Moggaasa Oromoo, Obbo Galatoo; 'Ani Oromoo adiidha'

Dr Tireevar Tiruuman/Galatoo Image copyright Dr Trevor Trueman

Oromoon karaa garaa garaan namoota Oromoo irraa hin dhalatiin, kan booji'aman yookiin sababoota biraan Oromootti makaman moggaasaan oromeessa.

Yeroo kanas namoonni kunneen mirga Oromoon tokko argatuu malu ni qabaatu.

Kana dura namoonni hedduu sirna kanaan Oromummaa fudhataniiru. Fakkeenyaaf, qorattuu dhimma Oromoo yeroo hedduuf qoratan 'Bonnie Holcomb' jedhaman maqaan 'Qabbanee' jedhu mogga'eefiira.

Waggoota muraasa durallee barreessaan kitaabaa Tasfaayee G/Aab Abbootin Gadaa Oromoo maqaa 'Gadaa' jedhu moggaasaniifii jiru.

Sirni kunis yaa'ii Waldaa Qorannoo Oromoo biyya Ameerikaa taasifame irratti kan raawwate. Waldaan kuni guyyaa har'aa turtii waggoota dheeraatiin booda biyya Itoophiyaatti yaa'ii isaa ni gaggeessa.

Nutis kana sababa godhachuun guyyaa har'aa nama seenaa akkanaa qaban isiniif dhiyeessuuf filannee.


Hagayya 4, 1949 kan dhalatan manguddon ganna 69, maqaan dhalootaa isaanii Tireevar Tiruuman ture, bara 2016'tti garuu hawaasni Oromoo Awustiraaliyaa maqaa 'Galatoo' jedhu itti mooggaasan.

UK Wostesheer keessa kan jiraatan Dr Tireevar Tiruuman, bara 2016'tti hiriyoota isaanii Awustiraaliyaa Meelboorn jiran daawwachuu yeroo deemanitti hawaasni Oromoo magaalichaa kabaja addaan isaan eegan. Isaaniis waan yeroo san ture akkasiiin BBC'tti himan.

"Ayyaana moggaasa maqaa siif gochuu barbaadna nan jedhani, hedduun gammade," jedhu.

Sagantaa kanarratti maanguddoonni Oromoo hawaasichaa coqorsa qabsiisanii erga isaan eebbisanii booda maqaa, gosaafi gadaa kennaniif.

"Gartuu gargaarsa Oromiyaa waliin hojjechaa waanan tureef si galateeffanna jechuun maqaa 'Galatoo' jedhu naaf moggaasan. Gosi naaf kenname Kuyyuu, Gadaan koo ammaa Roobalee dha."

"Kun anaaf kabaja guddaadha," jechuun Dr Tireevar/Galatoo miira itti dhaga'ame ture yoo ibsan.

Image copyright Dr Trevor Trueman

Yeroo Oromoota waliin wal baran maqaa Galatoo jedhuu akka fayyadaman dubbataniiru.

"Wayita waraqaa mallattessuu garuu Dr Tiruuma-Galatoo jedheen mallatteessa," jechuun maqaa moggafameef ammallee akka itti fayyadaman ibsaniiru.

Eenyummaankoo ummata Oromoo wajjiini kan jedhan Obbo Galatoon walga'ii tokko tokkorrattis "Ani Oromoo adiidha" jechuun akka of beeksisan dubbatu.

Yeroo adda addaatti gara Itoophiyaatti akka imalan kan dubbatan Dr Tirevoor/Galatoon, dhiyeenyattis Fulbaana keessa yeroo ABOn biyya gale gara Finfinnee imalusaanii dubbatu.

Dr Tireevar/ Galatoon ogeessa fayyaa sooroma ba'anidha. Jalqaba ummata Oromoo waliin kan walbaran yeroo bara 1980n keessa ta'u himu.

Innis hojeettota ogummaa fayyaa 'Oromo relief Association' buufata godaantota keessa hojjetan leenjisuuf dhaabbata miti mootummaa 'Health unlimited' jedhamuun qacaramanii gara Sudaan wayita deemaniitti akka ta'e dubbatu.

"Sudaan irraan daangaa dabarree gara Oromiyaa deemaan ture. Yeroo sanatti qonnaan bultoota Oromo wajjiin waa'ee jireenya isaaniifi rakkoo isaan qaban xiqqoo baruun eegale," jedhu.

"Waggaatti ji'a ja'aaf torbaaf achii turaa waggaa sadiif deddeebi'ee deemeera."

Hiriyootisaanii Oromoo ta'an dhaabbata dararaa ta'aa jiru ifatti baasu uumuu dandeenya jedhanii gaaffii erga dhiyeessanif booda bara 1994'tti dhaabbati gargaarsaa 'Oromia support Group' jedhamu hundeessuuf gargaaru isaanii dubbatu.

Dhaabbata kana waliin yeroo turanitti sarbamni mirga namoomaa ummata Oromoo irratti adeemsifamaa ture addunyaaf akka ifa ta'uuf qorannoo gaggeessuun maxxansaa turan.

"Yeroon achi turetti gara Misirii, Sudaan, Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibuutiifi Afrikaa Kibbaatti imaluun gadaantota Oromoo hasoofsiisaa seenaa isaani dhaga'aan ture," jedhaniiru.

Oromummaa argachuu

Ummati Oromoo seenaa keessatti saba biraa ofitti fudhachuun beekama. Orumummaa dhigaan qofa osoo hin taane simannaa ummata Oromoonis kan argamudha.

Beektooti seenaa adda addaa sirna Gadaa keessatti Oromoon akkamittiin akka sanyii biraa ofitti fudhatu ni himu.

Kunneen keessa Lubi Balaay Mokonnin kitaaba 'Kiristaanummaafi Oromummaa dur irraa hanga ammaatti' jedhu keessatti aadaa Oromoo keessatti akkaata Oromummaan itti argamu ibsaniiru.

Aadaa Oromoo keessatti nama sanyii biraa ta'eef maqaa, gosa fi Gadaan yeroo kennameefi Oromoo ta'un Moggaasa jedhama.

Namni moggaasaan Oromummaa argate tokkos guyyaa sanii eegalee mirgoota Oromoon argatu hunda ilmoo dhacheen qixa argata.

Moggaasa kan argatan dirqama daa'immummaatti qofa miti, namni umurii kamii irra jiru kamiyyuu gara saba Oromootti makamuu danda'a.

Namni karaa ilma moggaasaa gara Oromootti makame aadaafi amantaa Oromoo fudhachuudhaan jiraachuu jalqaba.

Aadaan akka guddifachaa, moggaasaafi haammachaan naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti baay'ate kan beekamudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata