Qabxiilee 13 waa'ee siree keessanii baruu qabdan

Holqa aduun itti bahaa jirtu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Durii kaasee holqi irriibaaf mijataa ta'u didnaan namoonni firaasha ummatan

Biyya keenyatti haaluma jireenya maatiitiin gostii fi sadarkaan siree irra bullu adda adda ta'u mala. Kunis siree mukarraa, xeebarraa, shiboorraa akkasumas kan wadaroorraa hojjatame ta'u danda'a.

Guyyaa eessa naannawaa oolamee galgala galmii hedduu keenyaa siree keessa. Sireenis baayyee keenyaaf lafa boqannaa, irriibaa, lafa gammachuun itti argamuu, kitaabni illeen itti dubbifamu, yeroo tokko tokkos ciifamee itti nyaatamuudha.

Ofii isin siree maaliif itti fayyadamtu?

Sireen meeshaa manaa namni tokko akkuma mana baheen bitatu keessaa tokko. Ofii waa'ee dhufaatii siree ilaalchise maal beektu?

1. Firaashiin waggaa kuma 77 tureera

Image copyright Getty Images

Bara duriitti ilamaan namaa firaashitti fayyadamaa akka turan hayyuun seenaa Gireeg Jeenar ni dubbatu. Afriikaa kibbaatti namoonni firaashii harkaan hojjatanii irra rafaa turan.

''Holqi duri mijataa hinturree. Namoonni ilbiisoota irraa ofi ittisuuf jecha firaashii hojjatachuu barbaadan'' jedhu hayyuun seenaa kun.

Bakkeen bulaniifi itti sooratan wal fakkaachuunisaa firaashiinsaanii nyaataan badaa ture. Firaashonni nyaataan badaniis abiddaan gubataa turan. Qo'attoonnis daaraa firaashota gubatanii argataniiru.

2. Sireen jalqabaa tuullaa dhagaa irraa hojjatame?

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sireen jalqabaa tullaa dhagaa irraa hojatame

Gireegi akka jedhaniitti, biyya Giriikiitti siree lafarraa ol ka'eerra buluun waggoota kuma 10 dura akka eegalame dubbatama. Biyya Iskootilaandi ammoo waggoota kuma jahaan dura siree lafarraa ol fagaaturra rafuun eegalame.

Sireenis tolfamaa kan turee dhagaa waliirra tuluun ture. Isaan boodas firaashi xiqqoon irra buufama jechuudha.

3. Warri Masrii sireesaaniif miila tolchuuf turan

Image copyright Getty Images

Abbootiin qabeenyaa Masrii duraanii sireesaaniitiif miila tolchu turan. Miilli siree kunis mukarraa kan hojjatamu yoo ta'u danaa ykn bifa beeladoota adda addaa qaba ture.

Hayyoonni seenaa kunneen akka jedhaniitti, akka sireewwan hammaayyaa kanatti diriiraa hinturree. Jidduu keessi dhooqaa ta'uun tolfama ture.

"Kunis namni siricharra rafu akka sololaatee hin kufneef yaadame kan hojjatamu ture."

4. Biyyoota Bahaatti, Siree olkaasuu jechuun aangoo barbaacha miti

Biyyoota lixaa fi keessattuu abbootii qabeenyaa Chaayinaa biratti sireen lafaa ol kaafamee yoo tolfame abbaan sirichaa hawaasicha keessatti aangoo akka barbaadutti fudhatama ture.

Ilaalchi warra Jaappaanotaa garuu kanaan adda. Afaa 'Taamaatii' jedhamu lafa buusuun isarra taa'uun baramaadha.

Bakkeewwan Kaasaakistaan tokko tokootti ammoo afaa lafa buufatanii rafuun kan barame ta'u himu hayyuun kun.

Barmaatileen kunis namoota eddoodhaa gara eddootti socha'an irraa kan fudhatameedha. Isaan wayita imalan akka ba'aasaatiif hin rakkanneef jecha afaa qabatu.

5. Warri Romaanii fi Giriikii kan nyaatan sireerra ta'uun ture

Image copyright Getty Images

Warra Roomaa fi Giriikii duriitiif sireen lafa hirribaa qofa osoo hintaane bakka nyaanni itti nyaatamus ture.

Osuma sireerra jiraannuu nyaata barbaadan minjaalarraa kaasuun sooratu ture.

6. Sireen durii maatii fi keessummaaf ni gaha ture

Bara jiddu galaatti warri Awurooppaa qabeenya qaban 'Siree olaanaa' (great bed) jedhu hojjatu turan.

''Sireen kunis guddaa ta'usaan kan ka'e, miseensoota garee kubbaa miilaa tokko ni qabata ture,'' jedhu Gireegi.

Sireen kunis wayita barbaadamutti hiikamu waan danda'uuf abbootiin qabeenyaa bakka teessoo isaanii yoo geedaran sireessaanii qabachuun deemu turan.

7. Siree wadaroo irraa tolfamu

Image copyright Getty Images

Milli siree kanaas mukarraa kan hojjatamu yoo ta'u, jidduunsaa wadaroorraa hojjatama.

Hayyoonni seenaa akka jedhaniitti, yeroo hojjatamu wadaroon haalaan yoo jabaate sireen caalaa mijataa ta'a.

8. Dhaabbiin siree arfanis mallattoo qabeenyi ittiin mul'ifamu ture.

Image copyright Getty Images

Akka lakkoosfa Awurooppaatti bara 1400 hanga 1500tti ture siree gama afuriin dhaabbi qabu irra buluun kan eegalame.

Dhaabbiwwan marsaa sireetti tolfaman kunnneenis sirichaaf bareedina dabalu.

"Dhaabbiin kunneenis qabeenya namni tokko qabu kan ittiin agarsiifamudha,'' jechuun dubbatu hayyuun qorannoo gaggeessan Gireegi.

Dhaabbii kanneen naannoo sireetti ijaarsisuuf hojjattoota barbaachisa. Kana kafaluu kan danda'u ammoo nama qabeenyaa qabu qofaadha.

9. Sireefii Siyaasa

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mana cisiichaa masaraa Siwiidiin keessatti argamu

Akka Profeessar Saashaa Haandiliin dubbataniitti, gara seenaa ammayyaatti yoo dhufnu sireefi siyaasni walitti kan hidhamaniidha.

Duri mootii fi giiftiin 'ilaalcha waaqaan' filatamanii mudamu ture. Kanaafuu mootonni sireesaanii jiddugala siyaasa isaanii taasisuun yaadu turan.

Sirnootiin adda addaas kan raawwataman naannoo siree motootaatti ture. Motonni waa'ee sirna jaalatanii yoo dubbatan, siree akka waltajjiitti itti fayyadamu turan.

10. Afuura hamaa ittisuuf albee mataa duratti fannifuu

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sireedhaan olitti meeshaalee afuura hamaa ni ittisu jedhani ni fannifamu ture

Namoonni osoo rafan akka hafuurri hamaan isaan hinrakkifneef, kadhannaa taasisuun alattis, meeshaalee afuricha ittisuuf nitajaajilu jedhanii amanan sireesaanii olitti fannisu ture.

Namoonni hafuura hamaa irraa of eeguuf jecha ilkaan biineensoota daggalaa kan adda sardiidaa marmaatti hidhatanis jiru ture.

Akkasumas sibiilli afuura hamaa fageessa jedhame waan yaadamuuf, siree daa'imaatiin olitti haaduun/albeewwan sibiilaa ni fannifamu ture.

Image copyright Getty Images

11. Hanga firaashii jahaatti. . .

Gara jaarraa ammayyaatti yoo dhufnu, namoonni sireesaaniif maallaqa baayyee baasuu. Jaarraan sireen qabeenya dhalootarraa kan gara dhalootaatti darbu taasifamee fudhatamus tureera.

Akkasumas firaashiin hanga jaha ta'u walirra naqamuun sireerra kaa'ama ture. Qabeenyaa nama tokkoo keessaa harki tokko jahas siree sana ta'u danda'a ta'a.

kanaafu sireen safartuu sadarkaa jireenyaa taasifamee ilaalama ture.

12. Ce'umsa gara siree sibiilaatti

Hanga jaarraa 19ffaatti Awuuroopaatti keessatti sireen kan hojjatamu mukarraa ture. Bara 1860 keessa mukni injiraanii fi tafkiidhaa lafa wal hormaataa ta'unnsaa waan barameef, siree sibiilaan hojjachuun eegalame.

Sireen sibiilaas kan fooyya'e ta'e argamusaatiin alattis, firaashiin socha'u (coiled spring mattress sprung) kan hojjataman baruma sana keessa ture.

Sireewwan kunneenis qulqulleessuufis baayyee salphaadha.

13. Mana cisiichaa ijoollee

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mana cisiichaa ijoollee

Seenaan akka mul'sutti, maatiin hundi aadaa siree tokkicha irra rafuu qaba ture. Ingilizii keessatti warri Vikitoriyaanotaatu manni ciisaa ijoolleef ni barbaachisa jechuun yaadicha beeksiise.

Erga oggeessoonni wallansaa daa'imman maatiisaanii irraa adda bahuun rafuun barbaachisaa ta'u mirkanneessanii booda manni cisiichaa ijoollee qofaatti barame.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata