'Finnisa hin buruqsiinaa, hakiima bira deemaa'

Shamarree fuulashee iddoo finnisni jiru qabdee jirtu Image copyright Getty Images

Namoota addunyaa keessaa harki 80 umuriin isaanii 11-30 tahan jireenya isaanii keessatti al tokko finnisa baasu.

Umrii dargaggummaatti bal'inaan kan mul'atu yoo tahu, ga'eessota irrattille bahuun miidhagina fuulaa irratti dhiibbaa akka uumuufi ofitti amanamummaa akka hir'isu warri dhimmicha qoratan ni himu.

Finnisni dhibee sanyiidhaan daddarbuu danda'u yoo tahu. Sababiin ijoo finnisni yeroo baayyee fuula namaarratti akka bahu taasisu garuu xannacha waan akka dibataa maddisiisuufi baakteeriyaa gogaa nama hundarra jiraatudha jedhu, Yunivarsiitii Finfinneetti Kutaa barnootaa dhukkuba Gogaafi Wal-quunnamtii Saalaatti Piroofeesara gargaaraa kan tahan Dr. Daanyaachaw Shibashii.

Dhangala'aan ykn dibatni kunimmoo gogaa irratti qaawwi akka banamu taasisuun baakteriyaan durumaan gogaa keenyarra jiru keessa seenee finnisni akka uumamu taasisa.

Akaakuun nyaataa finnisa fiduufi baay'isuu danda'u waan mala saayinsaawaan mirkanaa'e hin qabu jedhu. Ragaan BBC Earth Lab irraa arganne immoo nyaata zayita baayyee qaburra kan sukkaara qabutu finnisni gogaa keenyarra akka baay'atu taasisa jedha.

Haa tahu malee ''namoota sadarkaa jireenyaa gad-aanaa qabanirra warra jireenya foyya'aa qabanirratti irra jireessaan mul'ata'' jedhu Dr. Daanyaachaw.

Dubartoonni yeroo laguun isaanii dhufuuf jedhu finnisni akka bahuuf sababa tahuu ni danda'as jedhu.

Yeroo dhihoo asitti dargaggoonni lakkofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne finnisa fuula isaaniirratti bahu yaalamuuf gara dhaabbata fayyaa akka dhufan Doktariin kuni ni dubbatu.

Yaaliinsaa garuu baatii sadii hanga jahaa fudhachuu ni danda'a. Kuni yoo tahuu baate garuu waan finnisni fuula namaa irratti dhiisee darbu deebisuun rakkisaa taha jedhu Dr. Daanyaachaw.

Image copyright Getty Images

Ittisuun danda'amaa?

Finnisni gogaa namaa irratti akka hin baaneef malli itti ittisan hin jiru. Erga bahee booda garuu adeemsa finnsa baasu hambisuufi fuulli fayyaalessa tahee akka turuuf gochuu ni danda'ama.

Dhukkubichi sadarkaa garaagaraa qaba, hanga firii missiraa kan gahu, gidduusaatti tuqaa gurraacha kan qabuufi kan malaafi bishaan qabachuunfaa fuula namaarra baha.

''Kanaaf warri fuularra finnisa qabdan,

  • Hin buruqsiinaa,
  • Hin hooqiinaa,
  • Aduunis finnisa baay'isuu gatii danda'uuf, akaakuu gogaa isaanii erga bartaniin booda dibata aduu ittisu haa dibatani jedhu Dr. Daanyaachaw.

Gama biraan odeeffannoon BBC Earth Lab immoo nyaati sukkaara qaban kanneen akka keekiifi biskuutii hir'isuu, ziinkii mg30 baatii sadii keessatti fudhachuun harka 15 xiqqeessuu danda'a jedha.

Akkasumallee, kuula fuulaa(makeup) yeroo hunda fayyadamuu dhiisuu, rifeensa ofii yeroo yerootti dhiqachuu, kutaa qaamaa dhiqachuurra, dhaqna guutumaa dhiqachuufaa gorsa.

Finnisni sadarkaa malaa qabachuu irra yoo gahe fuula namaa akka malee gochuun miidhagina namaa irratti dhiibbaa uumuu waan danda'uuf yaalamuu akka qabu kan himan Dr Daanyaachaw, haatahu malee dhukkuba miidhaa fidu kan biraatti carraan itti geeddaramu hin jirus jedhaniiru.

''Haatahu malee fuulli yeroo akka malee tahu keesumaa dubartoota irratti dhiibbaa xiin-sammuu ni qabaatas'' jedhaniiru.

Yeroo ammaa kanatti yaaliin gogaaf taasifamaa jiru fooyya'aa waan dhufeef dargaggoonni naannoo magaala jiraatan otoo irratti hin baay'atiin yaalamuuf ni dhufu jedhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata