Haleellaa Jarman: Lammiin Eertiraa tokko sabummaasaatiin qoodamee haleelame

Iddoowwan rasaasni itti dhoka'e Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Iddoowwan rasaasni itti dhoka'e poolisiin adda baase

Lammiin Eertiraa Jarmanii keessatti garaa isaarra rasaasaan rukutame sabummaasaatiin qoodamee irrati xiyyeefatameeti jedha Poolisiin.

Abbaan Alangaa Magaalaa Firaankifarti Aleksaandar Badle namni rasaasa dhukaasee lammii Eertiraa ajjeese kun ta'e jedhee sababa sabummaa isaatiin ajjeesuu isaa ibseera.

Namni umurii waggaa 55 kan poolisiin haleellaa qaqqabsiiseera jedhe kun ofii isaatiifis du'ee konkolaataa isaa keessatti argame.

Poolisiin namni kun akka of ajjeese beeksiseera, meeshaa waraanaas mana isaatii arguu ibseera.

Tibba darbe wayita qondaalli mootummaa tokko baqattoota biyya Jarmaniitti koolugalaniif dubbate ajjeefamerraa eegalee lammiilee Jarmanii yaaddoo keessa galaniiru.

Dameen tajaajila tikaa Jarmanii taateewwan shororkeessummaan walqabatan akkanaaf deebii hatattamaa kennuu dhabuusaatiin komatamaa jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata