf kennita yeroo jedhu waggaa lama booda jechuu danda'a. Baankichi bitee buufate gurguraaf. Kaffaltii kana kan fudhatu garuu gaafa itti kaffaluf walii galan sana.

Konkolaaticha garuu baankichi maqaa isaatin bitata. Akkuma daldalaa bitatee gurguraaf jechuudha. Hamma naaf baasu jedhee baankichi bitee gurguraaf.

Baankii kaan irraa kan adda ta'u maamilli konkolaataan bitamee waan isaaf kennamef gatiin kanfalu hammi isaa qurxii waan ta'eefi. Gudachuus xiqqaachuus hin danda'u.

Mudaarabaa: Maamiltoonnia herreega Mudaarabaa qaban fa'itu jira. Namooni herreega kanaan qarshii ol kaa'atanis baankichi ana bakka bu'e nama yaada biznasii qabu simatee qorachuun bu'aa buusa kan jedhu irratti naaf haa daldalu jedha.

Namoonni beekumsaafi yaada qaban garuu qarshii kan hin qabne gaafa dhufan, baankichi birrii qabatee itti deema. Biznasii waliin hojjetu; gaafa buufatanis ta'e kasaaran qooddatu jechuudha. Kuni keessumaa kanneen hojii kalaqanif baay'ee fayyada.

Mushaarakaa: Kuni akkuma Mudaarabaa ta'us namni yaada biznasii fidu qarshii fiduunis hirmaata. Gabaabumatti, biznasii shariikaan hojjetamu jechuudha. Yeroo buufatus, yeroo kasaaranis walumaani.

Diminishiing Mushaarakaa: Kunimmoo gahee shariikaa suuta suuta qoodi isaa xiqqaachaa deemudha.

Fakkeenyaaf namni tokko mana bitachuu barbaade haa jennu. Gatiin manichaa miiliyoona tokko osoo ta'e maamilli kuma 400 qofa osoon qaba jedhe, baankiin immoo kuma 600 kanfalaaf.

Lamaanuu qarshii waan itti baasaniif manni kan lamaaniiti jechaadha. Manni kireeffamaa jira yoo ta'e namichi kiraa manaa irraa argame baankiif kanfala.

Boodarras baankichi akka waligaltee qabaniin buufatee namichaaf manicha itti dhiisa.

Ijaaraah : Kuni liizii faayinaansii waliin walfakkaata.

Baankiin maashina wayii bite maamilaaf kiraa kenna. Waligalteen maamila waliin qabu waggoota 10'f yoo ta'e waggaa 10'f kireessaaf jechaadha.

Gaafa dulloome narraa bitta hin jedhun baankichi. Gaafa waggaa 11ffaa dirqama maashina narraa biti jedhame maamilli hin dirqisiifamu. Duratti baankiin daldalaa ta'e ture ammammoo hojii kiraa kennu hojjeta jechuudha.

Tajaajila foddaa

Waggoota shan dura baankiileen hedduu tajaajila foddaadhaan kennamu eegalaniiru.

Akka fakkeenyaattis, Baankiin Itarnaashinaala Oromiyaa waggoota shan [Amajjii 2014] dura tajaajila kana kennuu eegaluu isaatiin qarshii hedduu mana keessa kuufame taa'u diinagdee keessa akka seenu goone jedhu Obbo Aabbeen.

''Tajaajiluma kanaan qofa qarshii biiliyoona 4 ol walitti kuusneerra. Naannoo biiliyoona 2 liqaadhaan kennineerra. Kun otoo tajaajila kana eegaluu baanne waan hin jirredha.''

Kaappitaalli kuni qabeenya baankii tokoyyuu ni caala. Kanneen booda kana dhaabatan keessaa,'' kan jedhan Obbo Aabben baankiin isaanii damee kanaan qofa miseensota kuma 300 ol horateera.

''Kanaanis, waggaa darbe qofa naannoo miiliyoona 194 buufateera.''

Ustaaz Kaamil garuu tajaajilli foddaadhaan kennamu hawaasa hedduu gara baankii hin fidne yaada jedhu qabu.

''Namni musliimaa dhaqee itti fayyadamaa jiru baay'ee xiqqaadha. Maaliif jennaan shakkii qaba. Hammam tokko kan dhala qabu waliin wal hin makanne kan jedhu shakkii qaba.''

Tajaajilli baankii kuni akka eegalu gaafataa turre kan jedhan namni amantii kuni mootummaan amma eeyyamuun isaa waan guddaa akka ta'e ibsuun akka ooguutti ilaalamu hin qabu jedhu.

''Gaaffii kana deebisuun ummata Musliimaaf oogamuu osoo hin taane, biyyaa yaaduudha,'' jedhan.

''Ummata Musliimaa osoo hin hirmaachisiin guddinni dhufuu hin danda'u. ''

Musliima qofaafii?

Bu'uurri baankii dhala hin qabne qajeelfama Shariyaati jechuun hordoftoota amantii Islaamaa qofatu fayyadama jechuu miti.

''Eenyumutu kasaaraa irraa kanatu na eega jedhee yoo yaade fayyadamuu danda'a. Maamilli keenya warra amantii tokko qofa qaban miti,'' jedhu Obbo Abbeen.

Namni faayidaa isaa malee qajeelfama isaa ilaalee miti kan fayyadamu jechuunis ibsu.

Hajii Mohaammad Saaniin Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Qaaqqee jiraatu. Yeroo ammaa tajajila baankii dhala hin qabne bankiiwwan lamaan keessatti fayyadamaa jiru.

''Erga baankiin dhala hin qabne dhufe achuma kaa'aa jirra,'' kan jedhan Hajin, ''Erga dhihoo asii ummanni baadiyyaayyuu qarshii baankii keewwata,' jedhan.

''Yeroo sana maallaquma baankii kaawwannu baay'eedhuma hin qabnu. Akkuma yaada abbaati. Kan dhala nyaatus jira kan dhala hin nyaannes jira. Kaa'achuf garuu hunduu inuma keewwata.''

Baankiin kuni musliima qofaafi yaadni jedhu rakkoo hubannooti jedhu Obbo Mukammil. Kanaafis, itti fayyadamuu qofa osoo hin taane baankicha hundeessuullee danda'u jechuun himu.

Yaaddoo

Guutummaa guututti baankiileen tajaajila dhala hin qabne qofaatti hundaa'uf socho'aa jiru. Kana jechuun, kanaan dura baankiilee tajaajila kaan kennan biratti foddaa biraan kan dhala hin qabne kennanif yaddoo ta'u mala.

''Hojii gaarii hojjennee maamiloota keenya hammachuu baanne hamma tokko dhiibbaa ni qabaata,'' jedhu pirezidantiin Baankii Intarnaashinaala Oromiyaa.

Gama kaaniin immoo tajaajila baankii dhala hin qabne irratti muuxannoo kan qaban baankiilee kanaan dura hojjetaa turanidha.

Kana jechuun, haaraa hundeessuun kanneen dura jiran hojiin ala taasisa miti yaada jedhu qabu Obbo Mukammil.

Hanqinni jaarmiyaalee tajaajila kana irratti barumsa yookiin leenjii kennan dhibuun garuu yaaddoodha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata