Obbo Toomaas Taamaa: "Anaaf naachi akkuma beeylada manaati"

Toomaas Taamaa/Arbaaminci
Goodayyaa suuraa ''Naachi akkuma beeylada manaati'' - Obbo Toomaas Taamaa

Toomaas Taamaa jedhamu, jiraataa magaalaa Arbaamincii yoo ta'an, isaaniif naachi beelada manaati. Isaaniis naacha garmale jaalatu, naachonnis isaan beeku, ni jaalatuunis.

Bufanni horsiisa naachaa Arbaaminci A.L.I bara 1976 kan hundeeffame yoo ta'u, Obbo Toomaas dhaabbaticha keessa hojjachu kan eegalan bara 1981 irraa kaaseeti.

Kaayyoon hundeeffama dhaabbata horsiisa naachaa inni guddaan namoota seeraan ala naacha ajjeessuun gogaa fi foonsaa gurguran hambisuun karaa seera qabeessa qabeenyicha eeguuf ture.

Obbo Toomaas jalqaba hojjataa yeroo ta'uun ture kan qacaraman. ''Isaan booda bara 1993 hojjataa dhaabbata ta'een mindeeffame. Kunoo hanga har'aattis dameewwan adda addarratti tajaajilaan jira,'' jedhu Obbo Tomaas.

Turtii waggoota 30 kanatti Obbo Toomaas dhaabbaticha keessatti waan hin argine hin qaban. Nutis naacha waliin jiruun maal fakkaatti? jechuun gaaffii dhiyeessineef.

''Baay'ee nama gammachiisa. Jireenyi umama waliin namatti tola. Dhugaadha jalqabarratti sodaachisaadha. Boodarra garuu itti baraa dhufne."

"Amma namoonni wayita nachoota waliin waliigallee nu argan baay'ee dinqisiifatu. Nuuf garuu walitti dhufeenyi naachota waliin qabnu gammachu nuuf kenna,'' Jedhu.

'Akka beeyladoota manaattan ilaala'

Lubbu qabeeyyi bishaan keessa jiraatanii fi namoota irraan miidhaa hamaa qaqqabsiisuu danda'an keessaa naachi tokko kan ta'e naacha akka beeylada manaatti yaaduun ni ulfaata. Obbo Tomaas garuu, ''naachi akkuma beeylada manaati'' jedhu.

Itti dabaluunis ''yeroo baay'ee namoonni naachi gara jabeessa. Attamiin isaan waliin hojjatta jedhu, garuu ana dabalatee namoota dhaabbata kana keessa hojjannuuf naachi beeylada manaati."

"Waan kunuunsine guddifnuuf, akkasumas guyyaa saanii nu waliin waan dabarsaniif baay'ee nu baru akkuma beeylada manaatti. Kan nutti dhiyaatanis kanneen jaalala nuf qabaniidha,'' jedhu.

Naachonni buufaticha keessatti argamanis akkuma killee keessaa bahaniin ijoollummaan gara sana kan geeffamu. Yeroo sanaa kaasee kunuunsi barbaachisu taasifamuufiin haaluma umuriisaanitiin akka guddatan taasifamu.

Obboo Tomaasii fi kanneen isaan waliin hojjatanis naachota umurii xiqqoorraa kaasuun beekuun. Naachotis akkasuma isaan beeku.

'Foon narraa cuffatee hospitaala galeen ture'

A.L.I bara 1989 ture. Buufanni horsiisa naachaa yeroo sanaa bakka ammaa jiru kanarra xiqqoo achi fagaatee ture kan ijaarame.

Inni duraa sun haroo Abbayyaa kan wal hormaata naachaaf mijatutti baay'ee dhihoo ture.

Yeroo hunda wayita ganni seenu horsiisa naachaatiif hin mijatu ture. Haroon waan gutuuf lafa horsiisa naachaa irra garagala ture.

Yeroo tokko tokkos bishaan lafa horsiisaarra wayita garagalu, naachonni bahuun gara haroo isa gadi fageenya dheeraa qabuutti nam'uu ture.

''Wayita haroon garmalee guutee dallaa hunda haguugu, bidiruudhaan naannofne hojjanna turre. Anis yeroo sana bishaan naachaan geeddaraa ture."

"Namoonni akka irraan ce'aniif yaadamee riqichi mukaa ijaarame ture. Anis riqicharraa gara isaanitti bu'uuf miila kiyya mirgaa akkuman kaaseen, naachi achi jala dhokate ture tokko utaalee na qabate."

"Anis naasuudhaan yoon mila kiyya kaasu, ka'ee foon kiyya kutatee gate. Kana booda hiriyoonni iyya kiyya dhagahan dhufuun miila miidhame sana uffataan xaxuun gara mana yaalaatti na geessan."

Lafeen miilaa hin xuqamne malee miidhaa guddaab irra qaqqabee akka ture dubbatu Obbo Toomaas.

Achi booda deebii'anii naacha waliin hojjachuu akkan hin qabne namoonni hedduun gorsanillee, Obbo Toomaas garuu madaan isaanii akkuma qooren hojiitti deebi'u dubbatu.

"Kan lubbuu dhabda jechuun na sodaachise illee jiraachu nan yaadadha" jedhu.

Foon naachaa

Itoophiyaa bakka hedduutti foon naachaa soorachuun duudhaan ala akka ta'etti haa lakkaa'amu malee kanneen gaduma qabaadhaan nyaatan hin dhabamani.

Kana dura foon naachaa nyaattanii beektuu jennee Obbo Toomaas gaafanne.

''Amantaa keenyaa fi aadaadhaan foon naachaa soorachuun hin gorfamu, ta'us ani yaalee beeka, sobni maal godha," nuun jedhan.

"Dhamdhamni isaa foon qurxummiitiin wal fakkaata. Biftisaa ni addaata garuu ilkaan irratti xinnoo ni jabaata. Haala gaariidhaan yoo hojjatame ni mi'aawa," jedhu.

Isaanii fi hiriyoota isaanii malee lammiileen Itoophiyaa dawwannaaf garas dhaqan foon naachaa nyaachuuf akka fedha hin qabaannee gurra nu busaniiru.

Haa ta'u malee turiistonni biyya alaa gara sana dhaqan keessattu lammiileen Chaayinaa fi Italii darbee darbee dhaquun naacha bitachuun achumatti qalchiisanii hojjachisuun akka nyaatan ni dubbatu.

Turiistii kophee miila tokko naachaaf galchaa kenne

Galanni waaqaaf haa ta'u hangan beekutti miidhaa qaamaa turiistotarra qaqqabee hin dhageenye kan jedhan Obbo Tomaas, ta'us garuu mi'a akka tasaa harkaa bu'e deebisanii argachuun baay'ee rakkisaa ta'uu dubbatu.

''Fakkeenyaaf turiistiin tokko wayita naachonni socha'an argu barbaadee wayita miila isaa sochosu kopheensaa milarraa bahee gandaa naachaa keessa jalaa bu'e. Wayita kanas naachoonni wal harkaa butanii fuudhani gara bishaanii keessaatti galaniin."

"Yoo waan tokko qabatan akka laayyootti gadi hin dhiisan. Kanaafu daawwatichi kopheesaa miila tokkotiin deebii'usaa nan yaadadha," jedhu.

''Kanaan alatti dawwattoota bilbillii fi kaameeraan harkaa kufee hojiin ala jala ta'ee nan yaadadha. Dawwataan tokko ammoo shamizii isaa baasee osoo itti afarsu naachi utaalee harkaa fudhateera," jehdu.

Dawwattooni waan akkasi akka hin raawwanneef barreeffamaa fi afaaniniis kan itti himan ta'ullee, darbee darbe akkas kan godhan jiru jedhu Obbo Toomaas.

Hojiin Obbo Toomaas naachota kununsuu qofa miti. Kanneen qalma gahan qaluus sirriitti ogummaa itti argataniiru.

Gogaa naachaa sogiddaan sukkuumanii akka bu'aaf oolu taasisuun hojii umurii ijoollummaa isaanii itti fixanidha.

Obbo Tomaas abbaa ijoolee jaha yoo ta'an galii achii argataniin maatiisaanii bulfatu.

Turiistonnis wayita Obbo Toomaasii fi hirriiyyoonni isaanii naacha waliin wal'aansoo qabaa gandaa isaanii qulqulleesan yoo argan ni dinqisiifatu.

Obbo Tomaas 'beeyladoota' kanneen waliin waggoota 30'f akka turan himu. Ammas jaalalli isaanii kan dhiheenyatti dhaabbatu hin fakkaatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata