Haadholii Itoophiyaa qofaa ilmoo guddifachuu filatan

Haadha daa'ima ishee kaasuutti baatte Image copyright Getty Images

Dubartoonni sababawwan adda addaatiif qofaasaanii ijoollee guddifachuu danda'u. Abbaan warraa yoo irra du'e, yoo wal hiikan, fedhiin ala ykn dirqiiin gudedamuun kan dahan yoo ta'eefi sababawwan biroon qofaa saanii ijoollee guddifachuuf murteerra gahu danda'u.

Haa ta'u malee gama biraan ammoo dubartoonni itti yadanii osoo bultii hin ijaarratiin ilmoo godhatanii qofaadhuma jiraachu barbadanis jiru.

Sadarkaa addunyaatti lakkoofsi dubartoota qofaa isaanii ijoollee guddisanii dabalaa jiraachuu qorannoon biyyoota adda addaatti gaggeeffame ni mul'isa.

Afriikaa biyyoota akka Keenyaa fi Afriikaa Kibbaatti qofaa jiraachu (single mom) ta'un waan baramedha.

Qorannoon lakkoofsi adda bahuu baatulleen Itoophiyaattis keessattu naannoo magaalaatti osoo hin heerumiin ijoollee godhatanii qofaa guddisuun baratamaa akka jiru himama.

Ofii dubartoonni maaliif itti yaadanii qofaa isaanii dhalasaanii guddifachuuf filatu?

''Jireenya kiyyatti sarara diimaan kaa'e tokkotu ture. Sanirra darbuu waanan hin dandeenyeef jecha haadha qofaa jiraattu ta'eera'' jetti jiraattuun magaalaa Finfinnee maqaanshee akka hin eeramne gaafatte.

Gaa'ilaaf kabaja akka qabdu kan hin dhoksine dubartiin kun, wanti jireenyasheetti yaaddu ta'uufii didnaan gaa'ila hin dhaabbadhu ejjannoo jedhurra akka geesse dubbatti.

Garuu ammoo, qofaa ofii jiraachuu fi ilmoo guddisuun ta'uun mataansaa rakkoolee hedduu akka qabu dubbatti.

''Dubartiin tokko maatii ijaarrattuufi eenyummaa isheerratti murte dabarsitu qabdi. Murteen ishees haaluma jireenya jiraattuun addadha,'' kan jettu ammo mormituu nirga namoomaa kan taate Akliil Salamoon dha.

Jireenyi dubartootaa hawaasa keessatti umuriin kan daangeeffame waan ta'ef, umurii sanatti gaa'ila dhaabbatanii dahu hin dandeenye taanaan akka waan jireenyisaanii badeetti ilaalamuun qofaa jiraachuuf madda tokko jetti Akliil

Dubartiin osoo hin herumiin mucaa yoo deesse maqaa itti kennuun balaaleffatamti ture.

Amma keessa haalli sun wal jalaan hafaa waan dhufeef dubartoonni qofaa daa'ima godhatanii guddifachuuf haamlee kenneefiras jetti.

''Kana dura dubartoonni hojii hin qabne dinagdeen hirkattoota ta'an daa'ima godhachuun qofaasaanii guddifachuun waan hin yaadamne ture'' ken jettu Akliil, dinagdeen dubartootaa fooyya'unsaa sababii qofaa jiraachuuf murteessuu kan biraati jetti.

Akkasumas gaa'ila keessatti dubartoonni haala walqixa ta'ee kan hin ilaalamne yoo ta'an, miidhaan kan irratti raawwatu yoo ta'e, haalli jiru hunda kan dubartiif hin mijoofne yoo ta'ee qofaa jiraachuuf murteessu dandeessi jetti.

'Guddina waliin kan dhufe'

Dubartoonni dinagdeen waan of danda'aniif akkasumas humni isaanii waan dabaleef mi'aa gaa'ila wallaalan namoonni jedhan danuudha.

Akliil garuu ''humni dubartootaa cimaa dhufeera yoo jedhamu, itti gaafatamummaa isaan mana keessatti qaban osuma jiruu kan alaa itti daballee'' jechuun itti gaafatamummaa dacha dubartoonni qaban himti.

"Dura dhiibbaa qofaa haadha ta'uun qabu hubachuun gaariidha. Qofaa jiraachunis dhiibbaa dachaa alaafi manatti isaan mudatu kan hir'isu miti."

Haalli kun naannoo magaalaa tokko tokkootti aadaa ta'aa dhufeera, kan jedhan gorsaan saayikoolojii Obbo Mogas G/Maariyaam, haadholiin qofaa jiraataniifi gorsaaf gara isaanii dhufan jiraachu dubbatu.

Oggeessi kun akka jedhanitti, haalli kun guddina waliin kan dhufeedha jedhu.

Wayita dandeettiin diinagdee fi ofitti amanuun cimaa adeemu, xiyyeeffannaan haadha warraa fi abbaa warraas walitti dhufeenyarraa ta'uun hafee dinagdeerra qofa ta'u danda'a jedhu.

Sababii kanaanis dubartoonni qofaa jiraachu filatu.

Obbo Mogos qofaa jiraachuuf murteessuun dinagdee qofaa waliin walqabachu hin qabaatu jedhu.

Dhimmichi miiraa fi yaada akkasumas seenaa dubartoonni dabarsan waliin kan walqabatudha.

Dhiibbaa keessoo

Oggeessi xiin-sammuu kun murtee namaa irra caalaan kan mo'atu haala keessooti jedhu. Haalli keessoo kunis haala alaatiin mul'achu danda'a.

Fakkeenyaaf fedhii keessoo, ilaalchi, maatii, olla ykn dhiibbaan naannoon taasisu murtee keessoo irraa geessisu mala.

''Ilaalchi ofii kenyaaf qabnu kan eegamuun ol (super ego) yoo ta'e, waan hundaa ofii kiyyaan raawwachu waanan danda'uuf nama biraa na hin barbaachisu kan jedhutti adeemama."

"Yoo haala madaalawaan qabachuun hin danda'amne gara qofaa jiraachutti adeemama'' jedhu.

Dhiibbaa karaa alaa

Akka Obbo Mogosiitti ilaalchi hawaasaa saala bu'urreefate haadha qofaa ta'uf dhiibbaa olaanaa qabaata.

Miidhaa fi dhiibbaa irra gahu, sodaa fi jibba olaantummaa dhiiraa, fakkeenyawwan naannootti argaman ykn miidiyaan dhagahaman dubartoonni murte kanarra akka gahaniif ni taasisa.

Gama biraatiin ejjannoon hawaasni dhimmicharratti qabu cimaa ta'u yoo baate dubartoonni waan barbaadan raawwachuuf carraa argatu. Eenyummaan mo'ataa wayita dhufu, wantoonni hin ta'an jennu baay'ataa dhufa.

Walumaagalattis, dubartoonni ofiin jiraatan baay'ataa dhufuun attam duudhaan hawaasaa gadi bu'aa akka dhufe kan mullisuudhas jedhu.

Dhiibbaa attamiitu haadholii qofaa ijoollee guddisan mudataa?

Haati dubbifne akka jettuutti, ijoollee qofaa guddisuun dhiibbaa miiraa fi diinagdee olaanaa qaba. Dhiibbaan hawaasaa fi firootaan ijoolleerra gahus salphaa miti.

''Wayita ijoolleen dhukkubsatan naman ittiin mari'adhu dhabuun ulfaataa ta'uu hubadheera. Garuu ammoo jireenya haadholiin keenya obsaan dur jiraatanii darbaniin jiraachuu waanan hin dandeenyeef murtee kana murteesseera,'' jetti.

Qorannoon dhiibbaa haadholii qofaa isaanii ijoollee saanii guddisan irra gahu ilaalchisee Afriikaatti baay'een hin hojjatamne kan jettu Akliil, miidhaansaa olaanaa ta'u himu.

Dhiibbaawwan dubartoonni qofaa jiraatan ittiin miidhaman keessaayis:

- Dhiibbaa dinagdee ni cimaa

- Fayyina qaamaa, dhibee fi dhiphina dandamachuu

- Tasgabbaa'uu dhabuu fi miiraa laafaa

- Deeggarsi hawaasumma kan laafe ta'a jedhu.

Abdii kutachuu, ko'ummaan itti dhagahamu, ofitti amanuu dhabuu fi rakkoolee kkf akka saaxilaman oggeessonni ni dubbatu.

Abbaan ijoollees haaluma walfakkaatuun rakkinichaaf saaxilama. Miira balleessummaa, dhiibbaa hawaasummaa, qofummaan itti dhagahamu, gaabbii (ijoollee kiyyaaf kunuunsa barbaachisu hin taasifne) jechuun hubamu danda'u.

Dhiiroonni waa'ee ijoolleefi gaa'ila diiguu ilaalchise, dubartoota caalaa mirrisaanii kan miidhamu ta'u oggeessi xin sammuu kun ni dubbatu.

Dhiibbaa ijoolleerratti qabaatu maal?

''Keessattu ijoolleen guddachaa yoo deeman qofaa guddisuun rakkisaadha,'' kan jettu haati kun, garuu mana keessatti itti gaafatamummaa isaaniif qoduun jireenya isaanii keessatti gahee akka qabaatan taasisuun qormaata sana darbu dubbatti.

''Manni keenya paarlaamaa fakkaata. Waliin mari'atanii murteessuun raggaasifachuuf na bira dhufu. Waan hundaanu ni hirmaatu,'' jetti.

Gahee abbaafi haati jireenya ijoollee isaanii keessatti qaban caalaa bara kana keessa dhiibbaan hawaasaa olaanaadha jetti Akliil.

Fallaa yaadashe ammoo, Obbo Mogos ijoolleen gahee abbaa fi haadhaa argaa hin guddatiin rakkina xin-sammuu garaa garaatiif saaxilamu jedhu.

Kanaafuu dhiphinaa fi rakkina qor-qalbii adda addaatiif saaxilamoota akka ta'an himu.

Rakkinni akkasii kunis ijoollee dhiiraa caala ijoollee shamarranii miidha jedhu oggeessi kun. Ijoolleen dhiiraa rakkina amalaatiif saaxilamu.

Haala jiru waliin walfakkaatanii jiraachuuf ni rakkatu. Kunis fiixaan bahiinsa barnoota, hojii fi hawaasumaasaaniirratti dhiibbaa taasisa jedhu.

Akka Obbo Mogositti haadholiin qofaa ijoollee guddisan amala lama qabu.

Inni duraa jireenya ijoolleesaanii keessaatti gahe gaarii qaban, kan jaalalaa fi kunuunsa gaarii kennaniif yoo ta'an, kanneen biroo ammoo kan ijoolleesaanii dagachuun jireenya saanii keessa hin galleedha.

Haa ta'u malee ijoollee haala lamaaniinu guddatanis rakkina qor-qalbiitiif saaxilamunsaanii hin oolu. Kanneen baay'ee cinqamaniif ijoolleen miira hirkattummaaf akka saaxilaman taasisa.

Kanneen haadha dhimma hinqabneen guddatan ammoo nageenya miiraa argachu qaban waan dhabaniifu rakkiina olitti eeramaniif saaxilamu jedhu oggeessi kun.

Rakkina isaan mudana attamiin hiiku?

Haadholee sababii gara garaatiif ijoolleesaanii qofaa guddisan, rakkoolee isaan mudatu ilaalchise attamiin dandamachu akka qaban oggeessi qor-qalbii kun ni gorsu.

- Miiraa fi qaama fayyaa qabaachuu mirkanneessuu,

- Walitti bu'iinsa keessoorraa bilisa ta'u, kan sodaatan yoo ta'e ijoolleetti akka hin dabarsine of eegganno taasisu.

- Haaluma umurii isaaniin ijoollee waliin haala jiru ifatti mari'achu fi

- Ijoolleen abbaa waliin wal arguu akka qaban amanuun carraa mijessuufiin haala salphisaafi.

Odeessa kana irratti dabalata