Itoophiyaan hojjettoota gara Eeshiyaafi Awurooppaatti erguufi

Hojjeettota ijaarsaa Image copyright Getty Images

Itoophiyaan hojjettoota leenji'an gara biyyoota Eeshiyaa, Biyyoota Emireetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) fi Awurooppaatti erguuf akka jettu qondaalli motummaa himan.

Ministeera Hojjetaafi Dhimmoota Hawaasumaatti Daayireektar Janaraaliin bobbii hojii biyyoota alaa Birhaanuu Abarraa BBC akka himanitti hojiilee ijaarsaarratti hojjettoota ogummaa fi muuxannoo qaban erguuf yaadameera.

Kanneen hojjettoota kana qacaruu fedhan damee ijaarsaa isa kam irratti ogeeyyii akka fedhu adda baasee hanga beeksisuttis eegamaa akka jiru dubbataniiru.

Bara baraan ogeeyyii hedduun buufataalee leenjii teeknikaafi Ogummaa akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifamaa waan jiraniif hanqinni hojjetootaa nu mudata yaaddoo jedhu hin qabnu jedhu qondaalli kuni.

Biyyoota amma eeramaniin dabalataan biyyoota kaan waliinis waliigaltee kana mallatteessuuf yaadamuu himan.

Kana milkeessuufis Ministeerri Hojjetaafi Dhimmoota Hawaasummaa, Ministeera Haajaa Alaa, Komishinii Carraa Hojii Uumuu fi Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa namoota filataman koreen of keessatti qabate tokko ijaarameera.

Koreen kun fedhii biyyoonni hojjettoota biyya alaa qacaruuf qabu kan qoratu yoo ta'u, Poolaand, Jaappaan, Kaanaadaa, Jarmaniifi Raashiyaan fedha akka qaban beekameera.

Jaappaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota kan biroofis kan ta'u carraa hojii kuma 350 akka qabdu beeksifteetti. Bu'uuruma kanaan sanadni waliigaltee qophaayee ergameeras nuun jedhan obbo Birhaanuun.

Kaanaadaan carraa hojii kuma 150 ta'u qabaachuun ishee ibsamuun walqabatees, carraa kanatti fayyadamuuf sochiin jalqabame jiraachuu dhageenyeerra.

Beeksifni carraa hojii kanaaf ta'uu loogii malee dargaggoota biyyattii hunda bira akka gahuufi ulaagaan barabaachisu gosti hojii jiru erga ibsameen booda ifa ta'a jedhan.

Dhiyeenya kana hojjettoota 13 gara Kataaritti, 6 ammoo gara Joordaanitti ergamuufi yeroo gabaabaa keessattis hojjettoota 58 gara Saa'udii Arabiyaatti erguuf akka ta'es dhagaahameera.

Namoonni kunniin hejjettoota manaa ta'anii ejensiiwwan seera qabeessa ta'aniin kan adda baafamaniidha.

Rakkoo lammiilee hojii barbaacha gara biyyoota Arabaatti ergamaniifi seeraan ala garasitti imaluun hidhaa fi dararaaf saaxilaman hambisuuf seerri haaraan bahee mootummoota gidduutti waliigalteen mallattaa'uu ni yaadatama.

Dabalataaniis, karaa seera qabeessaan deemanii biyyoota keessatti hojjetaniitti haala jiru qaama hordofu [Labour attache] hundeessuun ramaduuf qophiin xumurameera jedhan obbo Birhaanuun.

Qaamni kun carraa hojii adda baasa, mirgiifi nageenyi hojjettootaa eegamaa jiraachuus hordofa.

Waliigalteen mallattaa'e kan yeroo ta'us, carraan waliigalteewwan kunniin itti haaromfaman akka jirus ni dubbatu.

Bobbiin ogeeyyii gara biyya alaatti godhamu humna biyya keessa hin laaffisuu yaada jedhuuf deebii yoo kennan lakkoofsi ogeeyyii hojii dhabanii biyya keessa jiru hedduu ta'uu kaasaniiru.

Fedha hojjetaa biyya keessa jiru guutuun dursuun warra hafaniif carraan kun akka banamus ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata