Muftii Haji Umar Idiriis: 'Kabaja kana hin eegne ture, wallaahii nan boo'e'

Muftii Haji Umar Idiriis MM Abiy Ahimad harkaa Doktora Kabajaa yeroo fudhatan Image copyright office of the PM
Goodayyaa suuraa Muftii Haji Umar Idiriis MM Abiy Ahimad harkaa Doktora Kabajaa yeroo fudhatan

Muftii Haji Umar Idiriis Sambata darbe Yunivarsiitiin Finfinnee eebba barattootaa galma barkumaa qophaa'e irratti Doktora Kabajaa kenneefi jira.

Kabaja isaaniif kenname kana ilaalchifnee gaaffiifi deebiin isaan waliin taasine akka itti aanutti isiniif dhiyaateera.

BBC: Hajii baga gammaddan! Akka kabajni kun isiniif kennamu ni beektu turee? Yoom ture kan dhageessan?

Wallaahi.. quba hin qabu. Kamisa ganama ture Kabajamoon Kantiibaan Itti-aanaa bilbilaan kan natti himan. 'Sanbata wanta akkasiitu jira waan ta'eef akka nuuf dhuftan' jechuun ture Kantiibaan Itti-aanaa kan bilbilaan natti himan.

Ani baayyeen na'e. Kanan eeges, shakkees waan hin turreef baay'isee ana ajaa'ibe. Wanti sidhibu nan boo'e …Wallaahi nan boo'e.

BBC: Maaliif kan badhaafamtan isinitti fakkaata?

Badhaasni/kabaja kana naaf kennuun bu'aa dhamaatii natti fakkaata. Egaa ergan gara Finfinnee dhufee ganna 54 guuteera.

Osoon as hin dhufin duras quraana qara'aa (barataa) fi qaraasisaa (barsiisaa) tureera. Walumaa galatti, tajaajilan kennaa ture waggoota 70 ni ta'a. Guyyaa tokkollee ijoolleekoofi ykn mataakoof jedhee hin beeku.

Guutummaa biyyattiirran naanna'a. Guutummaa Itoophiyaa irratti 'Fatiwaa' taasisaan ture. Waggaa 11 dura immoo hordoftoota amantaa Islaamaa gidduu tokkummaan akka jiraatu hojjechuu eegalle.

Boodarra, namoonni kanaan hin gammanne dhiisi jedhan. Ittan dhiise. Allaah immoo yeroo isaa eegee Kabajamoo MM Abiy Ahimadidha gara tokkummaa akka deemnu kan taasisan.

Sanas ta'e kana, bu'uurri badhaasa/beekamtii kanaa akka natti fakkaatutti tokkoffaan: nagaafi tokkummaan Musliimaafi Kiristaana gidduutti waanan barbaaduufi kana irratti dhama'uukooti.

Lamaffaa ammoo, Mootummaafi hawaasa Musliimaa gidduutti nagaa walitti dhiyeessu barbaaduukoo; sadaffaa ammoo Musliimaafi Musliima gidduutti walmormuufi waldhiiksuu dhiisanii akka tokko ta'aniif waggoota 40f dhama'uukoo natti fakkaata.

Wanti guddaan egaa kana natti fakkaata.

Walumaa galatti barsiisuu dabalatee tajaajila gara garaa ani kennaa ture hedduudha. Quraanas akkasuma gosa lamaafi sadiitiin hiikeera.

Kitaabota biroos hedduu kanan hike ni jiru. Kan biroo Afaan Arabaatiin ammoo du'aa (kadhaa) ilaalchisee leellisuu ilaalchisee kitaabota 80 kan ta'an Afaan Amaaraan maxxansiiseera. Egaa guutummaa jireenyakoo kanan dabarse uummata walitti fiduudha.

Ammas Dr. Abiy walitti qabaa koree tokkummaa gochuudhaan akkan hojjedhu na taasiseera. Osoo kun hin hojjetamne ta'ee dhiiga waldhangalaasuun guddaan uumamee Musliimni rakkoo guddaarra bu'a kan jedhu shakkii keenya ture.

Alamdulilaah tokkummaan nuuf milkaa'eera. Allaahin dhuma namaaf bareechinaan akkasidha.

Walumaa galatti, waa'ee dhimma Musliimaas ta'e kan Kiristaanaa, dhimma mootummaas ta'e kan ummataa dhamaatiin taasiseefi hedduu itti dhiphadheef natti fakkaata kanan badhaafameef.

Ani kun ni ta'a jedhee kanan yaade hin qabu. Mootummaanis kana itti yaada jedhee kan ija dura na bu'es hin jiru.

Abbaa amantaa tokkoof badhaasaafi beekkamtii akkasii sadarkaa kanatti kennuun akka biyya keenya Itoophiyaatti qofaa osoo hin taane bakka biraattiyyuu waan guddaadha.

Biyya keenya keessatti keessumaa kan jalqabaadha; argamees, dhaga'amees hin beeku. Warra Kiristaanotaafillee ta'ee hin beeku, Musliimaaf haa turuu.

Kan gammadu ana qofa osoo hin taane, Musliima maratu gammaduu qaba. Warreen lubbuudhaan jiran qofa osoo hin taane bu'aa abbootii qabsaa'anii darbanidha jedheen yaada.

BBC: Musliimota qofa osoo hin taane hordoftoonni amantaa biraallee akka abbaa amantaa tokkootti miira gaarii isiniif qabu, namoonni kana isinitti ni himuu? Kana ni beektuu?

Nan beeka; har'a qofa osoo hin taane duraanuu yeroo Majiliisni jiru yeroo abbootii amantaa waliin walga'ii qabaannutti, yeroo mariyanutti barreessanii naaf kennu. Isin haasaan keessan warqeedha naan jedhu.

Lamaffaa ammoo isin waa'ee amantaa qofo, waa'ee masgiidaa qofa osoo hin taane isin waa'ee waliigalaa dhimmoota Musliimaa, kan Kiristaanaas waan dubbattaniif haasaan keessan gaariidha naan jedhu.

'Musliimonni gaggeessaa gaarii qabu jechuudhaan,' yeroo hunda barreessanii naaf kennu.

Waan amma ta'e kanaan ammoo Musliima caalaa Kiristaannillee gammadeera. Bakkan deemu maratti isin waliin suura kaanu malee naan jedhu; umurii dheeraadhaa namni naan hin jenne hin jiru.

Anis Musliimaafi Kiristaana adda hin baasu. Garaa garummaa sabummaafi amantaa hin beeku. Hiyyeessa, sooressa hin jedhu.

Kan barate, kan hin baranne hin jedhu. Amantaankoofi ilaalchikoo walqixxummaa irratti kan hundaa'e waan ta'eef bu'aa kanadha kanan badhaafame.

Anaaf jaalalli namaa humnakootiin olidha. Kana baayyiseen galateeffadha.

BBC: Umuriin keessan meeqa ta'a Hajii?

Amma waggaa 85ffaa jalqabuunkoo hin oolu akka natti fakkaatutti.

BBC: Abiy dhufuu waliin abdiin hedduun turan. Karaa biraan ammoo walitti bu'insi sabaafi amantaa irratti hundaa'e waan yaddoo ta'aa jiruuf, isin umurii keessanitti wanti akkasii ni dhufa jettanii yaaddanii beektuu?

Bara mootichaa qarqaraa hanga qarqaraatti Itoophiyaa keessa nagaan tureera.

Bara Dargii keessa ammoo dhumaatii sanaafi qormaata ture sana argineerra. Bara ADWUI kana keessas kan arginu argineerra.

Yeroo ammaa kana ammoo akka ilaalcha kootiitti gaariidha. Ani nama hin hojjetiin galateeffachuu hin beeku. Yeroo Dr. Abiy filataman buleesaa yeroo na gaafatan, 'ammaan jajee booda waanan komachuu hin barbaanneef, maaloo ji'a ja'a naaf kennaaan' jedhe.

Kanaaf, gaggeessaan amma jiran kun ilaalchi isaanii tokkummaa, nagaa, misoomaafi guddina waan ta'eef kan nama ajaa'ibudha.

Waan dhageenyeefi arginee hinbeeknedha. Manni warra humna hin qabneefi rakkatoo ta'anii Dr. Abiyyiifi Kaantiibaa Itti-aanaa keenyaan hojjetamaaf jiraam.

Manneen maanguddootaafi haadha hiyyeessaa ijaaramaaf jiraam.

Qaamni rakkoon uuma jedhu yoo jiraatellee amma waan milkaa'uuf natti hin fakkaatu. Shakkiis hin qabu. Namni sammuu jalqabbii bareedaa ta'e kana hin fudhanne jira jedhee hin yaadu.

Yeroo hundaa biyyi keenya ni guddatti, ni misoomti, tokkummaan keenya ni jabaata yaada jedhun qaba malee ani biyyi ni diigamtee rakkoon ni uumama hin jedhu.

Yeroo Ramadaanaatti Musliimota gidduu nagaan dhabaminnaa jedhanii namoonni shakkaa turan; Allaahaan garuu nagaan nu ofkalcheera. Yaadnikoofi ilaalchi kan koo kanumadha. Kan kanarraa hafe ammoo isa mootii hundumaa ta'etu beeka.

Allaah isa rakkoo uumu akka gara nagaatti deebisu, inni aangoo barbaadus karaa hin malleen aangoo akka hin barbaadneef Allaah ni kadhanna, du'aayis ni goona.

BBC: Barnoota kan idilee hangam barattaniittu?

Barnoota idilee hin qabu. Nuti bara sanatti 'Haa, Huu' jennee barachuu beektota amantaa keenya biratti akka 'Kaafiraa' (waan amantaan ala ta'e tokkootti ) fudhanna ture.

Nudha erga gara magaalaatti gallee Daraasaallee baradhaa kan jenne. Yeroo sanatti nama barate dubartiin ykn aangoodhaan sossobanii akka inni 'Kaafira' ta'u (amantaa isaa gatu) taasisu jedhamee Ulamaa Walloorraa akeekkachiifni ni kennama ture.

Kanaaf, ani barnoota amantaa malee, kan idilee (kan biyya lafaa ) hin qabu. Haata'u malee, warri barnoota idilee baratan kan barreessanii fidan sirreessuu nan danda'a. Kun amantiifi kennaa uumamaadha natti fakkaata.

BBC: Namoonni baayyee Walloo irraa Yunivarsiitii Al'aazihaar deemanii baratu ture. Isin akkamitti hin deemne?

Al'aazihaar hin deemne. Wallootti qofan baradhe. Barnoota amantii fi immoo Al'aazihaar deemuun maqaafi digrii yoo tahe malee barnootaan kan akka 'Ulaamaa' biyya keenyaa addunyaarra iyyuu hin jiru.

Beekumsa gad fagoo kan qaban ulaamaawwan biyya keenyaati. Garuu, gara magaalaa hin galle, aangoofi hoggansaatti hin dhufne. Kitaabas hin barreessineef malee hanga Ulaamaawwan biyya keenyaa gahu hin jiru.

Isin barataa abbaa amantii beekamoo Hajii Mohammad Saani Habiib dha?

Eeyyee isaan biratti 'Hadiisa' akkaan qara'u fi 'Fiquun'(Seera amantii) 'Niwuun'(xiin-qooqqoo) qoradhee sheeka akkaan tahuufi kan na ergan.

Allaah isaaniin as fide, animmoo isaaniin jedheen as dhufe. Asitti ummatni na qabate. Asumattin hafe, isaanis asumatti hafan.

Image copyright Waajira Kantiibaa magaalaa Finfinnee

BBC: Barattoota ogummaa garaagaraan eebbifamaniif galma bar-kumeetti haasaa taasifataniittu. Isin barnoota kam jaalatttu?

(Kolfa) Ani kana sana hin jedhu. Hunduu barbaachisaa dha. Bulchiinsa yoo ilaalte, isa malee hin tahu. Diinagdees yoo ilaalte ogeessi diinagdee yoo hin jiraanne hin tahu.Kanaaf beekumsi kamiyyuu barbaachisaa dha.

Osoon baradhee jiraadhe garuu Ikonomiksiin baradha ture. Osoo sheeka ta'u baadhe daldalaan ta'a ture.

BBC: Eessa jiraattu amma?

Finfinnee Haannaa Maariyam, bakka Hayilee Gaarmant jedhamun jiraadha. Iddoo kana ergan dhufee waggaa 3 guuteera. Isa dura markaatoon jiraadha ture.

BBC: Ijoollee meeqa godhattanii?

11 turani. Tokko boqoteera. Amma 10 jiru.

BBC: Gara Walloorra dhuftan natti fakkaata, achittimmoo aadaan muslimoonni fi Kiristaanonni wal danda'uu, waljaalalaan waliin jiraachuutu jira. Kutaalee biyyatti biroon maal irraa baratu?

Wallaahi amma jirrutti wallotti haasaan sabummaa hin jiru. Lammaffaa garaagarummaan amantii hin jiru, dargaggoonni misirroonuu waliin cidha dhaabbatu. gargaagarummaa hin beeknu.

Muslimni bataskaana yoo dhaqe ni hirphama, kiristanniis yoo Masjida dhaqe akkasuma. Barnoota hafuuraa kanneen hordofaniif qalanii, (Sadaqaa) deeggarsi taasifamaaf kuni Wallootti.

Goojjam magaalaa Lomaane jedhamutti eebba majiidaa dhaqe abaluun hammana gargaraasa kenne erga jedhamee booda xumura irratti 'Bataskaanni Maaramii kuma 300 deeggarteetti'' jedhani kan dhiheessani.

Ummanni keenya kana. Namoota siyaasaatu gargar baase malee ummanni keenya qoqqooddaa sabaafi amantii hin beeku. Inni amantiidhaan waldhaban kuni waan amma dhufedha.

Wanta akkanaa garaa ummata keessaa baasuutu barbaachisa.

Aangawoonni aangoo isaaniif jecha ummata irratti summii facaasani malee ummanni Itoophiyaa akkana hin turre.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata