Ashaaraa Magariisa: Biqiloota miliyoona 200 guyyaa tokkotti

MM Dr Abiy wayita biqiltu dhaaban Image copyright PM Office Facebook Page

Karoorri amma Ministira Muummee Itoophiyaa Dr Abiya Ahimadiin guyyaa tokkootti biqiloota miliyoona 200 ni dhaabna jedhame har'atti qabame kunis, sadarkaa galmee addunyaatti biyya Hindiitiin qabame cabsuuf akka ta'e, Artisti Dabbabaa Isheetu BBC'tti himanii turan.

''Hindiin guyyaa tokkootti biqiltoota miliyoona 100 dhaabuun galmee addunyaa qabatte jirti. Nuti ammoo guutuu biyyaatti biqiloota miliyoona 200 ni dhaabna jennee karoorfanneera,'' jedhaniiru Artisti Dabbabaan.

Yaadni kunis fudhatama argatee lammilee hedduun bakkee garaa garaatti biqiltuu dhaabuuf gasoofi akkaafaa baatee mul'achuu eegaleera.

Komishiniin Naannoo, Bosonaafi Jijjirama Qilleensaa, akkasuma sochiin misooma bosonaa akka jiru seensa gannaa kanaarratti ibsaa turan.

Ganna baranaa qofatti walumaagalatti biqiloota biiliyoona 4 dhaabuuf koreen ministirootaa MM Abiyiin hoogganamu hundeeffamuu himameera.

Biqiltuu dhaabuun kunis walakkeessa Adooleessaatii qabee hanga qaam'eetti akka raawwatamutu himame.

Haata'u malee Adooleessi 22, 2011 Itoophiyaa guutuutti biqiltuu dhaabuun galmee addunyaa cabsuuf kaayyeefachuu odeeffannoon waajjira MM bahan ni mul'isu.

Kana keessattis naannoolee gahee mataasaanii qabataniiru.

Haaluma kanaanis naannoon Oromiyaa miliyoona 126, naannoon Amaaraa miliyoona 108, naannoon Kibbaa miliyoon 48, Tigiraayi miliyoona 9 akka dhaaban yaaduun iddoon adda baafamee, boolli qotamuun qophaa'u himameera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamasaatiin qophii biqiltuuwwan mil. 3 dhaabuu kan isa dandeessiisu xumuruu Itti-aanaan Kantiibaa Injinar Taakkalaa Uumaa fuula tiwiitariitiin ibsaniiru.

Guyyaa tokkicha boollawwan mil. 1.5 akka qotan eeruun, ''jaalala magaalaa keenyaaf qabnu hojii qofaan haa mullisnu,'' jechuun waamicha dabarsaniiru.

Kana malees, karaa midiyaalee hawaasaatiin ''[Qaroon] biqiltuu dhaaba'' jechuun waamicha dabarsaa turan.

Duula Wiixata har'aa guyyaatti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf yaadameefis baajanni miliyoona 54 ramadamuu koreen teekinikaa sochiichaa qindeessu ibse.

Duulawwan biqiltuu dhaabuu

Obbo Mogas Warquu hojii gaggeessaa waldaa misooma naannoo Lam Itoophiyaati.

Waldichi erga hundeeffame waggoota 28 kan lakkoofsise yoo ta'u, hundeessitoonni waldichaas biqiloota dhaabuun caalaa, sammuu namoorratti hojjachuun naannoo biyyattii barbadaa'ee bosonaan haguuguuf akka fayyadu amantaa cimaa qabaachu himu.

Hundeessitoonni waldaa kanaa Pirezidaantii duraanii Girmaa Waldagorigiisiin dabalatee ogeeyyii damee kanaa olaanoo ta'u dubbatu.

Qabeenyi bosona amma jiru turuu kan danda'e waan hawaasni naannichaa aadaa fi duudhaa bosona kunuunsuu qabuufi jedhu obbo Salamoon Kabbadaa.

Obbo Salamoon Daarektara Malkaa Itoophiyaa yoo ta'an, dhaabbatichi erga hundeeffame waggoota 10 lakkofsiseera.

Itti dabaluunis, beekumsa saayinsii akkuma jirutti ta'ee, beekumsa hawaasni eegumsa naannootiif fayyadamuun bu'aa damee kanaan eegamu argachuuf ni dandeessisa amantaa jedhu qabu.

Hojii dhaabbanni isaanii raawwatu keessaa tokko naannoo Amaaraa, Oromiyaafi Ummattoota Kibbaatti biqiltuu dhaabuun misooma naannoo keessatti kan gaheesaa gumaachaa jiras jedhaniiru.

Misooma bosonaatiin alattis ,miseensoota hawaasaa kanneen umuriin raagan fi dargaggoota waliin haala ce'umsa beekumsaa irratti hojjataa jiraachuu himu.

Duulli biqiltuu dhaabuu amma gaggeefamu kunis hubannoo hawaasichaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbatu.

Haa ta'u malee, adeemsa ganna dhufe darbuu biqiltuu dhaabuu kun irra deebii'amee ilaalamu qabu jedhu Obbo Salamoon.

Obbo Solamoon, ''akka biyyatti kaayyoo adda bahe qabaachu qabna'' sababiinsaas adeemsi biqiltuu dhaabuu baargamoo dhaabu bira kan darbuudha'' jedhu.Keessattu ciramu mukaaf dhaabbileen ittigaafatamummaa qaban waan jiraniif, isaan hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu.

''Duulaan biqiltuu dhaabuun waan haaraa miti'' kan jedhan ammo Obbo Kadir Yimaam Damee eegumsa naannoo Yuunivarsitii Finfinneetti barataa digrii sadaffaati .

Bara sirna Dargii ta'e bara ADWUI tti biqiltuu duulaan dhaabuun baratamaa ta'ullee, xiyyeefannaan kennamu kan qabu biqiltuu dhaabaman keessaa hangamtu qabatee? kan jedhu irratti ta'u qaba jedhan.

Obbo Mahaammad Idirisis yaada kana deeggaru. Isaaniinis Yunivarsitii Ambootti barsiisaa eeguma qabeenya Uumamaa yoo ta'an ammaan tanas Yunivarsitii Finfinneetti Eeegumsa biyyoorratti digrii sadaffaa barataa jiru.

Akka biyyaatti rakkoolee umamaa adda addaatiif saaxilamu keenya kan himan Obbo Mahaammadis ta'e, Obbo Mogas Waldaa Lam Itoophiyaarraa, Kanaaf maddii qabeenyaan bosonaa gadi bu'usaati jedhu.

Kanaafuu duula motummaan misooma magariisaa jechuun wagga waggaan gaggeessu haala gaariin ilaalu.

Obbo Mahaammad, attamiin dhaabataa jiru? kan jedhuurratti sodaa qabaachuu dubbatu.

Fakkeenyaaf erga barkumeetii kaafne duulaa biqiltu dhaabaa turrullee haalli bosona biyyaatti fooyyee agarsiisuu dhabu kan dubbatan Obbo Mahaammad, hir'ataa akka jiran himani.

Naannoo baroota 1990 ammii bosona biyyaa heektaara 15,114,000 ture kan jedhan barsiisaan kun, bara 2000 keessa heektaara mil. 13tti hir'achuu eeruun.

Bara 2010 sirumaa gara heektaara 12,000,296, bara 2018tti 12,000,147 hir'achuu dubbatu.

Otoo dulli biqiltuu waggaan waggaan dhaabu hubannoo uumuu cimfamuu hammi bosonaa gadi bu'aa adeemuu jiraachuu mul'isa. Kanaafu kan dhaabne qabataa jiraa? Jechuun gaafachuun murteessaadha jedhan.

Obbo Salamoon gama isaanitiin, yaada barsiisaa kanarratti walii galu. Akka ragaa motummaa Federaalaattis ammaan tana haguggiin bosona biyyatti harka15-20 ttii tilmamame barana duulli kun fiixaan yoo bahe gara harka 30tti olka'aa abdatu.

Kan dhaabne akka qabatuuf.. .

Adooleessa 22, 2011 biqiltuu mil 100 dhaabuuf mootummaan kaaroorsu walumaa galattis ganna kanatti biqiltu bil 4 dhaabuuf karoora ifa taasisee irratti naannooleen ni hirmaatu.

Qaamoolee tokko tokkoos guyyichaan duraa qabanii biqiltuwwan wayita dhaaban midiyaalee agarsiifama jira.

Duula kana fiixaan baasuufis haaldureewwan akka boolla qotanii qopheessuu, iddoo filachu, qophii bajataa fi humna namaa barbaachisuu, biqiltuwwan qopheessuufi bakkichatti geessuu, kkf gochoota dursinee yaada keessa galchu qabnuudha jedhu barsiisaan Yunivarsitii Amboo.

Obbo Mogosis akkasuma hir'inni hubannoo jiraachu dubbatu. Biqiltuwwan dhaabuun bira darbamee, dhaabbileen biqiltu dhaaban lakkaa'amee yoo kennameef itti gaafatamummaa guddisuu qabu jedhu.

Kanaafu haalli biqiltu dhaabu keenyaa ''kan saayinsii hordoofe, hubannoo fi qorannoo irratti hundaa'e yoo ta'e caalaa bu'aa qabaata'' kan jedhan Obbo Salamoon, bakka duraan dhaabame ture deebiisanii dhaabu fi deeggarsa ogeessaa malee dhaabuun bu'a qabeessa hin ta'u jedhu.

Biqiltu yaadannoo MM duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiif kana dura dhaabatan caalaa qabataniiru jedhu Obbo Mahaammad. ''Kunis dhabuun biqiltu osoo qaama hordofu qabaate caalaa bu'aa qabeessa '' jedhu.

Biqiltuu hanga har'atti dhaabbatan haala duulaatiin waan tureef adeemsa saayinsaawaa ta'e hordofuusaanii gaaffii akka kaasu dubbatu Obbo Mahaammad.

Dulaan wayita dhaabbatu biqiltuwwan ofeeggannoon bakka dhaabaman geeffamu, humni barbaachisu qophaa'usaa, mirkanaa'u qabaata jedhu. Kanneen dhaabanis hubannoo gahaa qabaachuu qabu jedhu.

biqiltuu dhaabamanis haala keessaatti margan wajjiin walsimanii dhaabachuu akka qaban dubbatan.

Biqiltuu biyya keessaa dhaabuun baay'ee filatamaadha kan jedhan Obbo Mohaammad, dheerinni biqiltuu fi dhukkubarraa bilisa ta'u adda baasuun, qabachuu biqiltuuf gumaata qaba jedhu.

Akkasumas bakkeewwan biqiltuun dhaabamu kan hawaasni itti hin fayyadamne yoo ta'e caalaa carraan qabachuu biqiltuu dabala jedhu.

Image copyright Eric Lafforgue/Art in All of Us

Haalli baay'ina ummataa dabalaa adeemuu kunis barbaacha lafa qonnaa haaraan walqabate qonnaan bultoonni bosona gubuun gara lafa qonnaatti geeddaran jiraachuu dubbatu kanaafuu, biqiltuu dhaabuun qonnaan bultootas hirmaachisuu qaba jedhan.

Baadiyyaa biyyatiitti haguugii bosonaa caala bal'achaa kan jiru lafa qonnaati kan jedhan barsiisaan kun, kuni balaa qaba jedhu.

Keessattu gama kaaba biyyaatti 'magaalootatu caalaa magarisa uffate mul'ata.' Jechuun baay'ee hojjachuun akka barbaachisu himu.

Dhaabbanni 'Wii forast' jedhamuu Gojjaamii fi naannoo Tigraayi keessatti bosonarratti hojjatu tokko jiraachu kaasuun, innis yaada rimee 'qonna waliin bosona gabaaf ta'u akka misoonsan (mukaalee ijjisaanii nyaataman) qonnaan bulaaf dhiyeessuun hojjata akka jiran himan.

Kunis qonnaan bulaan maasaa kennuun kunuunsee, wayita ija godhatu gurgure galii irraa argachaa eegumsa naannoof akka gumaachufi jedhu.

Kana malees haala dhaabbii keessatti boolla torbaan lama dura qopheessuu, biqiltu pilaastikii irraa baasuun dhaabu,hundeesaanii kan hin dachaane ta'u mirkaneessu qabna jedhani gorsu.Boolli biqiltuuf qophaa'e kan bishaan keessa hin jirre, erga dhaabne boodas bishaan akka irra hin cifne gochuun barbaachisa jedhani gorsu.

Kana males sanyi biqiltuwwan dhaabbatanii faayidaa maaliif kan olan ta'u adda baasuun barbaachisaadha jedhu Obbo Salamoon. Kana baruunis bakka itti dhaabnu adda baasuuf ni gargaara jedhu.

Dhugaatti karoorri MM ni milkaa'aa?

Obbo Mahaammad kanarratti shakkii homaa hin qaban. Addunyaarratti aadaan wal fakkaatu jira jechuun mucaan lammii Jarmanii Filiiksiifiin Kibeyinar biqiltuu miliyoona tokko dhaabusaa, Waangaarii Maataayi Keeniyaatti bakkeewwan bosonni irraa cirame irratti biqiltuu mil. 30 dhaabuu saanii kaasuun fiixaan ni baha jedha.

"Yaanni isaanii kun garuu ''haalatu murteessa'' jedhan.

Obbo Mogos akka jedhaniitti, waggoota dhufan 10 keessatti biqiltu kamiitu eessa dhaabbata isaa jedhu adda baasuun osoo dhaabame caalaa bu'a qabessa akka ta'u dubbatu. Yeroo tokkoon biyyatti magariisa uwwiisuuf ka'uun dogoggoras jedhan.

Wal jalaan dogongora irraa baraa osoo deemanee caalaa bu'aa qabaatas jedhu.

Image copyright Zinabu Takele Facebook Page

Duula MM milkaa'aa taasisuuf qaamoolee dhimmisaa ilaaltu hunda hirmaachisuun barbaachisa kan jedhan ammo Obbo Salamoon.

Biyya keenyatti duulli biqiltuu dhaabuun dhaabbileen isaan ilaallatu waliin kan wal hin qabanne kan jedhan Daarekterrichi, kun ammoo bu'a qabeessummaasaa gaaffii keessa galcha jedhu.

"Biqiltuu dhaabuun invastimantii guddaa gaafata." Obbo Salamoon akka jedhanitti kaayyoo ifatti kaa'anii deemuun waan jalqaba ta'uu qabudha.

"Mul'ata waloo biyyaalessaa tokko nu barbaachisa," jechuudhaan mul'ata kana milkeessuuf ammoo tarsiiimoo fi galma ifa ta'an akka barbaachisan ibsu.

Sababiin mukti muramuuf inni tokko qonnaa akka ta'e eeranii, adda durummaadhaan biqiltuu dhaabuun kan irra jiraatus isuma ta'uu qaba jedhu.

Qonnaa biqiltuu dhaabuu waliin sagantaa isaa yoo hin qindeesiin, akkuma hojii qonnaa bakka gara garaatti hordofnutti biqiltuu dhaabuus kanuma waliin yoo kan hin hordofne taanee carraaqqiin keenya hin milkaa'u jedhan.

Abbaan qabeenyaa tokko hektaara kuma 100 nan misoomsa yoo jedhe, bosona hektaara kuma 100 mancaasa kan jedhan Obbo Salamoon , abbaan qabeenyaa kun akkamiin kan milkeessuu danda'a jedhanii gaafatu.

Qonna misooma jallisii keessatti na hirmaadha, dhiqamuu biyyoon ittisa sagantaa jedhan yoo qabaate bosona misoomsuu keessatti hirmaachuu qaba jechuudhaan duula biqiltuu dhaabuu Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad taasisaa jiru bua qabeessa taasisuudhaaf wantota hojjetamuu qaban ibsu.

Karaan biraatin, manca'insa bosonaatiif sababii kan ta'u humna ibsaa maddisiisuu akka ta'e kan himan Obbo Salamoon, naannoo bishaan dhimma kanaaf itti cufamanitti bosona misoomsuun akka bishaan mirgisuuf hurki akka xiqqaatu gochuu, akkasumas biyyoo gara bishaan cufameetti akka hin kuufamne hir'isuun ni danda'ama jedhu.

Bishaan akka burqu gochuudhaaf ga'ee guddaa kan qabu mukeen akka ta'an eeruudhaan, pirojektoonni bishaanirraa humna omishan keessa biqiltuu dhaabuun qaama sagantaa isaanii ta'uu akka qabus ni hubachiisu.

Fakkeenyaaf Gilgel Gibe III yoo fudhanne jedhan Obbo Salamoon, lafa 150km fi ol ka'insa 140m ta'erra bishaan waan kuufamuuf, bakki kun duraan bosonni kan irra ture ykn holqa ture jedhu.

Hidhaa Haaromsaas yoo ta'e bakka bishaan itti kuufamu bosona ture akka Obbo Salamoon jedhanitti.

"Kanaf, bakka bishaan irratti kuufamu sana naannoosaa akka bosonni jiraatu hin taasifnu taanaan bishaan nu jalaa hir'ata.

Biqiltuu yoo dhaabne garuu, burqaawwaniifi maddeen bishaanii naannoorraa bishaan ni argamu. Achumaanis biyyoon gara hidhaa sanatti galus ni xiqqaata. Kana jechuun ammoo akka dhakaa tokkoon simbira lama isa jedhniidha," jedhu.

Obbo Moges yaada Obbo Salamoon waliin fakkaatu qabu. Rakkoon humni ibsaa yeroo ammaa addaan ciccituu mudachaa jiru bishaan hir'achuu qofaan kan uumame osoo hin taane, hidhaawwan biyyoodhaan guutamuun ta'uu mala jedhu.

Kanaaf ammoo furmaanni naanno hidhaa bishaanii hunda bosanaan uwwisuu akka barbaachisu ibsu.

Akka Obbo Salamoon jedhaniitti dandiin biyya keenyaa baadiyaattis ta'e magaalaatti yeroo ijaaraman mukkeen gurguddaa jigsuudhan. Pirojektiin daandiis biqiltuu daandii bitaafi mirgaan dhaabuu sagantaa isaa keessa galfachuu qaba jedhu.

Pirojektiin biraa bosona ciran keessaa kan biroon warra misooma manaatti bobba'anidha jedhu Obbo Salamoon. Gama kanaan dhaabbileen mootummaas ta'e kan dhuunfaa itti gaafatamummaa karaa qabuun hojii isaanii hojjechuu akka qaban dubbatan.

Dhaabbileen dhuunfaa yeroo misoomatti/invastimantiitti bobba'an bosana mancaasuu waan danda'aniif dhaabbanni kana to'atu jiraachuu qaba akka Obbo Salamoon jedhanitti.

Obbo Mohaammadis biqiltuu dhaabuun karaa dhaabbatummaa qabuun yoo gurmaa'e bosonni baadiyyaa Itoophiyaa daran akka dabaluuf gumaacha jedhan.

"Kana kan to'atu ammoo waajirri tokko jiraachuu qaba."

Image copyright PM Office Facebook Page

Hirmaannaa hawaasaa

Obbo Mohaammad hanga ammaatti biqiltuu dhaabuu irratti rakkoon hin jiru jedhu. Erga dhaabnee booda garuu kunuunsuufi eegumsa gochuurratti dadhabbii qabna jedhu.

Waggoota 10 darban keessa osoo biqiltuu dhaabnuu bosonni dabaluu dhiisee hir'achaa deemuun kunuunsuu irratti rakkoo akka qabnu agarsiisas jedhu.

"Biqiltu jechuun ilmoo jechuudha; kanaaf akka guddattuuf waggoota sadiif hordofanii kunuunsuun akka guddatu gochu barbaada."

Obbo Mohaammad akka jedhanitti biqiltuu dhaabne waggaa sadiif hordofnee sirriitti kunuunsuun akka guddatu hin taasifnu taanaan, humnaafi qabeenya guddaa irratti baasne fayyuma ta'a jedhu.

Obbo Salamoon sochii ammaa kanaaf akka tilmaama tokko tokkootti baasii Dolaara miliyoona 548 ykn Birrii Biliyoona 16tti siqu barbaada jedhan akka jiru ibsanii, "baajanni kana hundaaf jiraa?" jedhanii gaafatu.

Ba'aa mootummaa kan ta'e baajata kana hir'isuudhaaf, biqiltuu dhaabuu kana keessatti dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa gara garaa dammaqinsaan hirmaachuu akka qabanis ni dubbatu.

Gama biraan ammoo yeroo misooma bosonaa gaggeessinu kanatti kan hawaasaaf bu'aa buusu ykn galii fidu yoo xiyyeeffanne, hawasni bu'aa ofiif jedhee akka kunuunsuuf kaka'u taasisa jedhu Obbo Salamoon.

Obbo Mohaamman ammoo gamasaaniitiin biqiltuuwwan dhaabne hunda waggaa sadiif kunuunsuu danda'uun baasii guddaa dhimma kanarratti bahee, kan humnaafi qabeenyaa dabalatee, akka bilaasha hin taane godha jedhan.

Obbo Mogasiifi Obbo Kadiir gama isaaniitiin hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti ga'ee dhaabbileen amantaa qaban dagatamuu hin qabu jedhu.

Dhaabbileen amanataa barsiisa isaanii keessattis ta'e muuxanoo hanga ammaatti qaban biqiltuu kunuunsuun, keessattuu biqiltoota biyya keessaa tursiisuudhaan beekamoo waan ta'aniif isaan waliin hojjechuun kunuunsa walitti fufinsa qabu akka jiraatuu ni gumaacha jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata