Bayyanaa Pheexiroos: 'Naannoleen shan durumaa 'seeraan ala' walitti makaman'

Kaartaa Itoophiyaa Image copyright Wikimap

Mootummaan abbaa irree Dargii erga aangoo gadi dhiisee booda caaseffama bulchiinsaa Itoophiyaa irratti jijjiiramni bu'uraa taasifameera. Caasaan bulchiinsaa haaraa kun caalmaatti afaan bu'uura godhachuun ture kan diriire.

Bara sana miseensa Mana Maree ce'umsaa kan turaniifi yeroo bu'ura labsii 7/1984'n naannoleen haaraan caaseffaman keessatti kan hirmaatan pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos, naannoleen shan seeraan ala walitti makamanii naannoo Kibbaa akka hundeessan taasifame jedhu.

Eertiraa dabalatee duraan kutaalee biyyaa 14'tti caaseffamee kan ture bulchiinsi biyyattii bara 1991 as sirna federaalaa afaan bu'uura godhate bu'ura godhachuun caaseffame.

Kunis kan ta'e osoo heerri mootummaa hin mirkanaa'iin dura mootummaa ce'umsaan taasifame jedhu pirofeesar Bayyanaan.

Naannoon Kibbaa sabaafi sablammoota 56 ta'an of keessatti qabatee haala naannolee biroorraa adda ta'een caaseffame.

Osoo bakka tokkotti walitti hin makamiin dura kan amma Naannoo Kibbaa jedhamu naannolee shanitti caaseffamee ture jedhu pirofeesar Bayyanaan.

"Yeroo sanatti naannoleen afaaniifi eenyummaa bu'ura godhachuun kan caaseffaman yommuu ta'u maqaa qabaniin alatti lakkoofsaanis ni beekamu ture," jedhu.

Lakkoofsi kun Tigiraay irraa tokko jedhee jalqabuun kan naannoo Kibbaa jedhamuun bakka tokkotti waliitti qabame ammoo naannollee 7 hanga 11 of keessaa qaba ture jedhu.

Kanaaf, naannoon Kibbaa ammaa kun naannolee shan ture jedhu.

Haaluma kanaan bara mootummaa ce'umsaa ture sanaan naannoleen shanan waggoota lamaaf naannolee ofiin of danda'an ta'uun of bulchaa turan.

Naannoleen shanan turanis akka harmaan gadiitti tarreessu:

  • Naannoo 7: Guraagee, Kambaataa, Hadiyyaa, Yeem, Alaabaafi Silxee yommuu ta'an jiddugalli isaanii Hosaa'inaa ture.
  • Naannoo 8: Sidaamaa, Geede'oo, Amaarroo fi Burjii qabatee kan caaseffaman jiddugalli isaanii Hawaasaa ture.
  • Naannoo 9: Jiddugala isaanii Aarbaa Mincii godhatanii Walaayittaa, Gaamoo Gofaa, Daawuroo fi kanneen biroo dabalatee kan hundeeffame ture.
  • Naannoo 10: Jiddugala isaanii Jinkaa godhatanii saboota Oomoo Kibbaa keessa jiran hunda qabatee kan daangeffame ture.
  • Naannoo 11: Jiddugala isaanii Miizaan Tafarii godhachuun naannoo saboota Oomoo gama jiran qabatee kan hundeeffame ture jedhu.

Umuriin naannolee kanaa garuu waggaa lama caalaa hin turre.

Mootummaan Ce'umsaa giddu-galeessaa labsii 7/1984 naannoleen kunneen ittiin caaseffaman cabsuudhaan shanan isaanii akka bakka tokkotti makaman.

Kunis ajaja Waajira Ministira Muummeerraa baheen walitti makuun tokko taasisan jedhan Piroofesar Bayyanaan.

"Kanaaf sababiin ammoo naannolee kunneen bakka tokkotti walitti qabuun bulchuuf mootummaa giddu-galeessaa akka fayyaduu fi to'annaaf mijataa akka ta'u gochuudhaaf ture," jedhu.

Sababa gocha kana mormaniif mana maree ce'umsaa keessaa hanga ari'amuutti akka ga'anifi sanumaan mormii keessa akka galan dubbatu Piroofesar Bayyanaa.

Image copyright Beyene Petros Lodamo/Facebook

Dhiibbaa inni uume

Naannolee shanan naannoo tokkootti deebisuun mootummaa tokko jalatti bulchuun naannoleen giddu-galeessa misoomaa mataa isaanii akka hin qabaanne taasiseera jedhu pirofeesar Bayyanaa.

Naannoleen shanan turan osoo jiraatee bakkeewwan gara garaa keessa namoota jiraataniif carraa hojii uumuufi guddinni akka saffisu taasisuu danda'a ture yaada jedhu qabu.

"Naannoleen akka duraan turan sanatti osoo bulaniiru ta'eetii qabeenyi yeroo ammaa magaalaa Hawaasaa keessatti kuufamee arginu bakkawwan gara garaatti faayidaa kennuu danda'a ture."

"Kanarraa kan ka'e Kibba keessatti karaa guddinaatiin kan ol ka'ee mullatu magaalaa Hawwaasaa qofa ta'eera," jedhu pirofeesar Bayyanaan.

Haa ta'u male ADWUI'n tarkaanfii akka feetee naannolee gara tokkootti deebisuu fudhateen akka giddu-galeessi misooma gara garaa bakka adda addaatti hin uumamne waan taasiseef ummanni naannichaas miidhameera jedhu.

Gama kaaniin naannoo Kibbaa keessatti wal-dhabdee lafa irratti uumamuun akkasumas gaaffilee naannoofi godina ta'uu ummattoonni naannicha keessa jiraatan kaasaa turaniin mormii fi waldhabdeen tureera jedhu.

Kana birattis, rakkooleen bulchiinsa gaariifi ol-aantummaan seeraa dhibuun dubbii hameesseera jedhan.

Kun garuu "Rakkoo wal qoccoluu hunda bira jirudha". Kibba keessatti naannoleen shan bakka tokkotti akka bulaniif caaseffamuun ammoo naannolee biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu rakkoo addaati jedhu.

Gaaffileen naannoo ta'uu barbaanna jedhamee dhiyaachaa jiru deebii argachuun dhiibbaa tokkummaa biyyattiirraan geessisu hin qabu, akka pirofeesar Bayyanaan jedhanitti.

Akka ilaalcha isaaniitti gufuu guddaa kan ta'u, "bakkeewwan kanneen keessatti qabeenyi diinagdee murtaa'aa ta'uun alatti naannoos ta'an godina hanga daangaa Itoophiyaa keessa jiraatanitti jijjiirraa maqaatiin alatti jijjiirama guddaa fidu hin qabaatu."

Naannoleen walitti makamuufi bu'aa isaa

Waggoota 20 dura naannolee shanan naannoo tokkotti deebisanii bulchuun murtee fedhii ummataan ala waan ta'eef yeroo gara garaatti gaaffiin ofiin of bulchuu irra deddeebiin akka uumaman taasiseera jedhu.

Ammas taanaan naannoo Kibbaa keessatti warreen gaaffii naannoo ta'uu barbaanna jedhu dhiyeeffatanii deebii eeggachaa jiran kudhanitu jiru.

Piroofesar Bayyanaan, "yeroo seera cabsanii naannolee shan gara naannoo tokkootti walitti makan tarkaanfiin fudhatame murtee siyaasaa ture. Kun ammoo gaaffii fi rakkoo har'aatiif sababii ta'eera," jedhanii amanu.

Baayyonni gaaffii naannoo tana jedhanii gaafachaa jiran hundinuu yoo deebii gaaffii isaanii argatan itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu ba'achuu danda'uu gaaffiin jedhu ka'uu mala.

"Warreen naannoo ta'an kunneen ofii isaanii qabeenyaafi galii ga'aa maddisiifachuu danda'uu laata? Ofii isaaniitiin sochii diinagdee taasisuu fi of bulchuu danda'uu? gaaffileen jedhaniifi kanneen biroon dura deebii argachuu qabu jedhan Pirof. Bayyanaa.

Kutaalee biyyattii keessa jiran keessaa gaaffileen hedduun naannoo ta'uu kan dhiyaateef Naannoon Kibbaa deebii kennuudhaaf kan rakkate fakkaata.

Paartiin naannicha bulchaa jiru giddu-gala isaa kan ta'e Hawwaasaarraa fagaatee Finfinnee keessatti gaaffilee ka'an irratti guyyoota hedduuf mari'atee ibsi baases wanta qabatamaa ta'e hin dhiyeessine.

Gaafileen deebii argatanii yoo xiqqaate naannoon tokko uumamuun akka hin hafne amantaa namoota hedduu yommuu ta'u bu'aan kanaa ammoo magaalaa guddittii Hawwaasaa irratti dhiibbaa mataa isaa akka qabaachuu danda'u yaaddoon jira.

Namoonni tokko tokko kanaan wal-qabatee bakkawwaniifi daangaawwan 'anaaf mala' jechuun naannolee haaraa uumamaniifi duraan turan gidduutti dhalachuu danda'a jechuun sodaa qaban ibsu pirofeesar Bayyanaan.

"Wal-dhabdee fi walitti bu'insi ammayyu jiru garuu qalbiifi of eeggannoo barbaachisuun bu'uura seeraan qofa hiikuutu barbaachisa," jechuun gaaffileen haaraa caalaa kan duraanuu turan achii as bahuun isaanii hin hafu jedhan.

Odeessa kana irratti dabalata