Injinar Taakkalaa Uumaa: 'Finfinneen sababa wal-dhabdeefi mormii ta'uu hin qabdu'

Injinar Taakkalaa Uumaa

Erga gara hoggansa magaalaa Finfinnee dhufanii ganna tokko kan dabarsan kantiibaa itti aanaan magaalattii injinar Taakkalaa Uumaa waggaa tokko kana keessatti deeggarsis mormiinis isaan mudateera.

Isaan garuu wantootaa waggaa tokko darbe kana keessatti hojjetameen hedduu akka boonan dubbatu.

"Magaalaa guddaa, magaalaa Finfinnee kana ennaan tajaajilu itti gammadeen, itti booneen hojjedha," jedhu.

"Magaalaa guddaa biyya kanaa tajaajiluun, magaalaa guddaa biyya kana rakkina isaa keessa seenanii arganii furuun anaaf kabajaa fi ulfina guddaadha," jedhu.

Finfinneen magaalaa lammilee Itoophiyaa maraaf geessu waan taateef sababa wal-dhabdeefi mormii ta'uu hin qabdu jedhu Injinar Taakkalaa Uumaa turtii BBC waliin taasisaniin.

Rakkoo mana jireenyaa

Bulchiinsi isaanii rakkoowwan jiraattota magaalattii furuudhaaf karoorawwan gara garaa akka qabu kan himan Injinar Taakkalaan, rakkoon mana jireenyaa magaalattii keessa jiru rakkoolee ijoo keessaa isa tokko ta'uu dubbatu.

Mootummaan Itoophiyaa keessattuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee rakkoo mana jireenyaa jiraattota magaalattii hiyyeeyyii ta'aniifi galii gadi aanaa qaban furuudhaaf gama misooma manneenii irratti hojjetaa jira jedhan.

"Adeemsa hojii pirojektii misooma manneenii hanga ammaa ture jijjiiruudhaan kan kanaan dura mootummaan hojjetamu akka namoonni dhuunfaan - Riil Isteetiin misoomsan akka hirmaatan taasifama," jedhu.

"Bulchiisni magaalichaa lafa hektaara kuma tokkoon ol qopheessuudhaan dhaabbileen maallaqaa gara garaa akka irratti hirmaataniifi jiraattonni magaalattii harka-qalleeyyii fi galii gadi aanaa qaban fayyadamoo ta'uu akka danda'an taasifna," jedhaniiru.

Bara haarawaa dhufutti keessumaa namoota galii gadi aanaa qabaniifi hojjettoota mootummaatiif ijaarsa manneen jireenyaa lakkoofsaan hedduu ta'an akka jalqabaman himaniiru.

Kantiibichi, ijaarsi isaa akka kanaan duraa mootummaatiin osoo hin taane dhaabbileen dhuunfaatiin ta'ee mootummaan itti-gaafatamummaa to'annaafi qindeessuu akka fudhatu ibsan.

Buqqa'uu

Magaalattii keessatti yeroo hojiiwwan misoomaa gara garaa hojjetaman wantota yaachisoo ta'an keessaa namoonni qe'ee jireenyaa isaaniirraa buqqifamuu akka ta'e kan eeran Injinar Taakkalaan, "yaaddoon buqqa'uu jiraachuun sirriidha" jedhu.

"Garuu wanta ani ifatti dubbachuufi mirkaneessuu barbaadu sababii hojii invastimantii ykn misoomaa kamiifiyyu namoonni hin buqqifaman," jedhan.

Kanaaf ammoo waggaa darbe yeroo gara itti-gaafatamummaa kanaa dhufan akka waadaa galanii turan kan yaadatan Kantiibichi, irra deebiin misoomsuufi magaalattii guddisuuf jiraattota akka hin buqqaasne ummataaf waadaa galaniiru.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Injinar Taakkalaa Uumaa: "Magaalaa Finfinnee itti gammadee, itti booneen tajaajila"

Kana gochuurra jiraattota misoomsuufi misoomni sunis achumatti isaan akka hammatu akka taasifamu dubbatu.

Jiraattonni magaalaa walakkaatiis ta'e qarqara magaalattii irraa sababa misoomaatiin hin buqqa'ani jedhu.

Pirojektiiwwan jiraattota magaalattii hedduu buqqisuu malu jedhamanii yaaddoo guddaa uuman keessa kan naannoo Lagahaaritti abbootii qabeenya UAE'n ijaaramu isa tokko.

Ijaarsawwan gurguddoo naannoo sanatti ijaaraman cinaatti manneen jireenyaa jiraattotaaf ta'an akka ijaaraman eeranii, sababii kanaan namni buqqa'u hin jiraatu jedhu.

Nageenya magaalattii

Nageenyi magaalaa Finfinnee akka sirriitti eegamuufi amansiisaa taasisuuf dhimma nageenyaafi tasgabbii irratti xiyyeeffannoo kennanii hojjechaa jiraachuu himu.

Magaalattii keessa doqdoqeewwan akka hin sochoone dhorkamuun isaaniis nageenya amansiisaa uumuuf tarkaanfii fudhatame akka ta'e himu.

Osoo murtoo kana irra hin ga'iin dura Finfinnee keessatti guyyaa guyyaan doqdoqqee fayyadamuun saamichi raawwatamaa akka ture qorannoon waan adda baafameef doqdoqqeewwan dhorkamuu dubbatu.

Goodayyaa suuraa "Manneen barnootaa magaalattii hunda keessatti Afaan Oromoo barachuun akka jalqabamu taasifneerra"

Doqdoqqeewwan bakka gara garaatii gara magaalattii dhufan to'achuudhaaf sirni diriire waan hin turreef rakkoo nageenyaafi saamicha raawwatamaa ture to'achuun rakkisaa akka ture dubbatu.

"Doqdoqqeewwan haala sirrii ta'een akka hojjetani fi hordoffii gochuudhaaf akka tolu sirni ammayyaa GPS'n deeggaramu qophaa'aa jira," jedhan.

Tarkaanficha booda "haala nama ajaa'ibuun nageenyi magaalattii foyya'insa guddaa agarsiiseera. Rakkoon nageenyaa mudachaa turan walakkaa oliin akka hir'atu taasiseera," jedhu.

Gaaffii abbummaa Finfinnee

Finfinneen handhuura biyya uummata miliyoona 100 oliiti kan jedhan Injinar Taakkalaa Uumaa, magaalaa guddoo biyyattiitis jedhu.

Magaalattiin teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa akka taatee fi mootummaan naannicha ifatti heera mootummaa irratti magaalaa guddoo isaa akka taate barraa'eera, "kana haaluun hin danda'amu" jedhu.

Haa ta'u malee jala muree kanan himuu barbaadu Finfinneen magaalaa gudditti hunda keenyaaf geessuudha.

"Saba kamirraas ta'u, amantaa kamirraas ta'u namni dhufe iddoo kan kooti jedhee keessa jiraatudha, garee tokkoof addatti kan kenname miti."

"Finfinneen kan hunda hammattu, magaalaa hundaati. Ka'umsa waldhabdee osoo hin taane kan lammileen Itoophiyaa waliin keessa jiraannuu fi yaada adda addaa gamaa gamanaa walitti fidnee waliin taanee guddisuu qabnudha," jedhan.

Gaaffii Oromoo

Magaalaan Finfinnee jiddugaleessa qabsoo Oromoo qofaa osoo hin ta'iin, jiddugaleessi qabsoo biyya kanaa mataan isaa Finfinneedha jedhu Injinar Taakkalaa Uumaa.

Erga hoggansi haaraan gara aangoo dhufee as, isaanis itti aanaa kantiibaa ta'uun erga muudamaniin booda gaaffii Oromoo qofa osoo hin taane kan saba hundaa deebisuuf kutannoon hojjetaa akka jiran dubbatu.

Hojiin manneen barnootaa haaromsuu fi barattoonni uffata dambii ykn yuunifoormii, barrulee fi wantoota barnootaaf isaan barbaachisan bilisaan akka argatan taasisuu kana keessa tokko ta'uu eeru.

Manneen barnootaa magaalattii hunda keessatti Afaan Oromoo barachuun akka jalqabamu taasifneerra kan jedhan Injinar Taakkalaan, Oromoo qofa osoo hin taane saboonni kaanis afaanicha akka baratan taasifamaa jira jedhu.

Kuni ammoo gaaffii Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuu sududaan deebisuuf gargaara jedhu.

Afaan Oromoo qofa osoo hin taane dandeettii biyyattii jiddugaleessa godhachuun afaan sadii afur afaan hojii biyyattii yoo ta'e faayidaa guddaa akka qabu dubbatu.

Hojiin misooma lageen magaalattiis irra caalaatti kan fayyadu qonnaan bultoota naannawa magaalattii jiraataniifi jedhu.

Lageen kunneen yoo kunuunfamaniifi qulqullaa'an, ennaa magaalattii keessaa gadi yaa'an qonnaan bultoota irratti rakkina gaha ture hambisa jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata