Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden (ONLF) Finfinneetti waajjira bane

Aasxaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen ONLF Image copyright ONLF

Ganna dabre keessa waamicha nageenyaa MM Abiy Ahimad dhaabbilee siyaasaaf taasisan fudhachuun biyyatti ka deebi'e Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF), kaleessa (Sambata) waajirasaa Finfinneetti banachuusaa beeksiseera.

Fuula Twitter dhaabichaarra akka ibsametti waajirri isaanii Finfinneetti ganna 25'n dura cufamee ture irra deebiin banameera.

''Waajjirri ONLF ka Finfinnee ganna 25'n dura, waraana mootummaa TPLF'n hoogganamuun jalqabameen cufamee ture,'' jedha.

Sirna baniinsaa waajirichaa irrattis hawaasni Somaalee, waldaaleen dargaggootaa fi dubartootaa, akkasumas qaamolee mootummaa dabalatee kanneen biroon irratti hirmaataniiru.

Erga bara 1994 as Mootummaa Itoophiyaa waraanaa kan ture Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) sochii waraanaas ta'e nageenyaan wal-qabatu mootummaa Itoophiyaa irratti fuulleffatu dhaabuusaa ka beeksise ganna dabre keessa ture.

Paarlaamaan Itoophiyaas ONLF dabalatee ABO fi Ginboot 7 - kan bara 2003 shororkeessitoota jedhee kan murteesse bara kana sadan isaanii tarree dhaabota shororkeessaa jalaa haqee jira.

Addichi erga biyyatti deebi'een booda mirga ofiin of-bulchuu Somaalii kabachiisuuf nan falma kan jedhu Addichi, ejjennoon isaa yeroo hundeeffamaa kana hin turre.

Image copyright ONLF

Akka odeeffannoon marsariitii dhaabichaa agarsiisu, erga hundeeffama Addichaa ALA 1984 irraa eegalee ''Biyya keenya Ogaaden, uummata keenyaafi qabeenya uumamaa biyyattii diinota keessaa fi alaa irraa qolachuudha'' jedha.

Kana malees 'Biyyi keenya Ogadeen fedhii keenyaan ala Itoophiyaan koloneeffatamte,'' jedha.

Erga dhiyoo kanaa ammoo ''Addi keenya mirga ofiin of-bulchuu [saba] Somaalee Itoophiyaa jalatti kabachiisuu falma,'' jedhaniiru.

Dhaabichi haala biyyatti keessa jiru irratti mari'achuun nagaan akka bu'u qooda isanii bahachuuf gara biyyaa akka gale himeera.

Gama kaaniin dhaabni mirga namoomaaf falmu Human Rights Watch dhaabni ONLF naannawa Ogaaden keessa sarbama mirga namoomaa haga yakka waraanaatti himachiisu dalageera jechuun gabaasasaa ALA 2008tti baaseen ni himata.

Gabaasa kanaanis dhaabni kun raayyaan waraanaa Itoophiyaa fi ONLF yakkoota dhala namaarratti raawwatamuu hin malle dalagan jechuun himata.

Addi Bilisa Baasaa kunis gabaasni dhaaba kanaa dhugaarraa kan fagaatedha jechuun yogguu mormu ''Dhaabichi gara Ogaaden dhufuun qorannoo bal'aa tahe akka gaggeessu waamicha dhiyeessinaaf,'' jechuun achuma fuula Twitter isaaniirratti mormiisaanii dhiyeeffatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata