Hidhattoonni Bookoo Haraam namoota sirna awwaalchaarraa turan 65 ajjeesan

Gaaxixessaan AFP aleellaa booda argeera Image copyright AFP

Hidhattoonni Bookoo Haraam sirna awwaalcha kaaba bahaa Naayijeriyaa bulchiinsa Boornoo tokkorratti dhukaasa banuun yoo xiqqaate namoonni 65 ajjeefaman.

Hidhattoonni doqdoqqeen mandara magaalaa guddoo bulchiinsa Madigurii cinatti argamtu sambata duraa seenuu namoonni argan himaniiru.

Namooni sirna gaddaarraa turan hedduun battaluma sana ajjeeffaman, namoonni kaan hidhattoota haleellaa banan ofirraa ariyachuuf otoo yaalanii ajjeeffaman.

Naannichatti haleellaan hidhattoonni raawwatan dabaleeraa.

Qondaalli mootummaa naannichaa Mohaammad Bulumaa jedhaman torban lamaan darbe jiraattoonni naannicha hidhattoota Bookoo Haraam 11 kan ajjeesan haaloo bahuuf haleellaa kana raawwatanii jedhan.

Gaazxeessaan AFP ta'ii arge manneen gubatan fi reeffa firisaanii ajjeefaman namoota fudhatan arguu dubbate.

Pirezedant Mohaammad Buhaariin haleellaa raawwatame balaaleffachuuun humna qilleensaa fi waraana hidhattoota haleella raawwatan akka adamsaniif ajajaniiru.

Waggoota 10'n darban namoonni kuma kudhanitti lakkaa'aman hidhattoota kanaan yoo ajjeefaman miliyoona lama kan ta'an buqqa'aniiru.

Bookoo Haraam jechuun ''Barnoonni biyyoota lixaa dhorkameera '' jechuu yoo ta'u, Muslimoonni barnoota siyaasaa ykn sochii hawaasummaa biyyoota lixaa waliin hidhata qabutti akka hin hirmaannee dhorka. Gartuun hidhattoota kana mootummaa fonqolchuun bulchiinsa IS hundeessuu barbaadu.

Naayijeriyaa qofatti otoo hin taane biyyoota ollaa akka Chaad, Niijeerii fi Kaameruunittis bulchiinsa walfakkaatu hundeessuu barbaadu.

Hidhattoonni kun shamarran 300 magaala Chibook bulchiinsa Boornoo mana barnootaatii butanii ugguruun qalbii midiyaalee idila-addunyaa bara 2014 harkisuu danda'aniiru

Bara 2015 jaarmiyaan Institute for Economics and Peace jedhamu addunyaarratti gartuu galaafachuun beekamu jechuun sadarkaa jalqabaarratti ramadusaatu yaadatama.

Odeessa kana irratti dabalata