Nyaanni saal quunnamtii fooyyessuu danda'aa?

Qaaraa Image copyright Getty Images

Nyaanniifi saal qunnamtiin maal waliiti? Qorattoonni akka jedhanitti nyaanni soorannuufi saal qunnamtiin walitti dhufeenya cimaa qabu.

Gosoonni nyaataa gammachuu namaa kennan namoonni saal qunnamtii fayyaalessa ta'e akka qabaatan taasisa jedhameera. Nyaata kanneen keessaa muraasaan walbaraa.

1. Qaaraa, mimmixa

Qaaraa ykn mimmixa keessa albuudni Kaappisayisiin jedhamu jira. Namoonni gammachuun yeroo itti dhagahamu hormooniin uumamu, Indorfiin, akka qaama keessa olii gadi deemu qaaraafi mimmixi ni gargaaru.

Dabalataanis, marsaa dhiigaa si'eessa. Ho'i qaama namaafi dhahannaan onnee akka dabalu gargaara. Kunneen, yeroo saal qunnamtii jijjiiramoota qaama namaa irratti mul'atanidha.

2. Chekoleetii

Image copyright Getty Images

Chekoleetiin albuuda Feniletyaalaamin jedhamu qaba. Chekoleetii nyaachuufi jaalala ho'aa qabaachuun kan walqabatuufis kanaafi.

Albuudi kuni yeroo namoonni saal qunnamtii raawwatan miira gammachuu akka qabaatan taasisa.

Chekoleetii keessa aminoo asiidii tiraaypitoofan kan jedhamu argama. Kunis, qaama keessatti albuudni sertoyiin jedhamuufi gammachuu maddisiisu qaama keessatti akka naanna'u taasisa.

Albuudni Tiraayipitoofan jedhamu gosoowwan nyaata biraa hanqaaquu, loozii, akkasumas oomishoota soyaa biraa irraa argamuu danda'a.

Chekoleetiifi saal qunnamtii gidduu walitti dhufeenyi jira kan jedhame erga jaarraa 16ffaa eegaleeti.

3. Alkoolin saal qunnamtii fooyyessaa?

Image copyright Getty Images

Dhugaatiin alkoolii fedhii saal qunnamtii dabaluus yeroo saal qunnamtiin raawwatu garuu dhiibbaa uumuu danda'a. Qorattoonni akka jedhanitti hamma danda'an caalaa dhugun fedhii saalqunnamtii ni xiqqeessa.

Foolii alkoolii, machiifi sababoota kaaniin dhugaatiin alkoolii saalqunnamtiifi jireenya dhirsaafi niitii gidduutti dhiibbaa akka geessisutu amanama.

4. Fuduraaleeno?

Qoranoon akka agarsiisutti namoonni qaama salaa dhiiraa isaanii hin dhaabannetin rakkatan nyaatawwan kemikaalota filaavoynoyid of keessaa qaban akka sooratan gorfamu.

Fakkeenyaaf gosa goraa biluberii jedhamu, burtukaanaafi loomiinis eeramu. Dhiirota rakkoo akkanaa qabanif fuduraalee garaa garaa soorachuun rakkoo isaanii %14'n hir'isa.

Dabalataanis, kuduraalee, fuduraalee, zayitii ejersaa, looziifi kaan dhiirota rakkoo walfakkaataa qabanif furmaata jedhameera.

Gudunfaa

Gosi nyaataa afirodisiyaak jedhamaniifi saal qunnamtii fooyyeessu kanneen jedhamani kana kutaa sadiitti qoodanii ilaaluun danda'ama. Tokkoffaa, fedhii saal qunnamtiiti.

Inni lammataa ga'umsa saal qunnamtii raawwachuufi inni sadaffaa immoo gammachuu namoonni saal qunnamtii irraa argatanidha.

Qorattoonni garuu sadarkaa bu'aawwan kana qoratanii bira gahu hin dandeenye.

Qorataan Dr Kirichimaan jedhaman namoonni nyaata jireenya saal qunnamtii fooyyee qabu akkan jiraadhu nagargaarera jedhan haa sooratan jechuun gorsu.

Odeessa kana irratti dabalata