Raashiyaatti haadholiin kunniin maaliif daa'imman isaanii ajjeesu?

Fakkii

Waggaa waggaan Raashiyaa keessatti haadholiin hedduu daa'imman isaani ajjesuun himatamu. Dubartoonni himannaan irratti dhiyaatu haadhoolii ijoollee hedduu qaban kan qacaramanii hin hojenneefi hadhoolii hoggantoota hojii adda addaa qaban keessa jiru.

Kun rakkoo Raashiyaa qofa miti. Ameerikaa keessatti ogeessoti dhibee sammuu hadhoolii 4 keessaa 1 da'imman isaanii ajjeesu akka yaadan tilmaamu.

Qorannoon Ameerikaa 2014 kan ibsu yakkoota waggooti 32 keessatti raawwataman keessaa %15 kan haadholii da'imman isaanii ajjeesani ta'uu ibsa.

Daataan Waajjira Haqaa Ameerikaa qoranno kana keessatti ibsame, bara 1976 fi 1997 gidduutti daa'imman 11,000 maatii isaaniin akka ajjeefaman agarsiisa.

Kana jechuun giddugaleessan waggaatti daa'immaan 340tu du'a.

Akka biyyoota hedduu, Raashiyaa keessattis aadaan ciniinnatanii rakkoo keessa darbuu fi haasaa rakkoo dhibee sammuu kaasuu dhiisanii jireenya callisanii jiraachuu jira.

Seenaan namoota kanaa miira mukaa'uu (depression) da'umsa booda dhufu, yeroon yaalamuu hafuu isaafi maatiin rakkoo jiru yeroon hubachuu dhabuun isaanii balaa uumame ittisuu dadhabuusaa agarsiisa.

Alyoonaa

Alyoonaa, ogeettii dinadgee abbaa manaashee Piyootir waliin daa'ima isaanii simachuuf gammachuun eega turtedha.

Uffata daa'imaa bituurraa eegale qophii da'umsaaf ishee barbaachisu hunda yeroo gootutti, namni rakkoo xiinsamuu haadholii haaraarra ga'uu danda'u itti hin himne.

Erga mucaan dhalatee booda Alyoonaan dhibee hirriba guutummatti nama dhorku 'insomnia' jedhamuun hubamtee, dandamachuu akka hin dandeenye dubbatti.

Kanaan dura rakkoo xiinsamuun hubamtee kan turte yeroo ta'u, qorichi ogeessi kenneef xiqqoo gargaarenii ture.

Guyyaa tokko Piyootir mana yemmuu galu daa'ima isaani ji'a torbaa kutaa dhiqannaa keessatti duutee arge.

Boodarra Alyoonaan haroo Moskoo biratti argamte. Erga mucaa bishaan mana dhiqannaa kessa galchuun ajjeeste booda, dhugaatii vodkaa xurulle guutuu dhugdee harootti of gatuuf osoo deemtuu of wallaalte.

Amma mana murtiitti dhiyaattee jirti.

Abbaan warraashee utuu namni dhibee mukaa'uu da'umsa booda dhufu Alyoonaatti himeera ta'ee, balaan kun hin uumamu jedhe amana.

"Hammina yaaddee miti, jeequmsa xiinsammuutu irra ga'e," jedha.

"Utuu ogeessa fayyaa bira deemteetti ta'ee, utuu yeroo isheen na gafatetti hospitaala geesseraani ta'ee, kun hin uumamu ture."

Oggeesoti yakkaa Raashiyaa dubartoota daa'imman isaani ajjeesan keessaa %80 gochichaa raawachuun dura ogeessa fayyaa bira deemuun, mataa bowwuu, hirriiba dhabuufi marsaa laguu sirrii hin taaneen akka rakkachaa jiran himaniiru.

Eenyu isaan?

Raashiyaa keessatti yakki hedduu xiyyeefanoon itti hin kennamneefii safuu jedhamee ilaalamu kun bara 2018 keessatti 33tu gabaafame.

Ogeessoti yakkaa tokko tokko utuu mana murtiitti utuu hin dhiyaatiin hafuun lakkoofsi yakka kanaa dachaa 8 ta'uu danda'a jedhu.

"Ji'a ji'aan kutaa dubartootatti siree digdaman qabnu keessaa sadii ykn afur hadholii daa'imman isaani ajjeesaniin qabama," jetti oggeettin xiinsammuufi qorattuun Wiirtuu xiinsammuu Mooskoo, Serbeeski Margariita Kacheeva.

Da'uumsaan booda dhibeen sammuu tasa guddachuu akka danda'u oggeesoti fayyaa beeku.

Dubartoonni dhibee yeroo dheeraaf turu, kan jireenya guyyaa guyyaatti hin mul'annee garuu yeroo taateewwan jajjaboo qaama dubartii miidhan kan akka ulfa, da'umsaafi yeroo umurii laguun dhaabatutti kan ka'anii mul'atan qabu.

"Ilaa, mucaakoon ajjeese fakkaata."

Aanaa barsiistuu ganna 38, fi ilmaanshee ganna 18fi 10 dhalachuu intalaa hawwiin eegaa turani.

Bara 2018, Adoolessa 7 garuu ambulaansiti bilbila bilbilte. Da'umsa booda hedduu dhukkubsachaa erga turtee haalli turan daranuu hammaate.

Dhibee kana dandammachuu akka hin dandeenye Aanaan yemmu itti dhaga'ame ogeessi fayyaa boqodhu jedheeni.

Guyyaa tokko luka qullaa mucaashee baattee osoo callistee daandirra deemtu, poolisooti ishee dhaabanii eessa akka deemtu yeroo gaafatan deebisuu hin dandeenye.

Adoolessa 7 irratti yeroo ambulansiin qaqqabuu Aanaan ogeessa fayyaatiin "Ilaa, mucaakoon ajjeese fakkaata," jette.

Ogeessoti fayyaa daa'ima lubbuu olchuu danda'anis haadhi kun mucaashee boraatiin ukkaamsuu akka yaalte manni murtii qorachaa jira.

Boodarra Aanaan hospiitaala dhibee sammuutti geessamuun dhibee sammuu namni jireenya dhugaarra jireenya abjuu keessa akka jiraatu taasisu 'schizophrenia' jedhamu akka hubamte beekame.

"Kun maraatummaa guutuu akka hin taane hubatamuu qaba. Dubartiin yeroo sammuun dhukkubetti daa'imashee ajjeeste, goocha kana dura jireenya sirrii kan jiraachaa turte ta'uu dandeessi," jechuun Dr Kacheeva ibsiteetti.

"Maaloo Waaqakoo, doktar, maalan godhe? Akkaminan jiraadha kana booda?"

Dubartiin ganna 21, Arinaa, darbii 9ffaa gamoorraa daa'imashee baattee utaalte.

Yemmuun daa'imni dhalatu abbaa warraanshee hojii waraanaarra fagoo ture. Yeroo inni deebi'utti miira mukaa'uu (depression) cimaa keessa turte.

Ofiifi daa'imashee ajjeesuuf yaaluusheen guyyaa tokko dura poolisiitti bilbiluun abbaan warrashee ishee ajjechuuf haaduu qarachaa jira jechuun gabaaste.

Akka ajaa'ibaatti hadhaafi daa'imn kun kuufatii booda lubbuun oolaniiru. Arinaan hospitaalatti erga geeffamteen booda poolsiin to'annoo jala oolteetti.

Ogeessoti dhibee sammuu 'schizophrenia' ykn dhibee sammuu namni jireenya dhugaarra jireenya abjuu keessa akka jiraatu taasisu akka hubamtee jirtu mirkaneessaniiru.

Hadholiin dhibee 'schizophrenia' fi 'depression' jedhamuun hubaman yeroo hedduu sababa daa'ima isaanii ittiin ajjeesan wal fakkaata laatu.

"Ani haadha gadheedha, you du'e wayyaafi", "Adunyaa kun hamaadha, daa'imni utuu keessa hin jiraanne gaaridha," jedhu.

"Yakka kana raawachuun booda boqonnaa waan hin arganneef yaalii tokkoffaa, lammaafaa ykn sadaffaarratti of ajeessu," jetti Dr Kacheeva.

Yeroo tokko tokko gara wiirtuu isheen hojettutti dubartoonni kan geessaman yakkichii osoo hin rawwatiin yemmuu maatiin qaqqabudha.

Yaalii erga jalqabanii booda, fayyina guututti deebi'uuf ji'i ja'a ga'aadha.

Akkumaa Ameerikaa, Rashiyaa keessati hadhooli da'immaan isaani ajjeessan irratti murtee akkamii akka darbuu qabu mana murtiitu murteessa.

Yoo ogeessoti dhibee sammuu hadhii ilmooshee ajjeefte dhibee sammuu hin qabdu jedhan, hidhaa waggaa dheeraan adabamuu dandeessi.

Dubaartooti kunneen keessaa hedduun yemmuu ijoolle turan kan dararamanidha.

Qorannoon ogeessotta yakka dhibee sammuu Raashiyaa kan agarsisu haadholii daa'imman isaani ajjeesan keessa %80 maatii hiyeessaa keessatti akka guddataniifi %85 immoo bultoo isani keessatti walitti bu'iinsa kan qabanidha.

"Dubartoota kunnen keessa hedduun yeroo ijoollee turaniitti- miraan, saalaan ykn qaamaan dararamaniiru. Kun immoo eegere jireenya keessatti qabxiiwwan gara hameenyaatti nama geessan keessa tokko." jeetti Dr Kacheeva.

Abukaatooti hedduun dubaartoota daa'ima isaani ajjeesuun himataman mana murtiitti isaanif dhaabachuu ni didu.

Akkaataa Ittisaa

Dhimma ittisa yakka daa'ima ofii ajjeesuu irratti oggeesoti fayyaa Raashiyaafi lixaa barbaachisummaa rakkoo xiinsammuu hadhoolii qaqqabuu irratti xiyeeffanoo kunnuu dubbatu.

"Yoo danda'ame da'umsaan dura haalota jirachuu malaniifi haariroo harmeekee waliin qabdu mari'achuun gariidha. Abbaa warraakee waliinis da'uumsa booda xiinsammuukeerra miidhaa ga'uu danda;u dursanii haasa'uunis dansa, " jetti ogeettin xiinsammuu Mariinaa Bilobraam.

" Suuraa hadhooli gammadoo daa'ima isaanii wajjiinii qofa osoo hin taane haalii hamaachuu akka danda'us wanti ibsu jiraachuu mala."

Dr Maargarita Kacheeva " Moskoofi nannooshee keessa wiirtuulee dubartoota rakkoo keessa jiran gargaaru qabna. Dubatoota haleella bultoo keessaafi dhibee 'depression' rakkataniif balballi banaadha" jetti.

"Garuu dubartoonni hedduun yoo dhibee isaani dubbatan mucaankoo na jalaa fudhatama jedhaani waan sodataniif wiirtuuleen kun walakkaa ol qullaa taa'u. Dheekamsa callisi jedhu sodaa abbaa warraa isaanifi maatiittillee hin himan."

Maqaan namoota asirratti ibsamanii hunda mirga daa'imman miidhamanii eeguuf jecha geeddarameera.

Odeessa kana irratti dabalata