Manni Maree Waraanaa Sudaan 'yaalii fonqolchaa ofirraa qolate'

Akka xiinxalaan jedhanitti manni maree waraanaa fonqolcha qoladhe yoo jedhu kun kan sadaffaati Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Akka xiinxalaan jedhanitti manni maree waraanaa fonqolcha qoladhe yoo jedhu kun kan sadaffaati

Manni maree waraanaa Sudaan fonqolcha mootummaa waraana biyyattii irratti aggaamame qolachuu beeksise.

Dubbi himaan mana maree waraanaa biyyattii, Janaraal Jamaal Oomar, televijinii biyyattii irratti akka dubbatanitti heddu to'annoo jala oolaniiru.

Kanneen hidhaman keessa qondaaltota waraanaa hojiirra jiraniifi sooroma bahan akkasumas kanneen Dhaabbata tikaafi Tajaajila Odeeffannoo keessa hojjetan jiru.

''Balaa nagaafi tasgabbii biyya kanaa kan ta'eefi garee namoota fedhii ummataa didanin isa raawwate hubanneerra,'' jechuun Janaraal Omaar kan dubbatan.

Dabalataanis, kanneen fonqolcha mootummaa kana raawwatan waligaltee tibbanaa mana maree waraanaafi sirna dimookiraasii milkeessuuf kanneen hiriira bahan gidduutti raawwate gufachiisuufi jedhaniiru.

Waligalteen kuni yoom akka mallattaa'u wanti ifatti beekamu hin jiru.

Xiinxalaan Sudaan Ahimad Kodowudaa Sagantaa BBC Newsday' jedhamu irratti akka himanitti taanaan manni maree waraanaa yaalii fonqolchaa qolachuu isaanii yeroo dubbatan kuni kan sadaffaati.

''Namoonni baay'ee ibsa kenname shakkiin ilaalaniiru. Haa ta'u malee, haqni jiru humnoonni cee'umsa kana cee'umsa kana gufachiisuu hedan jiru,'' jedhaniiru.

Pirezidantiin Sudaan Omar Haasan al - Bashir waggaa 30 booda aangoo irraa erga ka'ani as Mana Maree Waraanaatu biyyattii bulchaa jira.

Waldhabdee mormitoota waliin manni maree kuni seene furuuf Itoophiyaafi Gamtaan Afrikaa hojjetaa jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata