Obbo Baqqalaa Nagaa: 'Haala amma jiruun dhaabota Oromoo hundumaa wajjinin hojjechuu murteessine'

Barreessaa paartii KFO Obbo Baqqala Nagaa Image copyright Screen shot/OMN
Goodayyaa suuraa Obbo Baqqala Nagaan ammallee barreessaa paartii KFO ta'un hojjetaa akka jiran himu

Barreessaan paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Baqqala Nagaa waggoota muraasa dura sababa hidhaafi mormii miidiyaaletti waan himaa turanif mana keessa ugguramanii turan.

Erga uggurri irraa ka'e as maalitti jiru? Siyaasa Oromoofi Itoophiyaa akkamin ilaalu? Maaliif miidiyaa irraa dhabaman kan jedhuufi kaan gaafanneerra. Akka kanaan gadiitti dhihaata.

Obbo Baqqalaan eessa dhaqani jedhu namoonni. Isin eessa jirtu?

Ani Finfinneedhuman jira. Yeroo dukkanaa, yeroo rakkinaa sana Oromoodhaaf sagalee ta'un nama miidhu sanatti warri sagaleekoo dhagahan ammayyuu nagaafatu.

Baay'ee galatoomaa naan jedhi Oromoo hundumaanu. Garuu yeroo ammaa kanatti namni haasa'u baay'etu jira. Akka yeroo sanaa rakkinni baay'ee hin jiru.

Beekumsas kan na caalan jiru, umuriin koos naannoo jahaatami wayi gaheera. Kana malee ammas Barreessaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo tahe hojjechaan jira.

Garuu, kanaan dura barreessaa taatani akka dubbii himaa dhaabichaas hojjetaa turtan. Sababni ijoo akka midiyaatti hin mul'anne isin dhorke kanuma dubbatanimoo kan biraadha?

Otoo nu haasofne wayya kan jedhanis jiru. Amma haasa'un rakkina waan hin qabneefis ta'e sababa adda addaatin namni hanguma beeku walitti adeema.

Dhiibbaan addaa narra gahe jechaa hin jirtaniimi?

Amma dhiibbaan homtu hin jiru. Duris Oromummaa namni namaa hin kennu.

Namoonni dhaaba keessan keessa ofumaa dubbachuu barbaadan jiru naan jettani. Tarii dhiibbaa wayii isinirra gahaniiru ta'aa?

Miidiyaatin yeroo ammaa kana dubbachuun baay'ee barbaachisaa natti hin fakkaatu. Yeroon isaa gaafa gahe inuman haasa'a. Yeroon isaa gaafa gahe Oromoottis nan dubbadha.

Amma yeroo isaa miti. Osoodhuma gaaffii gara biraatti dabarre wayya.

Yeroo mormii ummataafi mormii maastar pilaanii Finfinnee waan miidiyaaletti dubbatan dhorkuf mana keessaa akka hin baane ugguramtani turtan. Mana keessa ugguramun badii maalii isinirraan gahe?

Gara waggaa lamaa taha kanin ture (uggurame). Gadi bahani haasa'u, wal gahii tokko tokko irratti hirmaachuu, biiroo dhaquu na ugguraniiru.

Balbaluma koorra ta'ani ramadamanii akka gadi hin baane na eegaa turan. Isa qofaa osoo hin taane dinagdeedhaanis baay'ee na miidhani. Anis gadi bahe hojjedhee galu hin danda'un ture.

Manan ijaarradhe sababa misoomaa jedhani narratti diiganiiru. Mana qarshii miiliyoona lama naaf baasu qarshii kuma 140 qofa natti kennanii diigani.

Yeroo ammaa mana ijaaruun hammam tokko rakkisaa akka ta'e hundumtuu hubachuu danda'a. Magaalaa walakkaa keessaa nafuudhani qarqara lafa qonnaan bulaan amma itti falmaa jiru, naannoo Arraabsootti na ergani.

Darbee darbee namoota hidhamani hiikaa jedhe yeroo sanas mana taa'ee dubbachaan ture. Barii isaa immoo doorsisu. Ammayyuu hin diddeeyi. Ijoolleekee akkas goona naan jechaa turani.

Inni guddaan mana keessa taa'uuniifi karchalleetti hidhamuun garaagarummaa qaba dhugaadha.

Barreessaa ta'en tajaajilaa jira jettani. Isin miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaaba KFO akka taatan beekna. Wanti kuni sirriidhaami?

Dhugaadha.

Amma maal hojjechaa jirturee?

Yeroo duraanii kophaa dhumakoo barreessaas, ergamaas, af - yaa'iis, hundumaa kophaan hojjedhan ture. Yeroo hidhaa sana Dr Mararaa wajjiin mari'annee amma yoo hidhamne eenyutu iddoo keenya bu'aa jennee mari'anne.

Achi Obbo Xurunaa Gamtaa gaariidha, karaa dargaggoo immoo birmadummaa osoo ta'e gaariidha jennee waliin mari'anne. Akkanaan waligalteedhaan osoo jirruuti hidhaan kuni kan dhufe.

Amma egaa torbaniin, kudha afraniin walgahii irratti nan argama. Walgahii irratti yaada nan kenna. Akka kanaan dura biiroo keessa taa'ee chaappaan na harka jiraatee waa barreessee hojjechaa hin jiru.

Kan hojjataa jiru Obbo Xurunaa fa'i.

Duratti kan naaf kaastani, tarii hiika biraa ummata biratti akka hin qabaanne wanti ta'e sun dhaaba keessa waliigalteen akka hin jirre waan agarsiisu fakkaata.

Amma dhaaba kamiiniyyuu taanaan manuma ofi keessayyuu taanaan yeroo hunda waligalteen dhibbantaa 100 jiraachuu dhiisuu mala.

Akka nama qabsoo Oromoo hogganaa ture tokkotti immoo har'a ka'e kun kana kun kana yoon jedhe dubbadhe qabsichaafis gaarii hin ta'u.

Dhaabi keessan dhaaba ABO waliin walitti dhufee hojjechuuf yaada akka qabu gama lamaaniinuu ibsamee ture. Maalirra gahe?

Koreen namoonni sadii keessa jiran hundeessineerra. ABO qofa osoo hin taane dhaabota Oromoo hundumaa wajjinin, ADO wajjiniis, kanneen biroo ciccitanii hafan wajjinis hundumaa wajjin haasofnee haala amma jiru keessatti Oromoon gargar bahuun isaa gaarii hin ta'u jennee kan murteessine marii guddaa erga taasifne booda.

Haa ta'u malee, kuni ciminaan akka hin deemne gaafa tokko Dr Mararaanis waan kana irratti yaada kenneera.

Kanaan alatti murtaa'ee, gara tokkummaatti baanee seera irratti hundoofnee akka Oromoon barbaadu sanatti waan goone hin qabnu.

Eegalameera. Garuu, isarratti hunduu yaada tokko qaba jechuu miti. Akka dhuunfaatti osoo tokko taane baay'ee gaariidha. Dhaaboleen kuni hundumtuu (kan dhimmi Oromoo irratti hojjetan) garaagarummaa kaayyoo hin qabani.

Keessammoo warri jiranu dhaabuma biraa taanetu filannoo irratti walgargaarra malee akkamitti tokko taana warri jedhanis jiru.

Kanaaf, yaadni dhaaba keessan qabu walitti baqudhaafimoo qindoomani hojjechuudhaafimoo maali?

Kana irratti yaada garaa garaatu jira. Irratti baanee hin murteessine. Anaafi warri na fakkaatan osoo tokko taanee jenna. Kaanimmoo, filannoo irratti wal haa gargaarru jedhu. Yaada lamatu jira.

Siyaasa biyyya keessaa kan Oromoo dabalatee akkamin ilaatu? Maaltu tole? Maaltu cabe. Maaltu sirra'uu qaba?

ADWUI keessa warri jijjiirama barbaadanu ijoolledhuma keenya kanneen akka Dr Abiy, Obbo Lammaa kanafaa jijjiirama kana warra kaan walin harka walqabate qabsoo qeerroo itti makne ala sana.

Bu'aa guddaas buusaniiru jarri kuni. Bu'aa guddaa buusan kana irra deebisani kaasuun hin barbaachisu.

Image copyright Facebook
Goodayyaa suuraa Obbo Baqqala Nagaa yeroo maastarpilaanii mormuuf hiriirri magaalaa Finfinnee keessatti taasifame

Garuu, akka Oromootti jijjiiramni kun garamitti adeema isa jedhuf waan lafa kaa'ani saba isaanitti himan hin qabani. Kana waan ta'ef, gara kamitti adeemu kan jedhu akkuma itti gammanne sanaa shakkiis isaanii irraa qabna.

Shakkiin keenya garuma duriitti nu deebisu laataa? Itoophiyummaadhaa jedhani Oromummaa balleessuu laata? Waan jedhu gammachuu, deeggarsa keessa ni shakkina.

'Critical Support' kan mootummaa kanaaf qabnu. Kan kana jennuufis gaaffiin Oromoo baay'een isaa abbaa biyyummaa, Afaan Oromoo afaan hojii biyyaalesaa, akkasumas gaaffii Finfinnee irrumaa baqataa jiru jarri keenya kuni.

Ammammoo isumayyuu darbeemmoo namoonni keenya warri kanaan dura hidhaa turan amma hidhaatti deebifamaniiru.

Jarri kuni maaliif hidhamani jennee gaaffii dhiheessinaan nama booji'ametu jira jedhan. Namni keenya lola keessa hinjiru, qabsoo karaa nagaatin qabsaa'a. Jaarsi waggaa 70 eessatti lolee booji'amaa?

Namni tokko osoo lolarratti hin argamin mana isaa taa'ee qonna isaa qotataa jiru Oromoon akka kaleessaa sana dararama taanaan mootummaan kuni kana sirreessuu qaba.

Isin dhimma waraana bosonatti hafe, lakkoofsaaniis xiqqaatu Maqaa ABO's himatu, yaadni keessan maali? Ejjennoon dhaaba keessan maali?

Rakkinni Oromoo inni guddaan ABO fi OPDON (ODP'n) waligaltee isaanii hojiirra oolchuu dadhabuu isaaniiti. Gadi taa'ani mari'achuu maaliif dadhabani. Aangootu durse. Aangoo barbaadani.

Oromoon isa alatti gochaa ture biyya keessattis waan fudhate gale fakkaata. Alatti ABO'n bakka shanitti bahun isaa sababni isaa maali yoo jennee gaafanne waan tokkoyyuu miti sababni isaa aangoo malee waan biraa hin qabu.

Ani dura taa'aa ta'un qaba, ani barreessaa ta'un qaba hundumtuu aangoo barbaade.

Ammammoo ala biyyatti galamu kanasi, ODP keessa warri ABO'n akka hin jiraanne barbaadan jiru, karaa ABO's rakkinni jira. Attam biyya kana keessatti mootummaan lama qawwee qabatee socho'uu danda'aa? Biyya kam keessa jira kuni?

Amma Qeellamitti kan du'aa jiru warra qawwee baatee deemaa jiru duwwaadhamoo Oromoo buna bu'u akka buna hin buune, Oromoo midhaan facaafatu akka midhaan hin facaafanne, Oromoo sa'aa isaa tikfatu akka hin tikfanne kan ta'e Oromoo isa nagaadha.

Inni kuni gara fuulduraatti akka mudatu waan nutti mul'atef araara sana wajjiin dhaabbannee akka inni fiixaan bahu yaalii goone.

Haa ta'uuti karaa lachuu, karaa ODP's araarichi akka hin xumuramne warri barbaadan karaa ABO'tinis impaayera qawween ijaaramte qawweedhaan diigna warri jedhu warri humna qawweetti amanu waan jirudhaafi kana gidduutti Oromoon rakkate.

Kana gidduutti Gujiin rakkate, kana gidduutti Wallaggi rakkate. Haala biyya Itoophiyaa keessa ala ilaallee jennu bitaadhaanis, mirgaanis, Kaabaas, Kibbaanis maaliif wacamaa jira?

Oromoo cabsuudhaaf akka deemaa jiranu natti fakkaata. Kanaafuu, kana ilaalanii badiiyyuu haa qabaatu malee badiisaatti mootummaa kana gorsaa karaa nagaatin immoo waan gaafannu gaafachaa itti adeemuu qabna jedheen amana.

Yaada keessanif guddaa galatoomaa.

Isinillee fayyaa ta'aa.

Odeessa kana irratti dabalata