Liibiyaattii haleellaa xiyyaaraan doktaroonni shan ajjeefaman

Khaaliif Haftaar Image copyright AFP

Hospitaala kibba magaala guddoo biyyattii Triipoolitti argamuttti haleellaa xiyyaaraan raawwatameen dokataroonni shan ajjeefamuu mootummaan Liibiyaa deeggarsa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qabu beksise.

Xiyyaara waraanaa kan Janaraala Khaliif Haftaar( kan mootummaa biyyattii waraanaa jiru) fi hoogganaa Waraana Biyyaalessaa Liibiyaati(LNA) jedhame haleellaa kana raawwachuu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Waraanni kun haga ammaatti yaada hin laanne.

Bara 2011tti, hoogganaan biyyattii baroota dheeraa Mo'ammar Gaadaafii aangoorraa erga buufamanii ajjeefamanii booda biyyattiin tasgabbii dhabdeetti.

Ebla darberraa kaasee mootummaa Liibiyaa (Mootummaa Waliigaltee Biyyaalessaa) kan deeggarsa idil addunyaa qabu fi kan Ministira Muummee Fayez al-Sarrajiin hoogganamuu fi garee Khaliif Haftaar gidduutti waraan adeemaa jiruun hanga ammaa lubbuun namoota 1,100 darbuu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa himeera.

Naannoo bakka dhalootaa Mo'ammar Gaadafiirraaa deeggarsa guddaan gara qarqara Triipoliitti kan siiqan gareen Haftaar amma haleellaa qilleensaan qarqaruma magaala Triipoliitti wal waraanaa jiruu jedha AFP'n.

Haleellaa Sanbataa kanaan lubbuu baraartota dabalatee namoonnii torba madaa'aniiru.

Image copyright AFP

Akka AFP'n gabaasetti, Kibba magaala Triipooliitti hospitaalota irratti haleellaan xiyyeefate yoo raawwatamu kun yeroo sadaffaafi.

Ji'a darbe bakka baqattootni biyyoota Afrikaa hedduun itti argamanitti halellaa xiyyaaraa raawwatamee lubbuu godaantota 50 tilmaamamu galaafatera jedhamef mootummaan biyyattii garee Khaliif komateera.

Gareen kun gama isaan jalqaba waraana mootummaa deeggaran haleeluufi haaloo bahuuf haaleellaa qaamoolen kunniin bananiin dogoggoraan buufata kana rukutuu hin oolan jechuun komii irratti ka'e haalera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata