Eertiraa fi Itoophiyaa: Hariiroo 'dipiloomasii shufeeraa' MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad fi Pireezidant Isaayyaas Afawarqii Image copyright Ghideon Musa Aron

Viidiyoon wayita MM Abiy Ahimad pireezidant Isaayyaas Afawarqii of bira kaa'atanii magaalaa Asmaraa keessa konkolaataa oofan marsaalee hawaasaa irratti dubbii ijoo ta'eera.

MM Abiy Ahimad Kamisa ganama daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Asmara kan galan. Dhimmoota waloo biyyoota lamaaniifi kan gaanfa Afriikaa irratti akka mari'atan himame.

Nagaa biyyoota lamaanii gidduutti bu'een bu'aalee argaman caalatti jabeessuufi wal-ta'iinsa biyyoota lamaanii cimsuuf mari'ataniiru jedhan Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yamaane Gabramasqal.

Kan qalbii namoota hedduu hawwate garuu waan hogganoonni lamaan mari'atan osoo hin taane magaalaa Asmaaraa keessa miilaan deemufi MM Abiy konkolaataa oofuu isaaniiti.

TV'n biyyaalessaa Eertiraa wayita hogganoonni lamaan miilaan magaalattii keessa deemaniifi MM Dr Abiy konkolaachisaa ta'anii wayita pirojektiiwwan adda addaa daawwatan mul'ise.

Lammileen biyyoota lamaanii suuraalee Facebook fi twitter irratti waliif qooduun yaada gara garaa kennaa turan.

Dawwannaan miilanaa kun hogannoonni lamaan waliigaltee nagaa mallatteessanii ganna tokko booda kan taasifame.

Kanneen 'twitter' irratti yaada kennan keessa tokko lammiin Itoophiyaa tokko 'keessummaa ta'ee dhaqee akkamitti inni oofa' jechuun gaafata.

Mul'achuuf fedhuufi biyyoota lamaan jidduu nagaan akka jiru fakkeessuufi jechuun MM Abiy qeeqa.

Hariiroon biyyoota lamaanii saffisa tibba jalqabaatiin demaa hin jiru, qabbanaa'eera yaadni jedhu ni dhagaa'ama.

Obbo Yamaane Gabramasqal garuu hariiroon biyyoota lamaanii ammayyuu 'ho'aadha' jedhan.

Daangaan biyyoota lamaan wal qunnamsiisu adda afuriin banamee ture marti isaa cufameera. Ta'us garuu namoonni xiyyaaraan biyyoota lamaan gidduu balali'uu danda'u.

Biyyootni lamaan irratti wal-dhabanii kan ture lafti Baadimme ammas harkuma Itoophiyaa jira.

Dhimma kanarratti wanti dubbatame tokkollee hin jiru.

MM Dr Abiy Ahimad kanaan duras wayita bulchaan biyya UAE Itoophiyaa dhufan ofii konkolaataa oofuun Finfinnee daawwachiisanii turan.

Odeessa kana irratti dabalata