'Kanan Eedsiin du'u natti fakkaatee mucaa kiyya guddifachaaf kenne'

Dubartii duubaan mul'attu

''Naannoo bara 2007 natti fakkaata...faranjiin tokko naannoo Lidataatti (Finfinnee) mucaa dhiiraa tokko hammate arge. Faranjichis suuraa maatii mukatti rarraasee, bilbilaanis namoota waliin dubbata ture.Mucaan inni hammate ture diimaa ture. Mucicha yoo ilaalus nan nahe. Mucichi mucaa kiyya fakkaata!

Isaan bira dhaabadhee bo'uun eegale. Faranjichis mucaanis Afaan ani dubbadhu hinbeekan. Callise yoon bo'us bitaa itti galuun hin oolle.

'What's this?...naan jedhe. Maal jedhe akkan deebisuf waanan hinbeekneef callisee bohu itti fufe.

Namticha karaa darbaa jiru tokko dhufe maal akkan ta'e na gaafate. Anis dafeen mucaan faranjichi baate kan kiyya fakkaatan jedheen. Maaloo eessaa akka dhufan naaf gaafadhu jedheen.

Isaanis afaan Ingiliziitiin erga waliin dubbatanii booda, faranjichi warra mucaa guddifate barbaachia biyya Ingilizii akka dhufe natti hime.

Ani garuu boohicha dhaabu hindandeenye. Akkuma gowwaatti dhaabadheen namoota ilaala ture.

Mucaa kiyya yoo barbaadu kan na mudate kan qofa hinturre. Yeroo itti daa'ima namaa argee kiyya ta'aa laata jechuu naasuun gogee baayyee ture. Kan Lidata garuu yoomu hinirraanfadhu.

''Daa'ima kadhadhee ta'ulleen nan guddisa''

Aaddee Balaayinash (maqaanshe kan geeddarame) haadholii daa'immasaanii guddifachaaf kanneen kennan hedduu keessaa tokko. Mucaanshee guddifannaan gara Kaanaadaa erga deemeen booda teessooN isaa jalaa baduun waggoota dheeraaf barbaachaan rakkattee jirti.

Guyyoonni daandiirratti ofi wallaaluun itti kuftees jiraachu himti. Guyyoonni karra cufatte qofaashe itti bo'aa turtees gola kiyya qofatu beeka jetti.

Abbaa fi haatiishe erga du'anii turaniiru. Obboleetti takka qofa qabdi. Garuu wal hingaafatan. Kanaafu fira dhihoo ykn hiriyyaa garaa hinqabdu.

Mucaashee jalqabaa loltuu tokko irraa kan godhatte waggaa 20n dura ture. Osuma baayyee hinturiin adda bahan. Mucichis fira fagootiif kenname.

Isaan boodas loltuu biraatti herumuun isa waliin kaampii keessa jiraataa turte. Mucaashee lammaffaa garaatti baattee osoo jirtu bara 1993 abbaan warraashee jalaa du'e.

'Gurri abbaatti ...' akkuma jedhamu sana abbaan warraashee maaliin akka du'e hinbeektu turte.

''Abbaan manaa koo HIVn qabamusaa hinbeekun ture. Lafa waraanaa deemuun rukutamee dhufee ture. Malee waan akkanaa jiraachu gonkumaa hinbeekun ture. Waan hunda kanan bare ergan dahee booda.''

Hiriyyaa isaa kan dhimmicha beeku tokkotu 'mucaa garaa keetii baasisi' naan jedhe. Anis lakkii maafan mucaa kiyya baasisa, mucaa abbaan irraa du'e. Abbaan irraa du'us itti kadhadheen guddisa jedhen.''

Amajjii bara 1994 mucaashe deesse. Achumaanis kaampii jiraattu akka baatu taasifamte. Dahannoo waan hinqabneef ganda deemte bohuu eegalte. Marmaara baayyeen booda mana kutaa tokkoo amma keessa jiraattu kana kennaniif.

Kanfaltii sooramaa kan abbaa warraashe qarshii 100 argachuu eegalte. Qabeenyaan qabdu mucaashee qofa waan tureef waggaa tokkoffaasaatti guyyaa dhaloota kabbajjeef. Suuraas waliin ka'an. Gammaddees.

Isaa booda garuu fayyaa dhabaa dhufte. Booda keessas socho'uyyuu dadhabe.

''Hospitaala seenuun sirree qabadhe. Yoon dhukkubsadhu namni tokko na waliin hinturre.''

''Godaannisi sun ni jiraata laata?''

Hospitaala ciisee mucaanshee biraa asiifi achi figaa ture. Kan eegu waan hintureef ammas ammas ni kufa ture jetti.

Guyyaa tokkos kufee baayyee miidhame. Addisaa madaa'ee akka ture yaadatti. Madaan sun amma waggaa 18 booda yaa jiraatu yaa badu hinbeektu. Kanaafu 'Godaannisi sun ni jiraata laata? Jedheen yaada jetti.

Mallattoon mucichaas godaannisa sana ta'a. Mucaashee mana namaatti guddates yoo ta'e yeroo baay'ee dhaqxe arguuf carraa hinarganne. Yeroo tokko qofa osoo quxisuun isaa baatii shanii yeroo ta'e ture argeenii ture.

Dhukkubichis guyyaadhaa gara guyyaatti nadadhabsiisaa dhufe. ''Irraa hinhaftun jedhame. Akkan du'u yoo natti himan mucaa kiyya eenyutu guddisa? jedhee yaadoon na qabe.

Mucaa kee guddifachaaf kenni naan jennaan abdii kutee waanan tureef fudhachuuf dirqame. Hangan du'e awwalamutti illeen nama naaf qabu waan hinjirreef guddifannaa kennu murteesse.''

Achinis dhaabbata guddifachaa Finfinneetti argamu tokko waliin haasa'an. Osuuma hospitaala jirtu mucaa fudhatan. Erga gara dhaabbatichaatti fudhanii boodas garaa dhaabbatichaatti taaksiin deemtee yeroo tokko mucaashee agarte turte.

Nagaa itti dhaamuun siree du'a itti eegataa turteetti deebite. ''Bohee boheen deebii'e. Maal godhu abdii kuteen malee mucaa kiyyaan adda bahu hinbarbaaduun ture.''

Bara 1996 osoo isheen hindhagahiin abbaa warraa fi haati warraa lammii Kaanaadaa mucaashee guddifataan fudhatan.

''Ati du'uufi maaliif carraa mucaa keetii cufta?''

Wayita hospitaala turteetti dhukkubbii fi nama dhabuun akka itti cimee ture yaadatti.

Dubartiin tokko garuu 'nama biyya kootii' jechuun dubartii nyaata bilcheesituuf mindeessiteef akka turte dubbatti. Isa booda wal jalaan bayyannachu eegalte. Garuu, duras ammas murteen mucaashee guddifachaaf kennuuf taasife sirrii ta'u fi dogongora ta'usaa ammalleen deebii hinargannef.

Mucicha kennuuf murtessuuf wayita rakkatteettis 'ati du'uuf jirta, maaliif carraa mucaa kee cuftaa?' Jedhamte jirti. Hojjattoonni dhaabbatichaas amansiisuuf yaalii taasisaa turu himti.

''Wayita isaan mucaa kiyyaa guddifattootaaf kennuuf jedhan baay'ee sodaadheen ture. Garuu maal gochuun danda'a ture? Ani yoon du'e eenyutu guddisa? Hakimoota osoo hinhafiin ati ni duuta naan jedhaniiru.

Dhaabbachu hindanda'u. Kanan deemu namatti hirkadheeni… Erga mucaan kiyya deemee booda qoricha TB fudhachu eegale. Akkuma isa xumureen ammo qoricha farra HIV fudhachuu eegale. Isaan booda waljalaan fayyaan kiyya fooyya'aa dhufe. Haala adda ta'een osoon hindu'iin hafe. Hosipitaalaa bahunis gara manaatti gale.''

Manatti galtee garuu mana duwwaa keessatti hirriba akka dhabde dubbatti. Du'arraa hafee 'mucaa kiyya ofi biraa nan dhaba' jettee yaade hinbeektu.

Waljalaan fayyaanshee fooyya'ulleen waa'een mucaashe garuu akka boqonnaa ishe dhorke dubbatti. Waggoota lamaafis halkanii guyyaa bohaa akka turte dubbatti.

''Baayyeen kan natti dhagahame guyyaan mana yaalaatii bahe mana gale ture. Akkasiin natti fooyya'ee mana galuuf osoon jiruun mucaa kiyya ormaaf kenneen? Dhiiga kiyya keessa vaayirasichi waan jiruuf harma hin hosiifne. Kan guddatees mooqaafi annaan looniin ta'usaan yoon yaadadhu natti dhagahama.''

Booda keessas dhaabbata mucaashe guddifattootaaf kennee deemuun akka teessoo mucaashe kennaniif gaafatte. Namoonni yoo mucaa harkaa fudhan akka waan isheef yaadaniitti dubbataa turan hundi itti geeddaramuu dubbatti.

Hojjattoonni dhaabbatichaas tokko kan biraatti daddabarsuun diddaa agarsiisan.

'Maaliif hindhifne innu waggaa 18 yoo guute ni deebii'aa' itti jedhu dubbatti.

Kana malees 'erga jaalatte kenniteen booda amma fidaa jechuun maaliidha? Ati dabarsite kennite jirta. Innis amma warra biraa qaba' jechuun akka abdii kutattu taasisaa turan.

''Hojjattuun dhaabbatichaa tokko bilbilteef, dhukkubbii keetuu si dubbisaa jira kan naan jette hindagadhu. Na arrabsu, guyyaan na boossisu turan. Ejansiin Kaanaadaa jiru cufameera naan jennaan of wallaalee kufee beeka. Boodas abdii kuteen hafe.''

''Anis isheenis ijoollee keenya barbaann turre''

Balaayinash mana murtii keessa qulqulleessummaan hojjatti. Isheenis qoricha farra HIV fudhataa jireenya itti fufte.

Yeroo hunda waa'ee mucaashe yaadu hindhiifne. 'Maaf ormaaf na kennite? Jedhee na jibbaa laata jechuu akka yaddu himti.

Haa ta'u malee, amma Imbaasii Kaanaadaatti deddeebi'u eegalte. 'Ministeera haajaa alaa gaafadhuu' jedhamte. Ministeerichi ammo 'Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii dhaqii' jedhaniin. Kunis baay'Ee ishee hin gargaarre.

''Hundumtuu na bosisuu malee didnaan nan dhiise.''

Ijoolleen guddifataan biyya alaa deeman maatiisaanii arguuf akka hinrakkanneef jecha maatiif teessoon hinkennamu yoo jedhamtuus, suuraa mucaanshee maatii Kaanaadaatti guddisaa jiran waliin ka'e akka dhiyaateef himti. Kana caalaa waa'ee mucaashee kan beektu hinqabdu.

Waggaa lamaan dura osuma mana murtii keessa hojjattuu dubartii tokko waliin haasa'u eegalti. Dubartii tunis akkumashee mucaa ishee guddifataan biyya Kaanaadaa deeme agarte akka hinbeekne itti himti.

Dhaabbanni ijoollee jara lamaanu Kaanaadaatti kenne tokkichuma. Mucaan kan kennames abbaafi haatiisaa du'aniiru jedhameeti. Dubartittiin mucaa barbaacha wayita eegaltuttis, 'maatiinsaa du'aniiru' waan jenneef wal isin agarsiisuu hindandeenye jedhamu itti himte.

Kana boodas dhaabbanni 'Barbaacha Maatii' jedhamu tokko mucaashee barbaadaafi jiraachuu Balaayinashitti himte. Dhaabbatichis, ijoollee guddifataan Itoophiyaadhaa fudhaman kan maatii waliin walitti fiduudha. Maatiin ijoolleessaanii barbaadanis haala mucaansaanii ittiin kenname itti hima.

Maqaa mucaa, suuraa, dhaabbata fudhate, biyya deemee… fi ragaalee mucicha barbaaduuf gargaaran hunduma kennuu qabaatu. Dhaabbaticha kan hundeessitees lammii Ameeriaa Andiriyaa Keelii odeeffannicha midiyaa hawaasaa irratti gadhiisuun mucicha ykn maatii mucicha guddisaa jiru barbaaddi. Balaayinashis ragaa mucaashee Andiriyaaf kennite.

Akka carraa ta'ee suuraa dhaabbata mucaashee guddifataaf kenne iraa argate kan maatii mucicha guddisaa jiraniifi kan mucaa qabateefi maqaasaanii harkaa qabdi. Akkasumas, kan ishee waliin ka'an, xalayaa haati mucaa sababii dhukkubaatiin mucaa guddifachaaf kennuuf hayyamte jirti jedhu mana murtiirraa qabdu itti kennite.

Osuma eeggataa jirtuus oduun gammachuu tokko Torontoorraa dhagahame. Maatiin muciicha guddisaa jiran argaman.

"Suuricha argeera ijaan kan wal agarru yoomi?"

Maatiin mucaa Balaayinash guddisan kan argaman Fesbuukii irratti ture. Kaanadaa Magaalaa Toroontoo jiraatu. Haati mucaashee argu akka barbaaddu dhageenyaan abbaan guddisaa jiru suuraa mucaa erguuf akka barbaadu ibseera.

Guyyaa tokkoos intalli Andiriyaa waliin hojjattu mana kiyya dhufte. Isheenis suuraa namichi mucaa kiyya guddisu karaa 'Viber' ergeef qabattee jirti.

Wayitan argus akkan itti gammade dubbachuu hindanda'u jetti. Amma mucaa waggaa 18 ta'eera. Maqaan an baaseef geeddaran illeen maqaansaa ammaas kan dura ani baaseen walitti dhiyaata. Maatiinsaas ''Hiyaadda'iin mucaa cimaadhaa. Barumsaanis cimaadha naan jedhaniiru. Akka baayyee jalataniifi kunuunsanis natti himaniiru.''

Maatiin haala mucaan keessatti argamu Balaayinashitti himuun suuraa isaalleen yaa erganiif malee qaamaan akka wal arganiif hangam hayyamoo akka ta'an garuu hinbeektu. Haatisaa barbaadaa akka jirtu mucichatti himuufi dhisuusaaniilleen hinbeekamu.

Suuraa mucaashee arguun gammachu kennuufilleen 'yooman ijaan arga' kan jedhuuf deebii akka hinargannee himti.

''Haalli mucaa kiyya ittiin guddisan na gammachiseera. Guddina gaariirratti argama. Yoon ijaan argu baadhees namoota gaarii natti fakkaatu. Hanga kana dhagahuun kiyya mataansaa abdii naaf kenneera. Fedha Waaqaa ta'e osoo ijaan wal agarree caalaan gammada ture. Osoon akka haadhaatti hammadhee... dhungadheen.. hawwa,'' jetti.

Mucaan kiyya lubbun jira jedhee hinyaadun ture kan jettu Balaayinash, 'akka guyyaa tokko ijaan wal agarru abdachuu kanan eegalees amma ergan suuraasaa argeen booda' jettee jirti.

''Sababii isaatiin keessi kiyya baayyee na hubamee ture. Amma qoricha kiyyas haalaan fudhataan jira. Galata rabbi waan argadhees nyaachaan jira, nagaas qaba!''

Qofaa waan taa'eef haalli jireenyaa kiyya jibbisiisaadha kan jettu haati kun, mana gandi naaf kennee kana keessa jiraadha.

''Akkuma argamu qorriifi dhoqqeensaa jibbisiisaadha. Kanarratti amma qala'iinsi jireenyaa jira. Yeroo tokko tokkos osoo jiraachuu baadheen jedha. Garuu osoon mucaa kiyya ijaan hinargiin maaliifan du'aa? jette.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata